Xulaa Ejersaa
Appearance
Goota beekkamaa Oromoo Gujii kan bara mooti H/s keessa nafxanyoota irratti qabsoo cimaa gaggeessaa tureedha. Gaafa tokko nafxaanyaan hiriyaa isaa tokko biraa ijjeese. Yeroo tokko ammo nafxanyoonni obboleeyyan isaa lama woliin qabuun fannifamanii akka ijjeefaman itti murteessani. Manni keessatti hidhame sun adoo inni tuttuquu cabee qaawa horatee;akka bayee dande'u laallatee namoota mana hidhaa san keessa jiran hunda yoo lafti dhiite akka suuta jedhanii bayan itti dhagarsiise walii galani. Garuu namoonni erga lafti dhiite inni dammaqsinaan hirriiba oo'ifatan jalaa hafani. Inni ammoo huccuu isaan irraa guurate dalleya nafxanyaan shiboo qoree qabuun xaxe ijaare san huccuu irra afee yaabuun nafxanyaa harkaa baye. Namoonni mana hidhaatti hafan garuu ganama san nafxanyoonni fannisanii fixani. Gootichi kun ammoo qabsoo isaa itti fufuun nafxanyoota hedduu barbadeesse. B/saa Damisee Qilxaa