Garba Paasifiik

From Wikipedia
Jump to: navigation, search
Garba Paasifiik

Garbi Paasifiik garba addunyaa keessaa isa guddaadha. Kaaban Arkitiik irraa ka'ee hanga Galaana Kibbaatti kan fulla'u yoo ta'u, karaa dhihaa Eshiyaa fi Awustireliyaadhaan, karaa bahaa immoo ardii Ameerikaa lamaanin marfamee argama.

Garbi kun lafa isquweer km miliyoona 165.2 kan uwwisu yoo ta'u, lafa bishaanin aguuggame keessaa kun parsentii 46% ta'a akkasumas gutumma addunyaa keenyyaa keessaa parsentii 30% qabata. Mudhiin lafaa garba kana bakka lamatti qoodudhaan Paasifiikii Kaabaa fi Paasifiikii Kibbaa uuma. Dhooqni Mariyaanaa kan Dhiha Paasifiikii Kaabaatti argamu iddoo addunyaa keenyarra garmalee gad dhooqqatu yoo ta'u kunis meetira 10,911 (35,797 ft) ta'a.

Garba kanaa maqaa Paasifiik jedhu kan baaseef abuurtuu biyya Poorchugaal Ferdinaand Maajelaani. Sababni inni maqaa kana baaseefis garbi kun tasgabba'aa fi bidiruu ofuuf mijataa waan tureefi maqaa Garba Nagaa(Paasifiik jechuun nagaa jechuu dha) jedhu kenneefi.

Garba Paasifiik

Contents

[edit] Biyyoota fi Bulchiinsota Biyyaa Naannoo Garba Kanaa

[edit] Biyya

Awustireliyaa Fiijii Federated States of Micronesia Taayiwaan
Brunei Gu'aatimaalaa Naa'uruu Taayilaand
Kamboodiyaa Honduraas Niwuu Ziilaand Tonga
Kanaadaa Indoneeshiyaa Nikaraagu'aa Tuvalu
Chiilii Jaappaan Panaamaa Yunaayitid Isteetis
Chaayinaa Kiribati Paappu'aa Niwuu Giinii Vanuatu
Kolombiyaa Kooriyaa Kaabaa Peeruu Veetinaam
Kostaa Rikaa Kooriyaa Kibbaa Filiippiins Raashiyaa
Tiimor Bahaa Maleeshiyaa Samo'aa
El Salvaador Odoloota Maarshaal Singaappoor
Iqquwaador Meeksikoo Odoloota Solomoon

[edit] Bulchiinsota

Ameerikaan Samo'aa Hoong Koong Niwuu Kaledooniyaa Wallis and Futuna
Baker Island Howland Island Norfolk Island Wake Island
Odola Kook Odola Jaarvis Niue
Coral Sea Islands Johnston Island Northern Mariana Islands
Easter Island Kingman Reef Palmyra Atoll
Fireench Polineeshiyaa Makkaa'uu Pitcairn Islands
Guam Midway Atoll Tokelau

[edit] References

Personal tools
Namespaces

Variants
Ilalchotta
Actions
Ilalcha
Toolbox
Afaan Birran