Garba Atilaantiik
Garbi Atilaantiik addunyaa keessaa garba guddinaan lammaffaa yoo ta'u, tilmaaman tokko shanaffa fuula lafaa qabata. Maqaan isaa Greek mythology irra kan dhufee yoo ta'u, kun jechuun immoo "Sea of Atlas" jechu dha. Maqaan kuni kan durii yeroo duraaf itti fayyadaman yeroo seenaa Herodotus" bara 450 BC (I 202) keessatti.
Garba Addunyaan(World Ocean) kan walitti qabatee deemu yoo ta'u, Garbi Atilaantiik immo isaan keessaa tokko. Garba Atilaantiikiin garbi walitti qabatee jiru Garba Arkitiik, Garba Paasifiik ,Garba Indiyaa, fi Garba Kibbaati. Kutaa lafaa fakki S keessatti yoo ta'u Americas, Yuurooppi fi Afrikaa jiddu yaa'a. Garbi kuni Kaaba Atilaantiik fi Kibba Atilaantiik jedhamer sarara Equatorial Counter Currentiin tilmaman 8° kaaba latitude kan argamun gargari qoodama.
Garbi kuni dhihaan biyya "Americas" (USA fi Ameerikaa Kibbaa)n kan daangeffame yoo ta'u, kaaba fi kaaba-bahaan Garba Arkitiik irra biyyoota Canadian Arctic Archipelago, Giriinlaandi, Ayislaandi, Izvaalberdi fi Yuurooppin gargari baha. Kan Garba Arkitiik wajjin walitti qabatu jiddu Denmark Strait, Galaana Giriinlaandi, Galaana Noorweeyi, fi Galaana Baarentis keessani. Bahaan garbi kun Yuurooppin, Strait of Gibraltar fi Afrikaan daangeffama. Kibba-bahan garbi kuni gara Garba Indiyaa seena, kan gargari warra basus sarara 20° East meridian kan Cape Agulhas irra gara Antaartiikaa kibba ce'un gargara ba'a. Bulchonni tokko tokko akka garbi kuni kibba gara keessa Antaartiikaa akka ce'u godhani agarsisanille, kanneen biraa immo akka kibbaan Garba Kibbaan akka daangeffametti agarsiisu. Kibba-dhihaan Drake Passagen Graba Paasifiik wajjin garba kana qabsisa. Dandiin (bishaan) kan naman midhafame jiddu Atilaantiik fi Paasifiikitti argamu ni jira, kunis Bo'oo Panamaa jedhama. Bishaanotti biraa dhi'eenyatti (itti ananii) argaman ni jiru, kunnis: Galaana Karibiyaan, Gulf of Mexico, Hudson Bay , Galaana Meditiraaniyaan, Galaana Kaabaa fi Galaana Baaltik jedhaman ni jiru.
Parsentii 20% fuula lafa qabachuun, Garba Atilaantiikiin ballinaan Paasifiikitti anne lammaffa irratti argama. Garba qarqara isaa jirran wajjin walitti yoo ida'ame, ballina hanga 106,400,000 square kilometers (41,100,000 sq mi) yoo qabattu, isaan malle immo ballina hanga 82,400,000 square kilometers (31,800,000 sq mi) ta'e qaba. "Volumiin" bishan kan garba kana bishaan qarqara jirran wajjin yoo walitti qabame hanga 354,700,000 cubic kilometers (85,100,000 cu mi) yoo ta'u isaan malle immo 323,600,000 cubic kilometers (77,640,000 cu mi) ta'a.
Dhooqni (kessa faggeni) gara keessa garba kana (bishaan qarqarra jirran walitti qabun) "avirejjiin" isaa 3,338 meters (10,932 ft); yoo ta'u isaan malle immo 3,926 meters (12,881 ft). Dhooqni yookan keessa fageenyi guddaan garba kana 8,605 meters (28,232 ft), yoo ta'u kan itti argamus Puerto Rico Trenchit. Dheerinni dagalee (ballina) garba kana jiddu Biraazil fi Laayibeeriyaatti argamu 2,848 km (1,770 mi) yoo ta'u jiddu United States fi kaaba Afrikaatti 4,830 km (3,000 mi) ta'a, bakka hafaanitti immo jiddu lakkofsa kaneenitti argama.
