Jump to content

Ciigoo

Wikipedia irraa
(Ciigoo oromo irra kan qajeele)

Ciigoon ummata Oromoo biratti tooftaa dubbii haala dhoksaa ta'een yeroo dabarsuun barbaadamu itti fayyadamuudha. Ciigooon jecha ykn gale ykn hima hiika mul’ataa fi dhokotaa of keessaa qabu ta’ee kan himoota yaada Walqabataa qaban lamaan himamu dha.Ciigoon qaamota gurguddoo sadii of keessatti qabata isaanis; dubbii dacha,soorgoo fi sookoo fa’a dha

Qaamoolee Ciigoo

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

1.Dubbii dacha/sobbooqoo: dubbii dacha qaama ciigo ta’ee jecha , gaalee ykn hima ciigoo Sana keessatti hiika dhaanquu(hiika mul’ata fi dhokataa)

of keessatti qabatuu dha.

hiika kana argachuuf bo’oo jalqabaafi isa itti aanu waliin xiinxaluu gaafata.

2.soorgoon: ciigoo keessatti ergaa ifaa yoo ta’u, qabiyyyee walalichaatiin tokko

waan ta’eef argachuunsaa xiinxala sammmuu(gadi fageenyaan yaaduu)hin gaafatu.

3.Sookoo: sookoon immo hiika dhokotaa itti yaaduu gaafatu dha.

Hiika kana argachuuf bo’oo jalqabaa fi isa itti aanurratti xiyyeeffachun kan barbaachisu osoo hin taane hiika dubbiin dacha qofaasaa dhaabbatee kennuu xiiinxaluu dha. yommuu ciigoo tokkof sookoo isaa barbaannu dubbi dacha ciigoo sanaa irra deddeebinee sagaleessuu, sagalee jechootaa jijjiiruu dhaan (dheeressun, gabaabsuun, laaffisuun, jabeessuun) sagaleessuu gaafata.

Fakkeenyota ciigoo

  1. Ani buna hin dhugu garaa kutadheera

Buna kee lammaffaa eegaa kutadheera

Jecha dachaa :buna kee lammafaa

Soorgooo: buna dhugaatii dhiiseera

Sookoo:barakaa ykn bina kee 2ffa hin dhugu .

  1. Adaamaa yoo deemtu Finfinneedhaa kaate

Karaa kee gubbaatti Bishooftuu argite

Jecha dachaa :Bushooftuu

Sorgoo:Magaalaa Bushooftuu agarte

Sookoo:Waan badaa ,fokkisa agartee

  1. Miila lama qabdaaf mulka lama hin kortu

Tokkuma filadhu hamma garaa hirtu

Jecha dachaa:hamma garra hirtu

Sorkoo :muka tokko filadhuu kori

Sookoo :waan tokko hojjechuuf hin mamin

  1. Daadhiis ta’e farsoo hundarraa of eegaa

Qulqulluu bishaaniii isa wayya dhugaa

Jecha dachaa:Isa wayya dhugaa

Soorgaa :bishaan wayya bishaan dhugaa

Sookoo : waan dhugaa ta’e waayya ,dhugaa dubbachuu wayya

  1. Hojjaa hin bulchinaa mee fixaa bayeessa

Wayyaaas miiccadhaa bareechaa addeessaa

Jecha dachaa:addessaa

Soorgoo :qulqulleessuun adii godhaa

Sookoo :ji’a ykn baatii

  1. Mi’a baate malee ofii nama hin hubuu

Bakka geessu hin beeknu inni abbaa hin qabu

Jecha dachaa:Inni abbaa hin qabu

Soorgoo :kan eeyyuyyuu miti /mi’ichi abbummaa hin qabu

Sookoo : inni abbaa dhalche hin qabu

  1. Yoom facaasuudhaaf lafa babbaqse

Balleessumaaf jedhee ija qabee cabse

Jecha dachaa: Ija qabee cabse

Soorgoo :Ija masaaqulaa qabee cabse

Sookoo:Agartuu( ija ) isaa qabee cabse

  1. Kumsaan kan Wallaggaa ,sheek Huseen kan Baalee

Osoo bira jirruu hundumaa wallaalle

Jecha dachaa:Hundumaa wallaalle

Soorgoo :Waan hundumaa wallaalle /beekumsa dhabne

Sookoo :Nama Hundumaa jedhamu wallaalle

  1. Garbuu biyya shanan ,buna biyya Jimmaa

Ni nyaatta ni dhugda siifan fida amma

H.D :Siifan fida amma

Soorgoo :siifan dhiheessa

Sookoo :nama ‘’Siifan ‘’jedhamun dhiheessaa

  1. Nutta tolu jennee

Harree manna baafne

Jecha dachaa:Harree manaa baafne

Soorgoo :harree beeyilada manaa manaa baafne

Sookoo :xurii haxoofneee (qulqulleessine ).

Kanas ilaali

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Tarree Ciigoo Oromoo

osoo hin nyaatin torbaan bule agabuu hojjadhe akka nyaadhu anuu quba hin qabu