Afrikaa cirachuu

From Wikipedia
Jump to: navigation, search

Afrikaa cirachuu (Afrikaa qooddachuu ykn Afrikaa Gabrommfachuu) Afrikaa qabachuu, koloneeffachuu, fi lafasaa saamuu humnoota Yuurooppin yeroo Impeeriyaalizimii Haaraa, bara 1881 fi 1914 gidduutti raawwatamedha. Bara 1870tti, Afrikaa dhibbantaa 10% qofatu too'annaa Yuurooppi harka jira ture; bara 1914tti, ardii Afrikaa keessaa dhibbantaan 90% bulchiinsa Yuurooppi jala jira, Abisiiniyaa (Itoophiyaa) fi Laayibeeriyaa qofatu gabrummaa jala hin galin hafe.

Korri Barliin 1884, kan daldalaa fi koloneessuu Yuurooppi too'ate, jalqaba Afrika gabroomfachuuti. Walmorkii siyaasaa fi diinagdee impaayera Yuurooppi giddu jirurraan kan ka'e, nuusa dhumaa jaarraa 19ffaatti, Afrikaa addaan qooddachuun tooftaa ittiin warri Yuurooppi Afrikaarratti tooftaa ittiin walii waliisaanitiin loluu ittisanidha. Waggoonni 59 kan dhumaa jaarraa 19ffaa, ce'umsa "imperiyaalizimii dhokataa", karaa waraanaa dhiibbaa uumuu fi diinagdee too'achuu, gara ummata kallattiin bulchyytti, imperiyaalizimii koloneeffataatti ce'e.


Seenaa Duubaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Deevid Liivingistoon, qorataa keessoo Afrikaa kan jalqabaa fi daldala garba nama mormu

Warri Porchugaal biyya Yuurooppii kan Bara Giddugaleessa booda jalqaba qarqara galaana ardii Afrikaatti iddoo qubsumaa, buufata daldalaa, dawoo waraanaa dhaabbataa fi buufata doonii dhaabanidha. Kunis, Bara Abuurraa keessa jaarraa 15ffaatii kaaseti. Sana booda jaarraa lamaaf, beekkumsi keessoo Afrikarratti qabanii fi fedhiin beekuf qabaniis xiqqaa ture.

Qorannoon Yuurooppanonni keessoo Afirkaarratti godhan gara dhuma jaarraa 18ffaa keessa jalqabe. Bara 1835tti, warri Yuurooppi kaaba-lixa Afrikaa baayyeesaa qoratanii kaartas kaasaniiru. Gara giddu galeessa jaarraa 19ffaa keessa, qorattoota Yuurooppi kan baayyee beekkamoo ta'an Deevid Liiviingistoon fi H. M. Istaanlii yoo ta'an isaanis kaartaa kibba Afrikaa fi Giddugaleessa Afrikaa hedduu kaasan. Imala ulfaataa bara 1850n fi 1860n keessa Riichaard Bartan, Joon Ispeek fi Jeemsi Giraant geggeessan, haroowwaan giddugaleessa gurguddaa fi madda Naayil argatan. Dhuma jaarraa 19ffaa keessa, warri Yuurooppi kaartaa laga Naayil maddasaarraa jalqabee kaasaniiru, boqoqa lagni Niijer, Koongoo fi Zaambeezii keessa yaa'u argataniiru, akkasumas qabeenya guddaa Afrikaan akka qabdu hubataniiru.

Hanguma bara 1870n keessattillee, mootummoonni Yuurooppi ardii Afrikaa dhibbantaa kudhan qofa qabatan, kunis baayyensaa qarqara galaanaati. Kan qabataman gurguddoo keessaa Angoolaa fi Moozaambiik, kan Poorchugaalin qabaman; Keeppi Kolonii, kan Ingilaandin qabame; fi Aljeeriyaa kan Firaansin qabame. Bara 1914tti, Itoophiyaa fi Laayibeeriyaa qofatu gita bittaa Yuurooppi jala hingalle.

Guddinni teeknolooojii lafa ormaa qabachurratti guddaa gumaacheeraa. Baballinni industirii dagaagina geejjibaa fi walqunnamtii fide, keessattuu bidiruu danfaan deemu, baabura, fi telegiraafii irratti. Guddinni saayinsii fayyaas akkasuma murteessaa ture, keessattu dhukkuboota tirooppiiksii keessatti. Kalaqamuun kuniinii, kan dhukkuba busaa yaaluuf gargaaru, warri Yuurooppi lafa tirooppikaalaa Afrikaa hedduu keessa seenuf isaan gargaare.

Sababoota[edit | Lakkaddaa gulaali]

Afrikaa fi gabaa addunyaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Afrikaan Sahaaraa-gadii, naannoo addunyaa kan "imeeriyaalizimii alidileen" hintuqamne kan dhumaa, bulchitoota Yuuroppif sababa diinagdee, siyaasaa fi hawaasummaan hawwataa ture. Yeroo daldalli Biriiteen hirrina agarsiisaa deeme, gabaa Yuurooppi kan sababa Dippireeshinitin (1873–96) xiqqaachaa deemee fi kan huggurri itti baayyachaa deemee, biyyoota akka Biriiten, Jarmanii, Firaansi, fi biyyoota biraaf Afrikaan gabaa gaarii ta'eef: gabaa humnoota gita bittaarraa waan baayye bitu garuu kan itti gurguru baayyee kan hinqabne.

Dabalataan, kaappitaalli dabalataa yeroo baayyee biyya alaatti investii yoo godhame irra bu'aa qaba, kunis meeshaalee bushoon, dorgommii xiqqaa fi meeshaa dheedhii hedduun jiraachun bu'aa olaana argamsiisa. Kan biraa kan impeeriyaalizimii amansiise tokko fedhii meeshaa dheedhii Yuurooppi keessa hin jirre keessattuu koopperii, jirbii, gommaa, zayitii paalmii, koko'aa, daayimendii, shayii, fi tiinii kan fayyadamtoonni Yuurooppi baayyinaan fayyadamuu jalqaban fi kan indastiriin Yuurooppi irratti hirkatu ture. Dabalataan, Biriiten qarqara galaanaa kibba fi baha Afrikaa qabachuu barbaadde, kunis gara Eeshiyaa fi impaayerashii kan Indiyaa yeroo deemtu, buufata bidiruu itti dhaaban akka ta'uufi.

Haa ta'u malee, Afrikaa keessatti – naannoo bara 1910tti Tokkummaa Kibba Afrikaa ta'e odoo hin dabalatin – kaapitaalli warra Yuurooppin investii godhame kan warra kaanitti yoo madaalamu xiqqaadha. Sababa kanaaf, kaampaanonni daldala Afrikaa tiropikaala irratti hirmaatan ija warra kaanin yoo laallamu xiqqaadha, kan Kaampaanii Albuuda Baasu Cecil Rhodes's De Beers alatti. Roodes Roodeeshiyaa mataa isaatif qabate; mootin Beeljiyeem Liyooppooldi II boodara gara jabummaa guddaadhan Koongoo saame. Wantoonni akkasii kun deeggartoota Impeeriyaalizimii kan turan kan akka Alldeutscher Verband, Francesco Crispi fi Jules Ferry jalaa ragaa ittiin gaarummaa impeeriyaalizimii amansiisan dhabsiisa, jarri kun gabaan Afrikaa rakkoo gatiin xiqqaachuu fi humnaa ol omishuu industirootaa kan ardii Yuurooppi keessaatti gabaan xiqqaachun dhufe hambisa jedhanii mormu.

Joon A. Hobsen gabaan Yuurooppi keessa jiru xiqqaachaa deemuun sababa "Impeeriyaalizimii Haaraa"ti jedhee dubbata.

Kan Yuunivarsiitii Niwuu Yook keessa hojjatu Wiiliyaam Isterlii, garuu, hariiroo kaappitaalizimii fi impeeriyaalizimii gidduu jiruu jiru ni morma, gita bittaan kan mootummaan deeggarame malee kan korporeshiniin deeggarame miti jedha. Inni yeroo dubbatu "impeeriyaalizimiin kaapitaalizimii fi gabaa bilisaa wajjin ifaan wal hinqabtu...seenaa keessatti kolooniyaalizimii/impeeriyaalizimii fi misooma mootummaan deeggarametu wal qabata."

Gabroomsa Musliimotaa kan duraa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Waldorgommii tarsiimoo[edit | Lakkaddaa gulaali]

Wal morkiin Biriiten, Firaansi, Jarmanii fi biyyoota Yuurooppi biraa gidduu ture sirna gita bittaatif sababa guddaa ture. Afrikaan tirooppikaalaa godina investimentii guddaa ta'uu baatus, naannowan biraa garuu iddoo investimentii turan. Keesson Afrikaa bal'aan Afrikaa Kibbaa kan daayimendiin badhaatee fi Ijiipti kan warqeen badhaate gidduu jiru daldala biyya alaa mirkaneessuu keessatti ga'ee waan tabatuuf shoora tarsiimawaa qaba. Biriiten gabaa guddaa Chaayinaa fi koloniishii kan bahaa, keessattuu Indiyaa, Malaayaa, Awustireeliyaa fi Niwuu Zilaandi, keessa jiru morkitootashii dura qabachuuf dhiibbaa siyaasaa keessa turte. Kanaaf, karaa bishaaniirraa kan bahaa fi dhiha walqunnamsiisu - Kanaalii Suwiiz - qabachuun murteessaa ture. Haa ta'u malee, tiyoorin beekkamaan kan Wiiliiyaam L. Laanger Imperial Diplomacy (1935) keessatti dhiyeesse, Roonaaldi Roobinsen fi Joon Andiree Galaager Africa and the Victorians (1961) keessatti dhiyeessanii fi kan Biriiten Afrikaa Bahaa bara 1880-90nitti sababa yaaddoo tarsiimawaa Laga Naayilii fi Ijiipti waan bulchituuf qabdurraa kaatee qabatte jedhu - achumaan karaa garbarraa gara Indiyaa geessu Suwiiz Kanaaal qabatte jedhu - kana Joon Daarwin bara 1997 morme. Mormiin kunis Joonaas F. Gjersøtiin bara 2015tti irra caala jabeeffame.

Garboonni Koongoo keessaa butamanii dhufan kan bidiruu garbootaa warra Arabaa keessa turan Humna Bishaanii Biriteenin karaatti qabame (1869). Sirrummaa gita bittaatif ragaan dhiyeessan inni guddaan daldala garbaa dhaabsiisuu kan jedhu ture.

Lafa Afrikaa qabachuuf ariifachuun buufata waraanaa fi buufata humna galaanaa qabachuurrattis mul'atera, kunis kaayyoo tarsiimoo fi humna agarsiisuf ture. Humni galaana guddachaa deemee fi bidiruuwwan haaran humna danfaatin deeman bakka itti dhagaa cilee naqatanii fi buufata itti suphaman barbaadu turan. Buufanni waraanaas karaa galaanarraa fi sarara walqunnamii eegufis barbaachisaa ture, keessattuu karaa bishaanirraa kan murteessaa ta'ee fi mi'aa ta'e kan akka Kanaalii Suwiiz. Koloniin "madaallii humnaa" keessatti akka qabeenyaatti ilaallamu, akka meeshaa yeroo walii galtee uuman walii kennaniitti itti fayyadamu. Kolonoonni ummata dhalataa biyya sanaa baayyee qaban madda humna waraanaati; Biriiten dhalattoota Indiyaa baayyee waraanagita bittaaf geggessiterratti akka loltootaatti itt fayyadamte, Firaansi ammoo dhalattoota Kaaba Afrikaa hedduu fayyadamte. Bara sabboonummaa keessa, biyyoonnii impaayera akka mallattoo guddina isaanii ittiin agarsiisaniif impaayera qabachuuf dhiibbaa keessa turan; yaadni "guddaa" ta'uus biyyoonni akka impaayera godhataniif akka dirqamaatti tarsiimoosaanii keessatti baasutti geesse.

Jalqaba 1880n keessa, Pierre Savorgnan de Brazza mootummaa Koongoo Firaansif jedhee qorachaa ture, yeroodhuma sana Henry Morton Stanley ammoo mootii Beeljiyem Liyooppooldi II bakka bu'ee qorachaa ture. Liyooppooldi II akka qabeenya dhuunfaasaatti Koongoo Firii Isteet jedhee qabate. Firaansi Tuniiziyaa Caamsaa 1881 qabatte, kunis Xaaliyaanin michooma Jarman-Awustiriyaatti 1882 akka makamtu amansiisuu hin oole. Baruma sana, Biriiten Ijiipti (hanga sanatti kan bilisa turte garuu kan Impaayera Otomaanif amanamtuu turte) qabatte, Ijiipti yeroo sana Sudaanii fi gartokkee Chaad, Eertiraa fi somaaliyaa bulchaa turte. Bara 1884, Jarmaniin Toogoolaandi, Kaameruun fi Kibba Afrikaa Dhihaa akka too'annooshii jala jiran beeksifte; Firaansi Giinii qabatte. Afrikaan Dhihaa Fireench 1895tti bu'uureffame, akkasumas Fireenchi Equwaatowiyaal Afrikaan bara 1910tti bu'uuressan.

Veeltipolitiikii Jarmanii[edit | Lakkaddaa gulaali]

Loltoota Askaarii Afrikaa Bahaa Jarman keessatti, naannoo 1906.

Jarmaniin Bara Impeeriyaalizimii Haaraa dura humna koloneefattu hin turre, garuu siyaa'inaan dorgommii kana keessatti hirmaatte. Mootummoota baayyetti ciccittee kan turte Jarmaniin, bulchaa Piraashiyaa jalatti Lola Sadowaa kan bara 1866 fi Waraana Firaankoo-Piraashiyaa kan 1870 booda tokkoomte. Humna industirii guddachaa jiru kan taate Jarmaniin, baballachuu bara 1880n keessa jalqabde. Michooma garee-lamaa Oostiriyaa-Hangaarii wajiniitinii fi ittaansee Michooma garee-sadi'ii Xaaliyaanii waliinitiin erga Firaansi qophaatti ambisee booda, Otoo Voon Bismaarki Kora Barliin 1884-85 akka geggeeffamuuf yaada dhiyeesse; korri kun seera ittiin lafa ormaa qabatanii fi too'atan baase. Weltpolitik (himaammata addunyaa) himaammata biyya alaa Kaaayizer Viilheelmi II bara 1890 baasedha, kaayyonsaas karaa dippilomaasii cimaa, lafa gitta bittaa qabachuu fi humna bishaanii guddaa ijaarun Jarmanii humnootaa addunyaa keessa tokko gochuu ture.

Jarmanoonni tokko tokko, lafa Filippiinsii fi Tiimor qabachuu deeggaran; kaan ammoo Formosaa (Taayiwaan ammaa), kkf akka qabatamaniif yaada dhuyeessan. Dhuma 1870n keessa, yaadonni namoota muraasan dhiyaatan kun himammata impeeriyaalistii baasun guddatan, fedhii daldalaan deeggaramee. 1881tti, Hübbe-Schleiden, ogeessa seera kan ture, kitaaba Deutsche Kolonisation maxxanse, kitaabni kunis "sabboonummaan biyya keessaa guddachuun himaammata biyya alaa haaraa barbaachisaa godhe" jedha. Jarmanii-leellisuun fedhii impeeriyaalizimii biyya haaraa kanaa waliin walitti hidhata. Jalqaba 1880n keessa, Deutscher Kolonialverein uummame, bara 1884ttii barruu mataasaa Kolonialzeitung dhaabbate. Dhiibban gita bittaa qabachuuf godhamu kun sabboonaa kan ture lldeutscher Verband dubbatamaa ture. Walumaa galatti, Biismaarki gitta bittaa babal'aa akka Jarmaniin qabaattu hin deeggaru ture, garuu bara Bitootessa 18, 180tti mooti Jarmanii haaraa Viilheelmi IItin akka aangoo gadi lakkisu dirqisiifame. Viilheelmi IIn himaammata gitta bittummaa fi lafa ormaa qabachuu sadarkaa olaanadhaan hojiirra oolche.

Baballachuun Jarmanii gara Tirpitz Planitti geesse, kunis Admiral von Tirpitz hojiirra oole. Namni kun 1898 kaasee Fleet Acts adda addaa deeggaraa ture, kunis dorgommii meeshaa waraana Biriiten wajjin gochuutti geesse. Bara 1914tti, Jarmaniin humana bishaaniirraa addunyarratti kan sadarkaa lammaffaa qabatu akka qabaattu godhe (dhibbantaa 40%n kana Biriteenii gadi kan ta'e). Akka von Tirpitz jedhutti, himaammannii humna bishaanirraa muddaan kun warra duubatti harkifatoon odoo hin taane National Liberal Party kan deeggaramu ture, kunis impeeriyaalizimiin namoota jireenyan giddu-galeessaa kan baayyachaa turaniin akka deeggaramaa ture agarsiisa.

Jarmanoonni Afrikaa keessatti humna koloneeffata guddaa sadaffaa ta'an. Impaayerri isaanii kan iskuweer kiilomeetirii miliyoona 2.6 ta'uu fi ummanni miliyoona 14 ta'u kan isaan gabroomsan irra caalaa Afrikaa keessatti Kibba-lixa Afrikaa, Toogoolaandi, Kaameruun fi Tagaanikaa keessatti argama. Entente cordiale 1904 kan impaayera Biriitenii fi Firaansi gidduutti godhametti aansee, Jarmaniin Qisaasa Morokkoo Duraa kan 1905tti fayyadamtee Firaansi kophaatti ambisuuf yaalte. Kunis Kora Algeciras 1905tti geesse, achirrattis Firaansi sababa Morookoo qabatteef lafa kan biraa akka gadi dhiiftuf walii galte. Kana boodas Qisaasni Agaadir bara 1911tti dhufe. Muudannoo Fashooda 1898 kan Firaansi fi Biriiten gidduutti uummame dabalatee, qisasni addaan hincitne itti fufaan kun wallaansoo hadhaawaa biyyoota impeeriyaalistii gidduu jiru agarsissa, kunis dhumarratti Waraana Addunyaa Itti geesse.

Baballachuu Xaaliyaanii[edit | Lakkaddaa gulaali]

Suurri harkaan kaafame kun Itoophiyaan Waraana Aduwaarratti injifannoo Xaaliyaanirratti galmeessite agarsiisa. Lolli Ixaaloo-Itoophiya kan 1895-96 Itoophiyaan biyya Afrikaa keessaa jaarra 19ffatti gita bittoota humnaan deebisuun bilisummaan turte kan dhumaa akka taatu godhe. Itoophiyaa, biyya Afrikaa keessa bilisa turte kan dhumaa, qabachuun Waraana Ixaaloo-Itoophiya kan 1935-36 irratti raawwatame.

Sagli Waraana Addunyaa Tokkoffaa duraa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Gita bitamuu Koongoo[edit | Lakkaddaa gulaali]

Suwiiz Kanaal[edit | Lakkaddaa gulaali]

Kora Barliin (1884–85)[edit | Lakkaddaa gulaali]

Mormii Darvishootaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Waraana Hareeroo fi Fincila Maji-Majii[edit | Lakkaddaa gulaali]

Muudannoo gita bittaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Holola gita bittaa fi of tuulummaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Agarsiisa gita bittaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Dhukkuba ittisuu[edit | Lakkaddaa gulaali]

Gita bittaa Waraana Addunyaa I duraa[edit | Lakkaddaa gulaali]