Jump to content

Waashii

Wikipedia irraa

Qaamni keenya adeemsa dhukkuba ittisuu keessa osoo jiruu seelii fayyaa ta'e haleeluu danda'a. Seelii fayyaa melanocytes jedhaman kanneen halluu gogaa, rifeensaafi ijaa uumuu danda'an yeroo haleelu dhukkuba "waashii ykn lamxii ykn lamxii" jedhamu fida.

Shamarree dhukkuba lamxii qabdu

Dhukkubni waashii namoota maatii keessatti seenaa yaalaa walfakkaataa qaban ykn dhukkuba ofirraa ittisuu (autoimmune diseases) kan lubbiyyoo(seelii) fayyaa miidhu osoo qaamni dhukkuba irraa ittisuu adeemsa irra jiruu irratti mul’achuu danda’a, garuu yeroo baay’ee sababa hin beekamneen akka uumamu ni mul’ata.

waashii kan dhufu gogaa keenya keessatti pigment melanin jedhamu dhabuu irraati. Melanin seelii gogaa melanocytes jedhamu irraa kan uumamu yoo ta'u, gogaa halluu isaa kenna. waashii keessatti, gogaa keessan keessatti melanin gahaa oomishuuf melanocytes hojjetan gahaa miti. Kunis gogaa ykn rifeensa irratti citaa adiin akka uumamu taasisa. Dhukkubni waashii yeroo baayyee dhukkuba ofirraa ittisuu danda'uudha. Dhukkubni waashii infekshiniin kan hin uumamne waan ta’eef nama irraa gara namatti hin daddarbu.

Jiita(mallattoolee)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Dhukkubni kun naannoo gogaa kamiyyuu irratti mul’achuu danda’a, garuu yeroo baay’ee:

Fuula, qoonqoo, harkaa fi dacha’iinsa gogaa irratti ni mul’ata.

Bakkeewwan gogaa saaxilaman aduudhaan gubachuuf waan saaxilamaniif yeroo aduu keessa jirtan of eeggannoo dabalataa gochuun kiriimii/qoricha SPF ol’aanaa qabu fayyadamuun barbaachisaadha. Kana jechuun yeroo tokko tokko aduudhaaf saaxilamuun ykn foototeraapiin fooyya’iinsa waan agarsiiseef aduu irraa fagaachuu qabna jechuu miti.

Yeroo tokko tokko bakka rifeensa mataa jirutti (fakkeenyaaf, gogaa mataa keetii) guddachuu danda’a, rifeensi naannoo dhibee kanaan qabame irrattis adii ykn halluu diimaa ta’uu danda’a.

Mooliin gogaa kee hin gogsu, garuu citaan sun darbee darbee si ququachuu danda'a.

Dhukkubni waashii rakkoo ijaa wajjinis wal qabata.