Jump to content

Warraaqsa Industirii

Wikipedia irraa
Coalbrookdale magaalaa Ingilaandi yaadonni haaraan industiriidhaaf itti yaalamaniidha. Kunoo bara 1801 halkan halkan ta'eera. Ibiddi kun sibiilli bal'inaan hojjechuu irraa kan dhufedha.

Warraaqsa Industrii (Afaan Ingiliffaan: Industrial Revolution) yeroo jijjiirama tekinooloojii, dinagdee, fi hawaasummaa guddaa kan jaarraa 18ffaa dhumaa irraa eegalee hanga jaarraa 19ffaa gidduutti Biriitaniyaa Guddoo keessatti jalqabee, sana booda gara Awurooppaa Dhihaa, Ameerikaa Kaabaa, fi dhumarratti addunyaa guutuutti babal'ateedha. Innis ce'umsa dinagdee qonna-bulaa fi hojii harkaa irratti hundaa'e irraa gara dinagdee industirii fi maashinaawaatti taasifame agarsiisa. Warraaqsa kana kan adda taasisu kalaqa maashinii hurkaa, guddina sirna warshaa, fi oomisha sibiilaa fi huccuu guddaadha. Jijjiiramni kun seenaa ilma namaa keessatti, erga Warraaqsa Qonnaa (Neoolitikii) booda, isa guddaa fi bu'uuraa ta'ee fudhatama.[1]

Sababoota Gurguddoo Maaliif Biriitish keessatti Jalqabe

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Warraaqsi Industrii sababa tokko qofaan osoo hin taane, walitti dhufiinsa haalawwan adda addaatiin Biriitaniyaa Guddoo keessatti jalqabe.

Warraaqsa Qonnaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Jaarraa 18ffaa keessa, Biriitish keessatti jijjiiramni qonnaa guddaan dhufe. Tooftaaleen haaraan kan akka lafa marsaan fayyadamuu (crop rotation), tekinooloojii facaasaa fooyya'e, fi horsiisa beeyladaa saayinsaawaan oomisha nyaataa guddaa dabale. Nyaanni gahaan argamuun:

  1. Baay'inni ummataa akka dabalu taasise.
  2. Namoonni qonna irraa gara hojii birootti akka bobba'an karaa bane, kunis warshaaleef humna namaa kenne.

Qabeenya Uumamaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Biriitaniyaan qabeenya uumamaa Warraaqsaaf barbaachisaa ta'an heddumminaan qabdi turte:

  • Dhagaa cilee (Coal): Madda annisaa olaanaa kan maashinoota hurkaa fi warshaalee sibiilaatiif bu'uura ture.
  • Sibiila (Iron Ore): Sibiilli maashinoota, daandiiwwan baaburaa, fi ijaarsawwan biroo hojjechuuf murteessaa ture.
  • Daandii Bishaan Irraa (Waterways): Lagaa fi Bo'oo hedduun jiraachuun, geejjiba salphaa fi rakasa ta'e mi'a ulfaataa (akka cilee) fe'uuf gargaare.

Kalaqa Tekinooloojii

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Yeroo kanatti sammuun kalaqaa Biriitish keessatti dagaagee ture. Kalaqaaleen ijoon:

  • Maashinii hurkaa Fooyya'e: James Watt bara 1776tti maashinii hurkaa kan duraanii caalaa annisaa guddaa kennu fi faayidaa bal'aaf oolu kalaqe. Kun warshaalee fi geejjibaaf humna murteessaa ta'e.
  • Industirii Huccuu: Maashinoonni akka Spinning Jenny (James Hargreaves) fi Power Loom (Edmund Cartwright) oomisha huccuu saffisiisanii, Biriitaniyaan addunyaarratti daldala huccuutiin akka beekamtu godhan.

Haala Dinagdee fi Siyaasaa Mijaawaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
  • Dilbeeta(Capital): Daldala koloniitiin (keessattuu daldala garbaa) fi qonnaan Biriitaniyaan qabeenya (kaappitaala) warshaalee haaraa keessatti invest gochuuf gahaa qabdi turte.
  • Sirna Baankii: Baankonni cimaan jiraachuun liqii industiriiwwan haaraaf barbaachisu kennuuf gargaare.
  • Tasgabbii Siyaasaa: Biriitaniyaan yeroo sana tasgabbii siyaasaa keessoo cimaa qabdi turte, kunis daldalaa fi investimantiif haala mijeess. Seerri mirga qabeenyaa eegu jiraachuunis barbaachisaa ture.

Impaayera Bal'aa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Impaayera Biriitish bal'aan, madda callaa (kan akka jibrii Ameerikaa irraa) fi gabaa oomisha industirii (huccuu Indiyaatti gurguruu) ta'uun guddinaaf murteessaa ture.

Industiriiwwan fi Kalaqaalee Ijoo

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Warraaqsi Industrii industiriiwwan gurguddoo hedduu keessatti jijjiirama fide.

Industirii Huccuu (Textile Industry)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Industiriin kun warraaqsa keessatti isa jalqabaa fi murteessaa ture. Maashinoota haaraan oomisha huccuu jibrii saffisiisanii gatii isaa rakassa taasisan. Warshaaleen huccuu gurguddoon magaalaa akka Maanchistar (Manchester) keessatti ijaaraman.

Aangoo hurkaa fi Sibiila

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Kalaqni maashinii hurkaa bishaan boolla cilee keessaa waraabuu irraa kaasee, maashinoota warshaa oofuu fi baabura sochoosuutti ce'e. Ogummaan sibiila baasuu (metallurgy) guddaan dhufe. Abraham Darby tooftaa dhagaa cilee fayyadamuun sibiila baqsuu (coke smelting) kalaquun, oomisha sibiilaa qulqullina olaanaa qabu dabale.

Geejjiba (Transportation)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Guddinni industirii geejjiba fooyya'aa barbaada ture.

  • Bo'oo (Canals): Bo'oonni gurguddoon qotamuun fe'iinsa mi'a ulfaataa salphisaniiru.
  • Daandiiwwan: Tooftaan ijaarsa daandii haaraa kan John McAdam, daandii cimaa fi yeroo hunda tajaajila kennuu danda'u uume.
  • Daandii Baaburaa (Railways): Guddinni guddaan daandii baaburaati. Maashiniin hurkaa baabura harkisu (locomotive) kan George Stephenson kalaqe, saffisa geejjibaa fi daldalaa haala hin yaadamneen jijjiire.

Dhiibbaa Hawaasummaa fi Dinagdee

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Warraaqsi Industrii jireenya namootaa haala gadi fagoo ta'een jijjiire.

Guddina Magaalotaa (Urbanization)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Warshaaleen humna namaa waan barbaadaniif, namoonni miliyoonaan lakkaa'aman baadiyyaa dhiisanii gara magaalaa godaanan. Kunis guddina magaalaa saffisaa kan akka Landan, Maanchistar, fi Livarpuul fiduun, rakkoolee haaraa uume:

  • Mana jireenyaa dhiphoo fi qulqullina hin qabne.
  • Xurii fi bishaan xuraawaan heddummachuu.
  • Dhibeewwan (akka koleeraa) salphaatti babal'achuu.

Uumama Gita Hawaasaa Haaraa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Hawaasni addaan qoodame:

  • Gita afkalaa (Bourgeoisie): Warra abbootii warshaa, baankerota, fi daldaltoota of keessatti qabata. Isaan kun gita haaraa dureessa fi aangoo siyaasaa qabachaa dhufe turan.
  • Gita dafqaan-bulaa (Proletariat): Warra humna isaanii gurgurachuun warshaa keessa hojjetan. Isaan kun haala jireenyaa gad-aanaa, mindaa xiqqaa, fi sa'aatii hojii dheeraan beekamu.

Haala Jireenya Hojjettootaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Jireenyi hojjettoota warshaa baay'ee rakkisaa ture. Sa'aatii 12-16 guyyaatti, hojii balaaf saaxilame, fi mindaa xiqqaa kaffalamuun baramaa ture. Daa'imman umurii 5-6 irraa eegalanii warshaa fi boolla cilee keessa hojjechuun mirga sarbamuu guddaa ture.

Jijjiirama Maatii

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Hojii fi jireenyi addaan bahe. Duraan maatiin qonna irratti waloon hojjeta ture, amma garuu miseensonni maatii adda adda bahanii warshaa keessa hojjechuu jalqaban. Kunis caasaa maatii aadaa jijjiire.

Babal'ina Addunyaa Guutuutti

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
  • Awurooppaa: Beeljiyeem, Faransaay, fi Jarmanii dafanii tekinooloojii Biriitish fudhachuun industirii ofii babal'isan.
  • Ameerikaa Kaabaa: USA keessattuu erga Waraana Siivililii booda, daandii baaburaa babal'isuu fi qabeenya uumamaa bal'aa qabaachuun guddina industirii saffisaa agarsiiste.
  • Jaappaan: Jaarraa 19ffaa dhuma irratti (Meiji Restoration), Jaappaan tooftaa dhihaa fudhachuun, humna mootummaatiin industirii cimsuun, yeroo gabaabaa keessatti humna industirii guddaa taate.

Warraaqsa Industrii Lammaffaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Naannoo 1870 booda, yeroon Warraaqsa Industrii Lammaffaa jedhamu jalqabe. Kun kan jalqabaa irraa kan ittiin adda ta'u:

  • Madda annisaa haaraa: Elektiriikii fi zayitii naftaa.
  • Industirii haaraa: Industirii keemikaalaa, oomisha konkolaataa (automobiles).
  • Sibiila haaraa: Oomisha hadiidaa(steel) guddaa.
  • Tekinooloojii Komunikeeshinii: Telefoona fi telegiraafii.

Hambaalee Yeroo Dheeraa fi Qeeqa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Warraaqsi Industrii addunyaa har'aa uumuu keessatti gahee olaanaa qaba.

  • Faayidaa: Guddina dinagdee addunyaa, sadarkaa jireenyaa ol'aanaa (yeroo dheeraa keessatti), oomisha mi'aa heddumminaan, fi guddina tekinooloojii.
  • Miidhaa: Faalama naannoo guddaa kan jijjiirama qilleensaa har'aatiif sababa ta'e, wal-caalmaa dinagdee cimaa, fi babal'ina impeeriyaalizimii.

Qeeqni yeroo sanaa irraa eegalee jira. Gareen akka Luddites maashinoota diiguun mormii agarsiisaniiru. Yaadxinoonni akka Sooshaalizimii kan Karl Marx bu'aa wal-caalmaa industirii irraa madde qeequun uumaman.

  1. Hobsbawm, Eric. (1996). The Age of Revolution: 1789–1848. Vintage Books.