Mangistuu Hayilamaaraam

Wikipedia irraa
(Mangistuu Hayilamaariyaam irra kan qajeele)

Kolooneel Mangistuu Haayilamaariyaam (Kan dhalate 1937) ajajaa waraanaa mootii Hayilasillaasee kan ture bara 1974 mooticha fonqalchuun hanga 1991tti sirna dargii hogganuun Mootummaa Itoophiyaa tahuun kan bulcheedha.

Seenaa Duubaa[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Mangistuun abbaa isaa Haayilamaariyaamii fi harmee isaa Buzuunash irraa bara 1937 Kibba Itoophiyaa, Walaayitaati dhalate. Maatiin mangistuu, abbaa fi haatis lachuu Oromoodha. Abbaan Haayilamaariyaam Woldee Ayyaanaa Oromoo tuulamaa, gosa galaan yoo tahu, kan dhalate Godina Naannawwa Finfinnee ganda amma furii ja’amee beekamuuti. Haatii mangistuu Hailemariyaam, Buzuunash Kidane Gadaa dhalattuu toora laga xaafoo laga daadhiiti. Afaan Amaaraa akka Afaan Oromoo dubattuti dubachuu hin dandeessu. Abbaan ishii dur abbaa lafaa toora laga daadhi yoo tahu maatii Haayilamaariyaamiin hedduu walitti dhihaatu turan. Ajajaa shantaama kan tahe Haayilamaariyaamii fi Buzuunash maatiin isaanii akkaatuma aadaa fi heera Oromootiin kadhatanii walitti fuudhan booda gara iddoo rammadii isaa kaambii waraanaa Walaaytaatti waliin galani. Buzuunash achuma Walaaytaatti kaambii waraanaa mana nyaataa keessatti qaxaramuun hojjattuu mana nyaataa taate. Mangistuu dabalatee dhalaa takkaa fi dhiira sadii walumaa galatti erga ilmaan 4 dhalteef booda waldhabdeen jidduuti uumamtee adda bahan. Sana booda lafa dhaalmaa abbaa ishee qoodachuuf gara laga daadhiiti deebi’uun jireenya idilee jiraachaa turte. Gaafa mangistuun umrii waggaa 8ti gahu du’aan boqqootte. Abbaan Mangistuu immoo bara Wayyaanee keessa dullummaan boqote.


Haayilamaariyaam ijoolummaan humna waraana mootummaatti waan dabalameef iddoo adda addaa naannawwaa jiraate. Afaan oromoo malees, afaan Amaraa, Xaaliyaani fi Tigranyaa akka dubbachuu dandayu obboleessi kolooneel Mangistuu, Xilaahuun Haayilamaariyaam akka jedhutti. Umrii dargaggummaa isaati humna waraana mootummaatti kan dabalame yoo tahu,bara 1964 biyya ameerikaa dhaquun leenjii looltummaa baratee jira. San booda gara biyyatti deebi’uun bara 1966 ti dhaabbata leenjii waraanaa holootaarra sadarkaa itti aanaa leetanaantiitiin eebifame. Baruma kana humna waraanaa itoophiyaa (kiflaxoorrii) buttaa 3ffaatti, hoggonaa loojistiikaa fi kutaa qabeenyaa tahun magaalaa hararitti ramadame. Bara 1974 sadarkaa #majoritti ol guddachuun ajajaa guutuu buttaa saddaffaa tahe. Ji’a fuulbanaa, bara 1974ti mootummaa abbaa lafaa haayilasilaasee (tafarii mokenoon) kan bara 1916-1974 waggaa 58tiif biyya bite foonqoolchuun mangistuun aangoorra kore. Yeroo kana oromoota dabalatee ummanni itoophiyaa foonqoolcha kana boodaan jijiiramni siyaas-diinagdee nuuf dhufa abdii ja’u qabaatanis, akkumma kaantu kaan darani ja’amuu mangistuunis abbaa irree kaan daranii tahe hafe. Waaniin ani ja’ee fi yaada kiyya qofaatu tahaan namoota waraana keessaa isatti dabalamanii, sochii ummataa bira dhaabbachuun isaa wajiin jijiirama san galmeeysisanii dabalatee, paartiilee mormiitootaatis, kaan hidhuun, kaan ajjeessuun, kaan biyyaa arii’uun jijiiramni argame ka abbaa irrummaa dhunfaa isaa kan tahe malee, jijiirama ummataaf dhufe akka hin tahin mul’ise. Mangeen akkanaan waggaa 17 erga gadi qabee yaabee biyya bulche booda, bara 1991 koolagaltummaan gara zimbaabweeti baqate. Duuba mangistuun sabaaf hin taane, biyyaaf hin taane, ofiifis hin taane, maqaa bareedaas hin horanne, kunoo hanga ammaa biyya namaa keessaa jireenya gadamsaa jiraachaa jira. Bara lama dura, yeroo kan dur koolagalee deebi’ee, kan dur arii’ame hiikamee, kan dur hidhame bahuu jalqabe sanittillee, mangeen dhufuuf hin mil’anne. Akkam godhee?. Osoo lammii biraa guyyaa qabaate arra bakka itti galu qaba ture. Umrii tanaan gadadoo jireenya baqatummaa hin jiraatu ture. Garuu maal godha kan alaa dheeyse manatti galaa kan manaa dheeyse eeysatti gala kan jadhu san gaafa angoorra jiru wallaale.

Wabii[gulaali | lakkaddaa gulaali]