Agarsiisa Aadaa fi Sirboota Oromoo 1977
Agarsiisni Aadaa fi Sirboota Oromoo 1977 agarsiisa bara 1977tti geggeeffame yoo ta'u kan irratti xiyyeeffates Oromoota adda adda walitti fiduun aadaa fi sirboota Oromoo agarsiisuu ture.
Qophicha
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Bara 1977, artistoonni Oromoo hawwisoo Kutaa Biyyaa Arsii, Baalee, Jimmaa, Wallaggaa, Shawaa fi Harargeerraa dhufan Finfinnee Biheeraawwii Tiyaatiriitti agariisaf walitti qabaman. Agarsiifni kun seenaa Oromoo keessatti kan jalqabaa yoo ta'u Oromoonni kutaa biyyaa adda addaa keessa jiran dhufanii yoo wal arganis kan jalqabaa ture.
Agarsiisa kana qindeessuu keessatti namoonni hedduun kan hirmaatan yoo ta'u Gaazexaan Bariisaa maallqaa fi yaadan deeggaruun shoora guddaa tabate. Namoota agarsiisa kana qindeessuu keessatti hirmaatan keessaa Kumaa Ida'ee, Mahdii Hamid Muudee, Kuwee Kumsaa, Ibraahim Hajii Alii, Bushraa Warquu, Birkaa Bulloo, Kinfaa Hindheessaa, Daansamoo Mi'eessoo, Oloo Ilmii, Anshaa Aagoo, Saamunaa Rakkisoo, Yoseef saaddoo, Bakaree Bantaa, Daaluu Baqulee, Tasammaa Nagarii, Taaddasaa Dabalaa, Ahmad Muussaa Haaji (Araarsoo) faadha.[1]
Weellistoota Hirmaatanii fi Walleesaanii
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Agarsiisa kanarratti wellistoonni baayyen naannolee Oromiyaa gara garaarra hirmaataniiru. Kutaa biyyaa Harargeerraa Gaaddisaa Abdullaahii (Muhammed Abdullaahi), Alii Birraa, Shantam Shubbisaa, Hordofaa Guyyisaa, Faaxumaa Muhammad, Ashu Muhammad, Halloo Daawwee, Himee Yusuuf, fi Ibraahim Hajii Alii ti. Godina Wallaggaarraa Ilfinash Qannoo, Zarihuun Wadaajoo, Daani'eel Namarraa, Amantee Doojaa, Askaala, Alamituu, Biraanuu Quuyyoo faati. Godina Arsiirraa Bashir Dhaabii, Buttaa Makuraa, Shugguxee Naga'oo, Billisaa Kaa'oo, Xayyibaa Kattoo, Abdoo Galatuu, Xayyibaa Aliyyii, Hajii Tufaa, Urgeessaa Bantaa, Huseen Tusii, Saamu'eel Shunee, Dannabee Eda'oo faati. Godina Baalerraa Shaabee Sheekoo, Zamzam Bushraa, Raabiyaa Bushraa faan hirmaatanii jiru.[1]
Agarsiisa kanarratti wallee gabrummaa fi cunqufama Oromoo balaaleffatan, bilisummaa fi warraaqsaaf kakaasan baayyetu wallifame. Walleewwan kana keessaa muraasni armaan gaditti barreefamanii jiru.[2][1]
Ilfinash Qannoo akkas jettee weellifte | Zarihuun Wadaajoo akkas jechuun weellise | Gaaddisaa Abdullaahii akkas jedhee weellise |
---|---|---|
Nurratti jigee turee ba'aan guddaansaa
Qawwee malee maaltu bilisa nu baasaa Gargar baanee turree Attamiin walgaree? Bara baayyee turree Dhaamsan sitti dhaamaa ilmaan Oromootaa Akkamiin baddi seenan Oromootaa Maqaa biyyaallee ni geeddaranii Adaamadhaan Naazireet jedhanii Tolasaa fi Badhaasaa kiristinnaa kaasanii Safuun tee hin baddee, bara baayyee baatee Bilisummaa jirtuu aramaan si nyaatee Nurratti jigee turee ba'aan guddaansaa Qawwee malee maaltu bilisa nu baasaa[1] |
Koottaa aranaa aramnaa, midhaan keenya keessaa
Tuufoo bubuqqifnaa, cobasaat balleessaa Lafasaat borqiidhaa, kanaaf tuufoo baasaa Lafa aramaan baayyee mee midhaan ilaalaa Nutti jajjabaattii akka hidda kalaalaa Keessaa bubuqqisii, lammata magartii Hiddisii yoo haftee, lamuu nu dhamaaftii Dhiqqeetti isa tuullee aduun haa waraanuu Achitti haa tortoruu midhaan haa fakkaannuu Yoo midhaan lalisee dameensaa bargaagee Yoo inni bilchaate osoon ijaan argee Adaraa yaa namaa kan aramaa agartan Yoo agartanii yoo bira dabartan Kan warraaqsa heddan Kan biyyaaf dhaabbattan[1] |
Qeerron mataa tuutaa, hinjarjaru suutaa
Qeerron mataa tuutaa, bar hinjarjaru suutaa Garagalchanillee, bar garagaluu hin oollee Ilmi abbaan cunqursaa, nama ganuu hin oollee Aduun takka dhiitee, takkas ni bariitee Kan akka kennaa hinjiruu, kan gabrummaan miitee Jiruun gabrummaadhaa, tan nama yaachisuu Guyyaanis carraaqaa, halkanis nun raffisuu Jiini guyyaa hinbahuu, halkan lama hinta'uu Diinni kalee dhufee, bar waa fira nuu hinta'uu Biyya teenya malee, tan namaa hinfalminuu Abbaadhaf gabroomnee, ilmaan hindhaalamnuu Osoo biyya qabnuu, biyya teenna dhabnee Osoo heera qabnuu, heera keenna dhabnee Osoo aadaa qabnuu, aadaa teenna dhabnee Akka baala mukaa faffacaanee hafnee Hacuuccaan gabrummaa, uf nu wallaalchisee Bikka namni ga'u, bar ga'uu nuhanqisee Namummaan haqasaa diinni duraa dhoysee Mee attamiin nyaattee, dhugee, rafa usee[1] |
Halloo Daawwee akkas jettee weellifte | Hordofaa Guyyisaa akkas jedhee weellise | Shantam Shubbisaa kana wallise |
---|---|---|
Barbaannee wal barraa
Walirraa barraa Wajjin tarkanfannaa Yeroo isaatu har'aa Yeroo keennatu har'aa Ka dhihaa ka bahaa Ka dhidhinaa ka booroo Irree tokkoon kaanee Haa walbarru dhiiroo Nutu wal wallaale Mee maaluma tarraa Xiqqaa guddaa keennan Ilmaan biyyaa maraa Oromoottan maaruu Ilmaan haadha takkaa Hireen isaanii takkaa Gara gara duulun Laalaa mee wahii akkaa?[1] |
Shaggee akkam gootaa
Seenan bar dhalootaa Ani duulaa deemuu kiyyaa Maal natti dhaammattaa? Ibiddi Sidaamaa, afuufun ni dhaamaa Bosonatti galee dhaamsa sitti dhaamaa[1] |
Owwalamnee turree jiruun nu sabni ballaan durattii
Nama yartuu cunqurstuu harkattii Meeqatu bayee bade biyyaa ari’amee Meeqatu karaamalee cubbudhaan qalamee Haqa isaa himachuuf meeqatu fannifamee Osoo Afaan qabnuu irraa ugguramnee Afaan biraa baruuf qawween dirqamnee Kunoo har’dha ijaarrachuuf Qaawwaa xinnoo argannee Dhiiraa fi dhalaa if booda akka hinjennee Biyyaa teenyaa tiruu maqaa jijjiranii Afaan nut hinbeennen meeqa moggasanii Warri cunqurstoonni yoom nudamdamanii[2] |
Tarkaanfii Mootummaa
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Agarsiisa kanatti kan hin gammadne mootummaan abbaa hirree Dargii, manuma tiyaatiraa san keessatti boombii namootatti darbachuuf yaadee ture. Boodarra garuu achuma keessaa namoonni tokko tokko waan mormaniif, boombii darbachuun ni hafe.