Jump to content

Xurunash Dibaabaa

Wikipedia irraa
(Xurunash Dibaba irra kan qajeele)
Xurunash Dibaabaa
Ogummaa:Atileetii
Biyya:Itoophiyaa
Guyyaa dhalootaa:Onkoloolessa 1, 1985
Bakka dhalootaa:Boqojjii

Xurunash Dibaabaa Qananii atileetii Itoophiyaa fiigicha dheeraa beekamtedha. Isiin yeroo ammaa chaampiyoonii olompiikii meetira 5000 fi 10,00 ti. Xurunash fiigicha tiraakirraa afuriifi fiigicha qaxxaamura biyyaa shan moo’attee jirti. Kanaafis maqaan galaafattuu fuula ijoollee qabdu jedhamu kennameef.

Xurunash Onkoloolessa 1, 1985 Godina Arsii Aanaa Lemmuufi Bilbiloo magaalaa Boqojjii jedhamutti dhalatte. Maatii isii ijoollee 6 qabaniif Xurunash mucaa afraffaadha. Xurunash kan guddatte lafa ol ka’aa godina Arsii keessatti yoo ta’u, atileetiksii umurii isii 14tti jalqabde.

Xurunash qaama maatii atileetiksii ti. Obboleettin isii Ijjigaayyoo Dibaabaa waltajjii addunyaarratti kan beekkamtu yoota’u, obboleessi isii Dajanee Dibaabaa akka abdii gara fuula duraatti ilaallama. Obboleettiin ishii Ganzabee Dibaabaa dorgommii guddattootaa (junior) Qaxxaamura Biyyaa kan Addunyaa 2008 godhame moo’attee jirti. Moo’attuun Olompiikii 1992 fi Olompiikii 2000 Daraartuu Tulluu durbii isaaniiti. Daraartuun milkaa’ina seenaa fiigicha dheeraa ummata Oromoo itti fufsiisaa jirti.

Medaaliyaa Warqii Olompiikii

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Xurunash riikardii addunyaa haaraa meetira 5000, daqiiqaa 14:11.15 Gooldan Ligii Osloo 2008 irratti galmeessitee jirti. Xurunash Olompiikii Beeljiing irratti meetira 10,000n Hagayya 15, 2008 riikardii Olompiikii haaraa daqiiqaa 29:54.66 galmeessuun moo’atte. Duraan riikardii kana Olompiikii Sidinii irratti daqiiqaa 30:17.49n qabatte kan turte durbii isii Daraartuu Tulluu turte. Riikardiin Olompiikii kun seenaa fiigicha meetira 10,000 hanga ammaatti geggeeffame keessaa isa olaanaa lammaffaa yoota’u, Afrikaa keessaa immoo riikardii haaraadha. Afrikaa keessaa duraan riikardii kana Shampiyoonshiippii Addunyaa 2003 irratti daqiiqaa 30:04.18n qabattee kan turte Biraanee Adareeti.

Torban tokko booda, Xurunash, gaafa Hagayya 22, 2008tti, meetira 5000n duraan shaampiyoonii kan turte Masarat Daffaar dursuun moo’attee. Sa’aatiin isiin galmeessites daqiiqaa 14:41.40 ture. Moo’ichi kunis dubartii jaqabaa meetira 10,000 fi 5,000n Olompiikii tokkorratti moo’atte isii taasisa.

Xurunash, bara 2008 atileetii waggaa kanaa jedhamtee Track & Field Newsn filamtee jirti. Akkasumas, baruma kana, yeroo lammaffaadhaf IAAFn ‘qabxii bayeessa dubartii waggaa kanaa (female Performance of the Year)’ jechuun filateera. Sana dura, bara 2005ttis badhaasa kana argattee turte.

Jireenya Dhuunfaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Xurunash abbaa meedaaliyaa meetii olompiikii 2004 fi 2008 Silashii Sihiin'tti heerumte. Erga Olompiikii Beeljingii, kilabiin isii Poolisiin Mana Sirreessaa, sadarkaa chiif suupper intendentii jedhamu kenneefii jira. Akkasumas hoospitaalli naannoo Finfinneetti ijaaramaa jiru tokko maqaa isiitiin moggaafame jira.

Daayimandi Liigii (Diamond League)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Daayimandi Ligiin dorgommii walitti fufaa tiraakii fi dirree keessaa IAAFn bara 2010 hundeeffame.

BaraDorgommooFiigichaSadarkaaSa’aatii
2010Adidas Grand Prix, New York City5000m1ffaa15:11.34
Aviva London Grand Prix, London5000m1ffaa14:36.41

Atileetiksii Addunyaa Xumuraa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Atileetiksiin Addunyaa Xumuraa dorgommii atileeksii waggaa waggaan bara 2003 hanga 2009 tti IAAFn geggeeffame.

BaraIddooDorgommiiSadarkaaSa’aatii
2003Monaakoo5000 m3ffaa14:57.87
2005Monaakoo5000 m2ffaa14:46.84
2006Istuutgaarti3000 m2ffaa8:34.74
5000 m1ffaa16:04.77
2009Tasalooniki5000 m2ffaa15:25.92

Gooldan Liigii (Golden League)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Gooldan Ligiin dorgommii walitti fufaa tiraakiifi dirree keessaa bara 1998 hanga 2009 IAAFn geggeeffame.

BaraMagaa laaDorgommiiSadarkaaSa’aati
2002Biraaselsi3000 m11ffaa8:41.86
Barliin5000 m6ffaa14:49.90
2003Osloo5000 m3ffaa14:39.94
Roomaa5000 m4ffaa14:41.97
2004Bergen5000 m2ffaa14:30.88
Roomaa5000 m4ffaa14:47.43
2005Roomaa5000 m1ffaa14:32.57
2006Osloo5000 m1ffaa14:30.40
Paaris Se’int-Denis5000 m1ffaa14:54.24
Roomaa5000 m1ffaa14:52.37
Zuuriik5000 m1ffaa14:45.73
Biraaselsi5000 m1ffaa14:30.63
Barliin5000 m2ffaa15:02.87
2007Paaris Se’int-Denis5000 m1ffaa15:21.84
2008Osloo5000 m1ffaa14:11.15
Roomaa5000 m1ffaa14:36.58

Qabxii Olaanaa Isiin Fidde (Personal Bests)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
DorgommiiSa’aatiiGuyyaaMagaalaa
3,000 m8:29.55Adoleessa 28, 2006Landan
5,000 m14:11.15 (RA)Waxabajjii 6, 2008Osloo
10,000 m29:54.66Hagayyaa 15, 2008Beejiing
5 km (karaarra)14:51Eebla 3, 2005Kaarlisbaad*
15 km (karaarra)46:28 (RA)Sadaasa 15, 2009Nijmeegen*

Kan Mana Keessaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
DorgommiiSa’aatiiGuyyaaMagaalaa
3,000 m8:33.37Amajjii 26, 2008Boostan
Maayilii lama9:12.23Gurraandhala 20, 2010Barmiingaam
5,000 m14:27.42Amajjii 27, 2007Boostan