Gindabarat

From Wikipedia
Jump to: navigation, search
Aanolee Shawaa Dhihaa

Gindabarat aanaa godina Shawaa Dhihaa keessaa tokko. Aanaan kun kan argamu kaabaa godina kanaatti yoo ta'u karaa kaabatiin Mootummaa Naanoo Amaaraa fi godina Sahwaa Kaabaatiin, karaa kibbaa anaa Jalduu, Amboo fi Calliyaan, karaa dhihaa godina Wallagga Bahaatin, karaa bahaa immoo anaa Meettaa Roobiitiin wal daangessa. Anaan kun baayyinaan laggeeniin marfamtee kan argamtu yoo ta'u kana keessaa karaa kaabaa Laga Abbaayin (Blue Nile) (kan Mootummaa Naannoo Amaaraarraa gargar baasu), karaa bahaa Laga Mogor (kan godina Shawaa Kaabaa irraa gargar baasu) karaa dhihaammoo Laga Gudariin (kan godina Wallagga Bahaarraa gargar baasu) marfamti. Magaalaan guddon aanaa kanaa Kaachisii jedhamti. Aanaan kun mana barumsaa sadarkaa 2ffaa tokko kan Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Gindabarat jedhamu qaba.

Aanaan duraan Gindabarat jedhamu yeroo ammaa bakka lamatti qoodaamuun aanaa Gindabarat jedhamuu fi aanaa Abuunaa Gindabarat jedhamu uumeera.

[edit] Haala Qilleensaa

Aanaan Gindabarat haala qilleensa badda-daree fi gammoojjii qabdi. Lafa aanaa kanaa keeessaa parsentii 40% baddaa-daree yoo ta'u, badda-dareen ol ka'iinsa lafaa meetira 500 amma 2604 ta'u qaba. Lafaa aanaa kanaa keessaa parsentiin 60% gammoojjii wayita ta'u kunis ol ka'insa lafaa meetira 1000 hanga 2500 qaba. Naannoon qilleensa badda-daree qabu gammoojjiirra yoo qorruu, rooba guddaa argata (gammoojjiirra).

Lafa aanaa kanaa keessaa parsentii 40% oomishaaf kan oolu yoo ta'u, parentiin 36% kaloo loonitiif oola. 1.3% lafa bosona qabu, 9% mukkeen xixiqqoo kan uwwifame, 8.8% lafa manca'ee fi qonnaaf ooluu hin dandeenye, 2% lafa bishaaniin qabame yoo ta'u kan hafe walitti parsentii 2% ta'a.

[edit] Dimoograafii Aanaa Kanaa

Akka lakkoofa ummata bara 2007 godhameetti, baayyinni ummata aanaa kanaa 104,595 yoo ta'u kana keessa 52,726 dhiira, 51,869 immoo dubartoota. Ummanni 11,082 ykn 10.56% magaalaa keessa jiraatan yoo ta'n kan hafan baadiyaa jiraatu. Jiraattonni aanaa kanaa baayyeen amantii Piroteestaantii kan hordofan yoo ta'u kunis parsentii 55.96% ta'a. Warra hafan keessa parsentii 34.12% Ortodoksii, akkasumas parsentii 9.18% amantii aadaa hordofu.

Akka lakkoofsa ummataa bara 1994tti, ummanni aanaa kanaa 147,437 ture; kana keessaa 71,799 dhiira yoo ta'u, 75,638 dubartoota turan. Yeroo sana, namni 4,363 ykn 2.96% magaalaa keessaa jiraatu turan. Lammiiwaan baayyinaan aanaa kana keessa jiraatan Oromoo (97.28%), fi Amaara (2.1%). Afaan Oromoo aanaa kana keessatti akka afaan baayyinaan dubbatamu (98.36%).

[edit] References

Personal tools
Namespaces

Variants
Ilalchotta
Actions
Ilalcha
Toolbox
Afaan Birran