Abuurrraa Ji’oogiraafawaa

Wikipedia irraa
Kaartaa addunyaa Ortelius bara 1570, atlaasii ammayyaa addunyaa irratti isa jalqabaa.

Abuurraan ji’oogiraafawaa(lafxaawaa) jalqabuun, eegalamuu bara ammayyaatiif daandii kan saaqeefi hawaasa addunyaa kan walqunnamsiisedha. Baroota dheeraaf, Awurooppaafi hawaasni addunyaa ardii biroo keessa jiraatan daandii lafarraan walqunnamaa turan. Daldaltoonni Awurooppaa hanga baha giddugaleessaafi walakkaa kibba- baha Eeshiyaatti geejjiba aadaa fayyadamuun imalaa turanii jiru. Imalli kun hangam ulfaataa ta’us rakkoo hawaas-dinagdeefi siyaasaa haala kanaan hiikaa turee jira. Haata’u malee, jaarraa 11ffaa irraa eegalee waldhabdeen Awurooppaafi Ottomaan Turkii gidduutti cimaa waan dhufeef daandiin lafa irraa gara Eeshiyaa geessu cufamuu danda’eera.Waldhabdeen kunis waraana bara 1090 keessa jalqabee hanga 1270 keessa kan adeemsifamedha.Waraana kun garee amantii Kiristaanaa waan hirmaachiseef waraana Qaxxaamuraa (Crusade War) jedhamee beekama. Haaluma kanaan, sababa daandiin gara bahaa deemu cufameef warri Awurooppaa fedhii daldalaa, siyaasaafi ji’oogiraafawaa guuttachuuf filannoo biroo barbaaduu jalqaban. Bifuma kanaan, warri Awurooppaa kallattii jijjiirachuun daandii gara bahaa fayyadamuu dhiisuun gara lixaatti abuuruu jalqaban. Haaluma kanaan, dooniiwwan qilleensaan dhiibaman fayyadamuun Awurooppaa lixaa irraa gara Afrikaa lixaatti deemsa taasisuu eegalan. Suuta suutaanis abuurtonni Porchugaaliifi Ispeen hanga kibba Afrikaatti yabala bishaan irraa taasisaniiru. Fakkeenyaaf, bara 1488, Bartolomew Deeyiz fiixee Afrikaa kibbaa yoo ga’u, Vaaskoo Da Gaamaa immoo bara 1498 Hindii ga’ee jira. Bara 1492, Kiristoofar Kolombos ardii duraan hinbeekamne (haaraawa) Amerikaa qubate. Bara 1519- 1522, Fardinaandi Maajilaan immoo addunyaa yeroo jalqabaatiif naanna’eera. Imalli Fardinaandi Maajilaan kun yeroo jalqabaatiif ardiin danaa korboo qabaachuu ishee kan mirkaneessedha. Warri Awurooppaa galaana irra yabaluu bara durii irraa jalqabanii yaalaa turaniiru. Baroota Abuurraa ji’oogiraafawaa keessa garuu dagaaginni qaroomman adda addaa kan akka argannoo kompaasii, kaartaa fayyadamuufi dooniiwwan ammayyaa hojjetamuun imala kana saffisiisee jira. Haaluma walfakkaatuun fooyya’iinsaafi jijjiiramni guddina dinagdee jaarraa 16ffaa Abuurraa ji’oogiraafawaa kana bu’a qabeessa taasiseera. Biyyoonni Abuurraa ji’oogiraafawaa kanaan milkaa’an keessaa biyyoota akka Porchugaaliifi Ispeen maqaa eeruun nidanda’ama. Barri abuurraa bu’aawwan siyaas-dinagdeefi hawaasummaa gurguddoo fidee jira. Bu’aawwan kanneen keessaa inni ijoon dagaagina dinagdee waliin kan walqabatudha. Haala kanaan daandilee haaraawa fayyadamuun ardiilee akka Amerikaa, Afrikaafi biyyoota baha fagootti argaman irra qubachuun danda’ameera. Warri Awurooppaa biyyoota addunyaa irra qubatan keessaa qabeenya uumamaa hunda to’achuu danda’aniiru.Qabeenya uumamaa gabaa irratti barbaadaman ardiilee to’ataman irraa gara Awurooppaatti geessuun dinagdee guddaa horataniiru. Biyyoonni Awurooppaa dinagdee kanaanis hedduu badhaadhaniiru.Gama siyaasaan immoo daldala garbaafi sirni koloneeffannaa akka dagaagan taasiseera. Bifuma kanaan jaarraa 16ffaafi 17ffaa keessa Ispeeniifi Porchugaal Amerikaa kibbaa to’achuun ol’aantummaa siyaasaafi dinagdee ittiin argatanii jiru.Biyyoonni akka Porchugaal, Holaandiifi Ingiliizii, Ispeen hordofuun kibba�baha Eeshiyaafi kibbaafi kibba-baha Afrikaa to’atanii