Calliyaa
From Wikipedia
Calliyaan aanaalee 180 naannoo Oromiyaa biyya Itoophiyaa keessaa tokko. Godina Shawaa Dhihaatti kan argamtu yootaatu, kibbaan Noonnoo fi Daannoo Kibbalixaan laga Gibee kan godina Jimmaa irraa addaan baasu, dhihaan Baakkoo Tibbee akkasumas, kaaba dhihaan laga Gudar , akkasumas kaabaan aanaa Gindabaratiin, kaaba bahaan Jalduu, bahaan Amboo,kibbabahaan Xuqur Incinnii daangeffamti. Magaalaan guddoo aanaa kanaa Geedoo yootaatu, magaallan akka Baabbichaa, Baallammii fi Ijaajjii ni argamu. Lafti olka'aan aanaa kanaa Tulluu Maraa (3128) yoo ta'u, laggeen akka Raachoo fi Walshoomoo ni argamu.