Tiruu
Tiruun qaama lubbu qabeeyyii lafee dugdaa qabanii fi bineensota biraa tokko tokko keessatti argamu. Meetaabolizimii (metabolism) keessatti faayidaa baayyee kan qabu tiruun, nafa keenya keessattis faayidaa baayyee qaba, kana keessaa gilaayikoojinii (glycogen) olka'u, pilaazmaa pirootin (plasma protein) midhassu fi wantoota hamaa/summii balleessuu (drug detoxification)f fayyada . Qaamni kun immo nafa namaa keessatti xannacha guddicha dha. Tiruun diyaafiramii jalatti kutaa garaa tooraaksi (thorax) keessatti argama. Tiruun Diyaafiramii jala kutaa thoracic jedhamu kan garaa keessatti argamu biratti argama. Tiruun hadhooftuu oomisha, hadhooftuu(bilen) immo kompaawondii alkaalaayin(alkaline) yoo ta'u daakkamuu nyaataa) (digestion yookan nyaata bulleessu qarqaara.
Saayinsii fayyaa (medical) kessatti wanti tiruu wajjin wallitti qabate yeroo baayyee maqaa hepato- or hepatic jedhuun jalqabba. Kuni immo Afaan Giriik irra kan dhufe yoo ta'u hiikan isaa immo tiruu jechu dha.