Deeroo
Deeroo (Afaan ingiliziin:serval) Uumamni kun sanyii adurreeti. Sanyii adurree wayta jennu, adurree manatti horsiifannu qofa hin seehinaa. Leenci, Qeerransi, Amaaqeexaa ykn Cheetah, Geedala (Puumaan) akkasumas iyyaa, warbaa(Panther) uumamaaleen jedhaman hundi sanyiiwwan adurreeti. Uumamni kun bineensa daggalaati. Kanaafuu manatti madaqsanii guddisuuf yaaluun rakkoo hamaaf nama saaxiluu danda’a. Ta’us namoonni muraasni uumama kana ofitti madaqsanii guddisaa jiru. Akkuma namni gariin waraabessa madaqsee guddisu jechuudha.
Gogaan deeroo rifeensa bifa booraa kan qabu yoo ta’u, akka Amaaqeexaa (abboo shammaanee) tuttuqaa barruu gurraacha qaba. Akkuma sanyiilee adurree kaawwanii barrini gogaa deeroo kan hundaatuu garaagarummaa qaba. Kana jechuun Adurree Rarra’aaonni hundi akkuma nuti ashaaraa qubaa garagaraa qabnu, gogaa barruu garagaraa qabu jechuudha.
deeroo uumama qaama jiddu galeessaa qabuudha. Guddinni isaatis sanyiirratti hundaa’ee garaagarummaa qaba. Sanyiin gariin seentimeetira 60 kan dheeratu yoo ta’u, warri haga meetira tokkoo dheeratanis ni jiru. Ulfaatinni uumama kanaatis kilograama 10 hanga 20 ta’a. Eegeen deeroo gabaabaadha. Sanyiiwwan adurree keessaallee uumamni eegee gabaabaa qabu isa. Gurraa fi Kotteen deeroo guddina qaama isaa waliin wal bira qabamee wayta ilaalamu haalaan guddaadha. Gurra haalaan guddaa fi miila haalaan dheeraa qaba. Sababa kanaafis maqaa deeroo jedhamuunis ni waamama.
Guddachuun gurraa kun faaydaa guddaa qaba. deeroo gurra isaa guddaa san akka raadaaritti fayyadamuudhaan bineensota naannoo isaatti socho’aa jiran fageenyarraa adda baafatuu danda’a. Waan lafaa ol jiru qofa osoo hin taane, bineensota boolla keessa jiranis yoo sosocho’aa jiraatan, sochii isaanii san dhagahuu danda’a.
Sooranni deeroo naannawa jiraaturratti hundaaha. Fakkeenyaaf sanyiin naannoo ilmi namaa jiraatutti dhihaatee qubatu, bineensota manaa kanneen akka lukkuu adamsa. Yoo daggala keessa jiraate ammoo tuqaa, bofa, raacha, qurxummii fi sanyiiwwan allaattii garagaraatis ni soorata. deeroo waa adamsee qabatuurratti sanyiiwwan adurree keessaa haalaan milkaawaadha. Waan adamsuuf faana cehe keessaa parsantii 50 kan ta’u ni qabata. Kana jechuun yeroo lama yaalee yeroo tokko qabata jechuudha. Dandeettii isaa waa adamsuurratti qabu irraa kan ka’e, allaattii barrisaa jirtus qilleensa gubbatti qabatuu dandaya. Haa ta’u malee sanyiileen adurree kuuwwan milkaayinni adamoo isaanii parsantii 10 qofa. Kana jechuun yeroo kudhan yaalanii yeroo takka qofa milkaayan jechuudha.
Miirri deeroo kan dhagahuu, fuunfatuu fi ilaaluudhaa haalaan jabaadha. Miira isaa kanas bineensa ittiin adamsuuf ykn ammoo diina jalaa dheessuuf itti fayyadama. Ilmi namaa gogaa isaatiif jecha uumama kana ajjeesa. Qeerransi, waraabessaa fi sardiidni ammoo soorataaf jecha adamsan. Adurree Rarra’aais miira isaa kanatti fayyadamuun diina isaa jalaa miliquu yaala. Yoo akka tasaa ta’ee walitti dhufanis, dandeettii isaa kan fiigichaatti fayyadamuun jalaa miliqa. deeroo saa’aa tokko keessatti kilomeetira 60 ol fiiguu danda’a.
deeroo uumama kopha kophaa jiraatuudha. Qubsuma isaatis mallattoo itti godhatee jiraata. Qubsuma isaa kana karaa lamaan mallattoo itti godhata. Inni tokko fincaaniin yoo ta’u, kan lammataa ammoo muka naannoo isaatti argamu ilkaanii cicciruun ykn ammoo qeensaan kotootuun mallattoo itti godhata. Inni tokko lafa Iskuweer kilomeetira 20 bal’atu mallattoo itti godhatee keessa jiraata.
Yeroo wal qunnamtii wal hormaataa kormaa osoo hin taane, dhaltuutu gara qubsuma kormaa seena. Dhaltuun Adurree Rarra’aais guyyoota 73f eega rimaya garatti qabatteen booda, ilmoo tokkoo hanga sadihii dhalti. Garuu dhaluu isiitiin dura, boolla ilmoolee isii keessatti dhoysitu qopheessiti. Ilmooleen deeroo gaafa dhalatan ijaan hin argan, ulfaatinni isaaniitis graama 250 hin caalu. Ija isaanii torbaan lama booda kan banatan yoo ta’u, yeroo sanitti ulfaatinni isaaniitis dachaan dabala. Ilmooleen deeroo ji’oota shaniif mucha haadhaa hodhaa jiraatu. Achi booda haadha waliin deemaa waan isiin adamsitu laalaa irraa baratu. Gaafa waggaa tokko guutan ammoo haadharraa adda bahuun, jireenya kophaa jalqabu. Fedha Rabbiitiin deeroo haga waggaa 13 jiraatuu danda’a.