Oromoo

From Wikipedia
Jump to: navigation, search
Odaa, mallattoo Oromootaa

Oromoon saba Afrikaa keessa jiraatu, kan Itoophiyaa keessaa fi haga diqqoo immoo ummata Keeniyaa fi Somaaliyaa keessatti argamu dha. Sabi Oromoo saba Itoophiyaa keessatti baay'ina ummataan tokkoffaa irra jiru. Akka qo'annoo bara 1999 (akka lakkoofsa Giriigooriyaanitti) baay'nni ummata Oromoo dhibbeentaa ummata Itoophiyaa 32.1% qabata. Har'a baayyini ummata Oromoo miliyoona 30 oli dha. Afaan dubbatamus Afaan Oromoo jedhama.

Contents

Seenaa Oromoo [edit]

Ummatni Oromoo ummata afaan Kuush dubbatu kan bahaa fi kaaba baha Afrikaa keessatti argaman keessaa tokko dha.Ummatni Oromoo kaabaan hanga Tigraay, kibbaan hanga Keeniyaa faffaca'ee argama. Gaanfa Afrikaa keessa Oromoon saba kuushii dubbatu guddicha dha.

Akkaataan lafa, aadaa fi afaan isaa Oromoo Afrikaa keessa dabre 

immoo addunyaa keessatti akka beekamtu isa godheera. Qo'annoon jiru akka

ibsutti Oromoon ganna kumaa ol Afrikaa Bahaa keessa akka jiraate 

amanama (Prouty at al, 1981).

Oromoo Saba horsiisee bultoota (Pastoralist/nomadic) fi gartokkee qonnaan bultoota (semi-agriculturalist) jedhaman keessaa akka dhufe amanama.Jaarraa 16 keessatti eega mootummaan Habashaa fi Sulxaanetii Adaal wal hadhanii lachuu dadhabanii dhiisanii booda, ummanni Oromoo gara Kaabaatti (kaaba Oromiyaa ammaatti)babal'atan. Abbaan amantii "Baahiree" jedhamu akka bara 1593tti barreessetti jajjabeenya Oromoon yeroo sunitti qabu cimaa akka ture ibseera. Baahiree itti aanee Oromoon akka gara kaaba-dhihaatti gara Arsii, Shawaa, Wallagga fi Goojjam akkasumas gara kaaba-bahaan gara Harargee fi Walloo akka fafaca'e ibseera. Haroold G. Maarkas(Harold G. Marcus) akka jedhetti kaabi-dhihaa Boorana akka bakki Oromoon duran qubate akka ta'e ibseera. Jaarraa 17 jalqabee Oromoon Amaara irraa gargar bahuu jalqaban. Haa ta'u malee, Oromoon bulchiinsa Itoophiyaa bara suni keessatti bakka argachuu jalqabde. Keessattuu Emperor Iyo'as 1ffaan (1730-55) Oromoota saba haadha isaa ta'an ofitti dhiheessuu jalqabe. Akkasumas waltajjii Gondar keessatti Afaan Oromoo akka dubbatamu taasise. Bara "Zemene Mesafinti" keessatti dhaloota Oromoo kan ta'an Yejjuun bara dheeraaf waraanaan Imperoota Itoophiyaa dursaa turan. Akkasumas Begemder, Enderases jalatti qoodamuu jalqaban. Yejjuunis Raas Alii 1ffaa jala bulaa ture, haa ta'u malee, bara dheeraan duuba Tewodiroos 1ffaan Raas Alii 1ffaa injifate. Ta'us, ammallee Impereronni Itoophiyaa waan dadhabaniif waraanni Yejjuu Itoophiyaa keessaa tokkoffaa

ture. 

Oromoonni bara sunnitti beekkamoo turan keessaa
1. Bulchituu Manan kan Walloo, kan bara 1800 mootii taate.
2. Ras Mahaammad kan Walloo, kan Raas Mikaa'el ta'e, achiin bulchiinsa Sion.
3. Bulchituu Manan kan Ambaassal, kan haadha manaa Hayila Sillaasee taate.

Humnaa fi maatii imperiyaalaa wajjin walitti qabamuf jecha ummatni Oromoo hedduun Kiristaanummaatti jijjiiramanii turan. Itti fufee immoo, gara dhuma 1800ffaatti, Imperer [[Yohaannis IV|Yohaannis 4ffaan]] gosa Oromoo Walloo keessa jiran hunda akka Kiristaanummaatti jijjiraman yookaan immoo akka qabeenya isaanii dhaban sodaachisee ture. Kun immoo gosa Oromoo lafa warra dhiisan akka gara kibbaatti godaanan warra godhee ture. Bulchaan Oromoo Mohaammad maqaa jijjiratee Abbaa lafaa Mikaa'el jedhame, niitii erga

fuudhee booda abbaa Imperer Iyyaasuu 4ffaa ta'e.

Jalqaba Walitti Aanu [edit]


Qoqqoodama Oromoo [edit]

Ummani Oromoo bakka kudha lamatti adda baha. Bakka dhiha baha irra eegalee hanga bahaatti tuutni kun:

,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,, ,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,, , ,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,, ,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,, kuni qoqqoodama wayyaaneen akka bulchiinsa isheeti tolutti qoqqoodatteedha. amma garuu kan biroos dabalaniiru.,,,,,,,,,,,,,, , ,,,,,,,,,,,,,,,,,,,, YOOMI LAATA?

Oromoo Beekkamoo [edit]

d/r kaabaa urgeessaa ministeera ministeera ministeera barnootaa

Bulchiinsa [edit]

Oromoon waggaa dheeran duraa jalqabee sirna Gadaatin bulaa ture. Sirni Gadaa sirna dimokiraatawaa kan ammaa wajjin kan wal fakkaatu yoo ta'u, aangoo waggaa saddeetitti wal harkaa fuudhama.

References [edit]