Volcano

Wikipedia irraa
Augustine Volcano Alaska USAt argamu
Lava Kilauea

Lafibiddii yknVolkaanoon sababa hoo’a guddaa keessa lafaatti ummamuun kattaaleen yoo baqan dhangala’aa(maagimaa)fi gaasiin uumaman dhoo’iinsa uumamuudha. Teessuma lafaa dhoo’insa voolkaanotiin uumaman.

Maagmaan sababa dhiibbaa guddaa irraa kan ka’e hoo’a cimaadhan kattaan keessa lafaa baqee dhangalaa’u jechuudha. Maagmaan bakka itti qorru irratti hundaa’uunis voolkaanoon bakka lamatti qoodama. Isaanis:

1. Voolkaanoo lafa keessatti qorruufi

2. Voolkaanoo fuula lafaatti bahee qorruu

Maagmaan baay’ee dhangala’aa ta’e qaama lafaa gara gubbaa dhoosuun gara alaatti dhangala’a. Maagmaan keessa lafaa irraa maddee irra lafaa dhoosee fuula lafaa irratti dhangala’u boolla tokkoon yookiin boolla baay’een bahuu nidanda’a. Boolla tokkichaan yoo magimaan keessaa lafaati dhohee bahu veentii jedhama. Volkaanoon boolla baay’een dhangala’u immoo fiisharii jedhamuun beekama. Volkaanoon boolla tokkoon humna cimaan darbatamee bahu kaaldeeraa uuma. Hammi hoo’aa yoo cimaa ta’e maagmaan uumamu dhangala’aa ta’a. Haa ta’u malee sababa dhiibbaa lafa keessatiin hoo’i uumamu gadi aanaa yoo ta’e immoo maagman uumamullee furdaadha. Hammi gaasii maagmaa dhangala’aa ta’e keessatti olaanaa ta’a. Kun immoo dhoo’insi voolkaanoo cimaa akka ta’u gargaara. Maagmaan gara fuula lafaatti bahee dhangala’a. Maagmaa fuula lafaatti bahee dhangala’u Laavaa jedhama. Hoo’i keessa lafaa xiqqaa ta’uun maagman uumamu furdaa ta’a, gaasii xiqqaa qaba. Kun immoo maagmaan gara fuula lafaa osoo ol hin bahin baqaqaa dhagaa keessa seene hafa jechuudha.Kanaan maagmaa lafa keessatti hafee qorre jedhama.

Sadarkalee Dhoo’insaVoolkaanoo[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Ji’ooloojistoonni uummama voolkaanoo sadarkaa sadiitti qodanii jiru Isaanis:- Voolkaanoo socho’aa; gosa voolkaanoo yeroo gabaabaa keessatti dhoohu. Yeroo baay’ee jala garboota gurguddoo keessatti uummama. Voolkaanoo Riphaa; gosa voolkanoo yeroo murtaa’aan booda dhoohuu danda’u. Voolkaanoo Dhumataa; gosa voolkaanoo kanaan dura dhoohee dhumateedha.