Afrikaa

From Wikipedia

Jump to: navigation, search
Kartaa Adunya kan Afrikaa agarsisu

Afrikaan (Africa) addunyaa keessaa ardii guddittii lammaffaa fi ardii baay'ina ummataan Eshiyaatti aantee lammaffaa irra jirtu dha. Odollan "island" itti dhihaataniin walitti qabame Afrikaan bal'inni ishee hanga 30,221,532 km² (11,668,545 mi²) yoo ta'u, balinni kuni immoo 6.0% balinna addunyaa (lafaa fi bishaan walitti qabame) yo qabaattu, kan lafa qofaatiin immoo 20.4% ballina addunyaa qabata. Bara 2005 baay'ina ummataa 900,000,000 caalu biyyoata 61 keessatti yoo qabdu, baayinni ummataa kun immoo 14% baayina ummata addunyaa ta'a. Ardiin kun kaabaan Galaana Mediteraaniyaanii (Mediterranean Sea), kaaba bahaan Suez Canal fi Galaana Diimaa(Red Sea), kibba bahaan Galaana Indiyaa Idian Ocean, dhihaan immoo Atlantic Ocean daangefamte argamti. Madagascar iin walitti Afrikaa keessa biyyoota 46tti argama, odollan island iin walitti immoo biyyoota 53tti argama.

Foto Afrikaa satellite irra fudhatame
Commons-logo.svg
Wikimedia Commons has media related to:
Ilalchotta
Afaan Birran