Oromiyaa
Oromiyaa (kan yoo Ingiliffa keessatti yeroo tokko tokko Oromia jedhame kan barreeffamu, kan garuu barreeffama Afaan Oromoo keessatti Oromiyaa jedhamee beekamu) kuniin kuttalee Itoophiyaa saglan keessaa tokko taate dha. Ballinaa lafa bahaa hanga kibba-dhihaa biyya keessatti 353,632 km² ta'ee qabatee, baayyinaa ummataa bara 2002 tilmamee hanga miliyoona digdamii-afurii qabdi, kunis ballina lafaa fi baay'ina ummataan biyyaa kessaa tokkofaa ishee tasisaa. Isheenis kan ofii kessa qabduu: kutaa Arsii, Baalee, Harargee, Iluu Abbaa Booraa, Kafaa, Shawaa, Sidaamoo fi Wallagga of keessaa qabdi, Booranaa fi Gujiin Sidaamoo jalatti walitti qabama turan. Magaalaan guddoon Oromiyaa durii Finfinnee yoo taatu, kan ammaa garuu Adaamaadha. Bara booda gaaffii mirgaa sabni Oromoo gaafateen booda gara Finfinneetti deebbite. Magaallan gugguddoon biraa Oromiyaa keessatti argaman Adaamaa, Amboo, Asallaa, Bishooftuu, Dambidoolloo, Fiichee, Gimbi, Gobbaa, magaalaa Jimmaa, Mattuu, Nagallee Boorana, Naqamtee, Shaashamaannee fi Walisoo dha.
Jaarraa digdamii tokkoffaan duraatti, magaalaan guddittii Oromiyaa Finfinnee turte, kunis maqaa biraa Addis Ababa jedhamunis beekamti (maqaan kun Afaan Oromoo miti). Magaalaan guddittii Oromiyaa gara Adaamaatti jijjiiramuun ishee mormii hedduu fideen ture. Morkitoonni akka jedhanitti bulchaan Itoophiyaa Addis Ababaan Oromiyaa keessatti argamuu ishee hin barbaadne jedhaniiru.[1][2] On the other hand, the government maintained that Addis Ababa "has been found inconvenient from the point of view of developing the language, culture and history of the Oromo people."[3]
Waxabajjii 10, 2005 keessatti Dhaabbata Dimookraatawaa Ummata Oromoo(DhDUO) (Oromo Peoples' Democratic Organization (OPDO))n, kan kutaa bulchaa Adda Demookraatwaa Warraaqsa Ummatoota Itoophiyaa EPRDF ta'ee, magaalaa guddoo Oromiyaa akka Finfinneetti deebisu ifa godheera [4]
Godinaaleen Oromiyaa keessatti argaman Arsii, Baalee, Boorana, Harargee Bahaa, Harargee Dhihaa, Iluu Abbaa Booraa, Jimmaa, Shawaa Bahaa, Shawaa Dhihaa, Shawaa Kaabaa, Wallagga Bahaa, fi Wallagga Dhihaa ti.
[edit] References
- ↑ Hameso, Seyoum and Tilahun Ayanou Nebo, Ethiopia: A New Start?
- ↑ Mosisa, Abraham T. Letter to U.N. Secretary-General
- ↑ Nazareth Selected as Oromiya's Capital
- ↑ Oromiyaan naannoo Tigraay irraa kan hafe naannoolee hundaan wal daangessiti. Kun immoo yeroo tokko tokko walitti bu'insa uuma. fakkkeenyaaf naannoo Somali region keessatti.q=cache:9D8m64qV_awJ:www.waltainfo.com/EnNews/2005/Jun/11Jun05/Jun11e11.htm+Adama+Finfinne+site:waltainfo.com&hl=en&gl=us&ct=clnk&cd=1 | title = Chief Administrator of Oromia says decision to move capital city based on study
