Abuurraa Afrikaa

From Wikipedia
Jump to: navigation, search

Ji'oogiraafin Kaaba Afrikaa bara duriitii kaasee ji'oogiraafii Giriikoo-Rooman keessatti sirriitti ni beekkama. Kaabni-dhiha Afrikaa (Maagiriib) maqaa Liibiyaa ykn ammoo Afrikaa jedhamuun beekkama, karaa biraa Ijiipti akka qaama Eeshiyaatti ilaallamti turte. Abuurraan Afrikaa Sahaaraa-gadii Bara Abuurraa jaarraa 15ffaatti jalqabe, kunis baayyinaan mootummoota naannoo qarqara galaanaa jiranirratti kan murtaa'e yoo ta'u yeroon kunis yeroo Addunyaa Haaraa itti abuuranii fi gabroomsan ture. Kanaaf, abuurraan keessoo Afrikaa Araboota daldalaa garbaarratti hirmaataniif dhiifame. Kunis Islaamotaan gabroomfamuu Sudaan wajjin walqabatee cimdaa lafa fagoo ga'u hundeessun jaarraa 15ffaa hanga 18ffaa dinagdee mootummoota Saahel hedduu deeggaraa ture. Jalqaba jaarraa 19ffaatti, beekkumsi warri Yuurooppi ji'oogiraafii keessoo Afrikaa Sahaaraa-gadiirratti qaban baayyee murtaa'aa ture. Ji'ooloojii Afrikaa ballinaan qorachuun, abuurtota Biriitish kan bara-Viiktooriyaa kan maddaa laga beekkamaa ta'e Naayil barbaadaa turaniif dhiifame.

Daldala garbaa Arabaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Bara Giddu-galeessa keessa, keessoo Sahaaraa fi Saahel akkasumas qarqara bishaanii Siwaahilii hanga Moozambiikitti qorachuun pirojektii wara Islaamaa ture, kunis gitta bittaa fi daldala garbaatifi yaaddame. Moozambiik keessatti daandin abuurraa kan Porchugaalii fi kan Araboota walitti dhufe.

Erga Kaaba Afrikaa qabatanii booda, Araboonni Muslima ta'an Afrikaa Sahaaraa-gadii sulula Laga Naayil hordofuun gara Nuubiyaatti, boodarras Sahaaraa qaxxaamuruun gara Afrikaa Dhihaatti deeman. Jarri kun daldara Sahaaraa-qaxxaamuru keessatti hirmaachuu barbaadu ture, keessattuu daldala garbaa. Baballinnii aadaa Arabaa fi Islaamaa kun kan dhawaataa dhufe yoo ta'u kunis Bara Giddugaleessa keessa ture. Mootummaan Kiristaanaa kan Nuubiyaa jaarraa 7ffaa dhiibbaa keessa seente, garuu jaarraa hedduudhaf faccisan. Motummaan Makuriyaa fi Dongoolaa Durii jalqaba jaarraa 14ffaa keessa kufani. Amantii Islaamaa Afrikaa keessatti baballisuu keessatti shoora guddaa kan tabate warra Suufii yoo ta'u yeroonsaas jaarraa 9ffaa hanga 14ffaatti; kunis daandii daldalaa Kaaba Afrikaa fi mootummoota Sahaaraa-gadii Gaanaa fi Maalii gidduu jiru hordofuun babal'ate. Afrikaa Dhihaatti, qarqara Laga Niijeritti zaawiyya dhaaban. Impaayerri Maalii Muusaa I bara 1324 sagadaaf Makkaa erga dhaqee booda Islaama taate. Timbuktuun wiirtuu aadaa Islaamaa Sahaaraa-gadii guddaa taate. Aloodiyaan, iddoo kan dhumaa kan Nuubiyaa Kiristaanaa kan turte, bara 1504tti Funjiin barbadoofte.

Imala Poorchugaal kan jalqabaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Abuuran Poorchugaal Piriinsi Henriin, nama haala tooftawaa ta'een Afrikaa fi daandii galaanarraa kan gara Indiyaatti geessu qorate kan jalqabaati. Mana jireenyasaa kan naannoo Algareeve kibba Poorchugaalitti argamurraa, jila Afrikaa qaxxaamuree Indiyaa deemu hedduu hooggane. 1420tti, Henriin jila odola namni irra hinjiraanne garuu kan bu'aa tarsiimoo qabdu Madiiraa akka qabataniif erge. 1425, Henriin Odoloota Kanaarii qabachuu yaalee ture, garuu odolli kun too'annoo Kastiliyaan jala turte. 1431tti, jilli Poorchugaal kan biraa Azoores ga'ee lafasaa qabate.

Kaartan galaanarra yeroo deeman itti fayyadaman kan 1339 akka agarsiisutti, warri Yuurooppi Odoloota Kanaarii sana durayyuu ni beeku ture. 1341tt, abuurtonni Poorchugaalii fi Xaaliyaanii waliin jila abuurraa deemu qopheessan. 1342tti, Katalaanonni jila abuurraa kan Firaansiis Desvaalersiin hoogganamu gara Odoloota Kanaarii kan deemu qopheessan, jilli kunis Maayoorkaarraa ka'ee socho'e. 1344tti, Phaaphaasi Kilementi VI lammii Firaansi kan ta'e admiiraal Luis de la Cerda dhaaltuu mootii Forchuun godhe, Odoloota Kanaariis akka qabatuuf erge. 1402tti, Jean de Bethencourt fi Gadifer de la Salle Odoloota Kanaarii qabachuuf deemani garuu sana Kastiliyaanin saamamtee akka turte argan. Jarri kun odoloota kana gita bittaan qabataniyyuu, kan Bethencourt wasiila/eessuma ta'uuf bara 1418tti dirqamee Kaastilii kenne.

1455 fi 1456tti abuurtonni Xaaliyaanii lama, Alvise Cadamosto Veenisirraa fi Antoniotto Usodimare Jeno'aarraa, kaapiteenii maqaasaa hin dha'amin kan Piriinsi Heenriif hojjatu Poorchugaalirraa dabalatanii Laga Gaambiyaa hordofanii deemun Senegaal daawwatan. Yeruma sana lammummaan Xaaliyaanii kan ta'e Antonio de Noli Gono'aarraa, Piriinsi Henriif hojjachuun odoloota Bijagós qorate, akkasumas lammii Poorchugaal kan ta'e Diogo Gomes wajjin Odoloota Keeppi Veerdee qorate. Antonio de Noli, bulchaa Keeppi Verdee kan jalqabaa kan ta'e (lammii Yuurooppi kan Afrikaa Sahaaraa-gadii keessatti gita bittaan bulchaa jalqabaa ta'e), namoota Keeppi Verdee argatan keessaa nama odloota jalqabaa argate jedhamee fudhatama.

Qarqara galaanaa Afrikaa bahaa fi dhihaa keessatti, qorannaan suuta deemaa ture; abuurtonni Poorchugaal Keeppi Bojaador 1434tti Keeppi Bilaankoo 1441tti ga'an. 1443tti, dawoo waraanaa odola Arguin Moritaaniyaa amma keessatti kan argamturratti ijaaran, achittis qamadii Yuurooppirraa fidan garboota Afrikaa fi warqiin daldalu turan. Warqeen Sudaan karaa daldaltoota Islaamaa odoo hin taane yeroo jalqabatif qajeelton harka warra Yuurooppi kan ga'e yeroo kana ture. Garboonni hedduun gara Madeeratti ergamu turan, Madeeran erga bosonnisaa sirriitti ciramee booda lafa oomishaa warra Yuurooppi kan jalqabaa ta'e. 1444 fi 1447 gidduutti, Poorchugaal qarqara Garbaa Senegaal, Gaambiyaa fi Giinii qoratte. 1456tti, kaapiteeniin Vaatikaan Alvise Cadamosto, hooggana Poorchugaal jalatti, odoloota Keeppi Verdee qorate. 1462tti, erga Piriinsi Henriin du'ee waggaa lama booda, abuurtonnii Poorchugaal odoloota Bisaa'uu qorachuun Serra Leoa jechuun moggaasan (Tulluuwwan Leencaa).

1469tti, Fernaa'oo Gomeez mirga Afrika qorachuu waggaa shaniif kireeffate. Hoggansa isaatin, bara 1471tti, warri Poorchugaal Gaanaa ammaa kana ga'an, iddoo Aa Miinaa (bakka albuudni ba'u) jedhamus qubatan, boodarras iddoon kun Elmiinaa jedhame moggaafame. Dhumarratti, biyya warqeen badhaate akka ga'an hubatan, maqaa "Gold Coast" (qarqara bishaani warqeen badhaate jechuudha) Elmiinaaf kennani.

Bara 1472tti, Fernaa'oo Du Po odola jaarraa hedduuf maqaa isaatti moggaafamte (amma Bi'ookoo jedhamti) argate. Akkasumas laga shiriimpii hedduu qabu (Afaan Poorchugaalin: camarão) argate, biyya kunis Kaameruun jedhamtee moggaafamte.

Sana booda oduma hinturin, warri Yuurooppi mudhii lafaa qaxxaamuran. Poorchugaal Sa'oo Toomee keessatti buufata hundeessan, kunis 1485 booda bakka yakkamtoota irra qubachiisan ta'e. 1497 booda, Yihudoonni Ispeenii fi Poorchugaalii ari'aman biyya sanatti qubatanii boqonnaa argatan.

Bara 1482tti, Diogo Cão laga guddaa galaanatti galu argate, mootummaa guddaan Koongoo jedhamus akka jirus bare. Bara 1485tti, laga guddaa kana gara burqaasaatti asii ol deeme qorate.

Warri Poorchugaal garuu, waan hunda caala, karaa gara Indiyaa nama geessu argachuu barbaadu ture, kanaafis Afrikaa garjallaa darbuuf yaalaa turan. Bara 1485, jilli João Afonso d'Aveiros, kan qorataa urjii lammii Jarman Maartin Behaayim of keessatti qabate, qarqara galaana Beeniin qorate, odeeffannoo mootii Afrikaa keessaa Ogaanees kenne.

Bara 1488tti, Baartoloomiyoo Diyaas fi hooftuu bidiruusaa Pêro de Alenquer, erga fincila bidiruu keessaa dhaamsanii booda, lafa bishaan keessa gadi seenu tokko qaxxaamuran yeroo deeman buubbee hamaan qabaman, lafa kanas Keeppi oof Istoorms jedhanii moggaasan. Xinnoo kaabatti jallachaa gara bahaattii akka deemu waan arganiif, qarqara galaanaa hordofuun amma tokko deeman. Wantoota jireenyaf barbaachisan of harkaa waan fixaniif, dhumni Afrikaa kanuma jedhanii amanuun gara duubatti deebi'an. Gara Poorchugaalitti yeroo deebi'an, Keeppin isaan bira ga'anii deebi'an sun Keeppii Abdii Gaarii (Keeppi oof gud Hooppi) jechuun moggaafame.

Waggoota muraasa booda, Kiristoofar Kolombos ajaja Kaastil kan morkataa ta'een Ameerikaa argate. Phaaphaasii Aleeksaander VI seera haaraa tume, kanaanis kutaa addunyaa kiristaana hintaane biyyoota Kaatolikii wal firrisan lamaan, Ispeeni fi Poorchugaalif addaan qoode.

Dhumarratti, bara 1497 fi 1498 gidduutti, Vaaskoo da Gaamaa, Alenquer akka hooftuu bidiruutti fudhachuun, karaa qajeelton gara Keeppii Abdii Gariitti (Keeppi oof gud Hooppi) geessuun St. Heleenaarraan goruun deeman. Da Gamaan bakka duraan Diyaaz ga'e darbee fagaachuun deeme, biyyasaas Naataal jedhee moggaase. Sana booda gaara kaabaatti deeme, Quelimane (Moozambiik) fi Mombaasaa, bakka itti daldaltoota Chaayinaa argate, fi Maalindiitti (lamaanuu Keeniyaa ammaa keessa) bidirusaas qubsiise. Magaalaa kanatti, bololiisaa (hooftuu bidiruu) Arabaa mindeessun qajeelton gara Kaalikutitti karaa jalqabe. Hagayya 28, 1498tti, Mootin Poorchugaal Maanu'eel bidiruunsaanii akka Indiyaa geesse phaaphaasiitti oduu gammachiisaa hime.

Ijiiptii fi Veenis odeffannoo kanaaf deebii jibbiinsaa kennan; waliinis, Galaana Diimarratti, bidiruu Poorchugaal kan Indiyaa wajjin daldala jalqaberratti haleellaa banan. Poorchugaal, bidiruuwwan kana bara 1509tti naannoo Di'uutti injifatte. Abuurraa Poorchugaal geggeessituuf dhimma kan hinqabaatin Impaayerri Otomaan Poorchugaal daldala karaa Garba Indiyaa akka guutummaan too'attuuf karaa bane. Warri Poorchugaal qarqaraa garbaa baha Afrikaatti buufatawwan hedduu hundeessan, Moozambiikii kaasee hanga Somaaliyaatti. Bara 1513ttis Eden qabatan.

Bara 1500tti, hoomaan bidiruu kan Pedroo Alvaarees Kabraalin hoogganamu, kan karaa Vaaskoo Da Gamaa duraan Indiyaa dhaqe hordofee deemu, Garba Indiyaa keessatti hobomboleettii hamaan addaan bittinneeffame. Bidiruuwwan kana keessa tokko kan Diyoogoo Diyaazin hogganamu qarqaraa galaanaa haaratti dhufe. Waggaa lama booda, kaartan ba'e odola baha Afrikaatti argamu yoo agarsiisu maqaa Madagaaskaar jedhu qaba ture. Garuu, odola sirriitti kan qoratan jaarraa tokko booda bara 1613 fi 1619 gidduutti ture. Waligaltee bulchitoota aadaa wajjin mallatteessuun mishiinota jalqabas ergan, garuu ummata biyyasii wa'ee si'oolii amansiisuu dadhaban, dhumarrattis biyyasii ari'aman.

Seenaa ammayyaa kan duraa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Lammii Poorchugaal[edit | Lakkaddaa gulaali]

Daachi[edit | Lakkaddaa gulaali]

Jaarraa 19ffaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Tarree abuurtotaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Jaarra 15ffaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Ammayyaa jalqabaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Jaarraa 19ffaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Jalqaba jaarraa 20ffaa[edit | Lakkaddaa gulaali]