Ibolaa

From Wikipedia
(Redirected from Vaayirasii Iboollaa)
Jump to navigation Jump to search
Mayinga N., nama dhibee vaayiresii ibolaan qabamte; guyyaa muraasa booda baayyee dhiigurraan kan ka'e duute.

Ibolaan dhibee namaa fi piraayimeetota (primates) kaan qabu yoo ta'u dhibee kana kan fidus vaayiresii ibolaa ti. Mallattoon dhibee kanaa vaayireesin kun nama qabee guyyaa lamaa hanga torban sadi'iitti mul'achuu jalqaba; mallattoonsaas oo'a qaamaa, qoonqoon madaa'uu, dhukkubbii hirree, fi mataa bo'oofaa dha. Yeroo baayyee hoqqisiisuu, albaasuu fi waan akka finniisa fakkaatu qaamarratti yaa'un itti fufee dhufa, kana wajjin tiruu fi kaleen hojiin isaanii baayyee gadi bu'a. Yeroo kana, dhukkubsataan karaa qaama keessaa fi alaatin dhiigni keessaa yaa'uu jalqaba.

Vaayiresiin kun dhiiga ykn dhangala'aa bineelda dhukkuba kanaan qabamee yeroo tuqan nama qaba. Karaa qilleensaa tatamsa'uu danda'uunsaa hanga ammaatti hin mullanne. Sinbirri alkanii ija mukaa nyaattu vaayiresii kanaan odoo ofii hin qabamin baattee akka tatamsaastu amanama. Namni tokkicha qabamnaan, dhibeen kun namootarraa namootatti ni darba. Dhiirri dhibee kanaan qabamee fayye, vaayiresii kana karaa mi'oo hanga ji'a lamaatti nama biraatti dabarsuu danda'a. Dhibeen kun akka nama qabe baruuf, dhibeewwan mallatto Ibolaa fakkaatu qaban kan akka busaa, koleeraa, fi vaayireesota nama dhigsisan akka hin taane dura addaan baafama. Sana booda mirkaneessuuf, dhiigni dhukkubsataa fudhatamee antiibodii vaayiresii, RNA vaayiresii, ykn vaayiresii mataasaa akka qabu ni qoratama.

Ittisni dhibee kanaa, dhibeen kun bineeldota qabamanirraa gara namaatti akka hin tatamsaane to'aachuu dabalata. Kunis bineeldonni dhibee kanaan qabamuu isaanii sakatta'uu fi yoo qabaman ajjeessanii reeffa isaanii karaa sirrii ta'een gatuu dha. Foon seeran affeeluunii fi yeroo foon tuttuqan uffata ittisaaf ta'u uffachuun fayyaduu danda'a, akkasumas naannoo nama dhbee kana qabuu jiraannan, uffata ittisaaf ta'uu kaawwachuu fi harka dhiqachuunis ni fayyada. Eddattoon dhangala'aa qaamaa fi tishuu nama dhibee kana qabu irraa fudhatame of eeggannoo guddaan qabatamuu qaba.

Qorichi dhibee kana faayyisu hanga ammaatti hin argamne. Yaalin namoota qabamaniif godhamu yaalii gargaarsa qofa, kunis dhangala'aa karaa afanii kennuu (xinnoo miyaa'aa fi soogidda kan qabu) fi dhangala'aa karaa ujummoo dhiigaa kennuu dabalata. Dhibeen kun carraan ajjeesuusaa guddaa dha, kan qabman keessaa naannoo dhibbantaa 50% hanga 90% ni ajjeesa. Iboolan jalqaba kan argame Sudaan (amma Sudaan Kibbaa) fi Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo keessatti. Dhibeen ibolaa baayyinaan Afrikaa keessatti naannoo tirooppikii Sahaaraa gadiitti akka weeraraatti ka'a. Bara 1976 (bara itti jalqaba argame) hanga 2013tti, Dhaabbannii Fayyaa Addunyaa keezii 1,716 gabaase. Weerarri guddaan hanga har'aatti uummame kan bara 2014tti Afrikaa Dhihaa keessatti ka'e yoo ta'u biyyoota akka Giinii, Seraa Liyoon, Laayibeeriyaa fi Naayijeeriyaa keessatti mul'ate. Hanga Onkoloolessa 1, 2014tti, namoonni 3,069 qabamuunii fi kana keessaa 1,552 du'uun gabaafameera. Talaallii humuufojjachuuf yaalin godhamaa kan jiru yoo ta'u, hanga ammaatti garuu hin argamne.

Mallattoo[edit | Lakkaddaa gulaali]

Mallattoo dhibee ibolaa

Mallattoon ibolaa akkuma tasaa dura sadarkaa infuleenzaa fakkaatun, kunis mallattoo dhadhabbii, oo'a qaamaa, mataa bo'oo, fi dhukkubbii buusaa, hirree fi qomaa agarsiisa. Hoqqisiisuu, garaa kaasaa, fi nyaata jibbuun mallattoo beekkamaa keessa tokko. Mallattoon darbee darbee mul'atu: madaa qoonqoo, dhukkubbii qomaa, hinqirsoo, qilleensi namatti hirrachuu fi waa liqimsuu dadhabuu dha. Dhibeen kun nama qabee hanga mallattoon mul'achuu jalqabutti giddu galeessan guyyaa 8 hanga 10 fudhata, garuu bultii 2 hanga 21 gidduu ta'uu mala. Gogaa qaamarratti dhiitaa xixiqqoo akka finniisaa fida (dhibbantaa 50% irratti). Mallattoon ibolaa gara jalqabaa busaa, dengue fever ykn tropical fevers kan biroo wajjin walfakkaata, kunis hanga dhibeen sun guddatee dhiiga qaama keessaa yaasu jalqabutti.

Dhukkubsattoota 40-50% irratti, karaa qaamni ittii madaa'eefi karaa uraa qaamaa (fkn ujummoo mariimaanii fi garaacha, funyaan, buqushaa, iddiddii) dhiigni yaa'un gabaafameera. Sadarkaa dhiiguu, kan mallattoo jalqabaa booda guyyaa 5 hanga 7tti dhufu kanarratti, dhiigun qaama keessoo hoqqisa dhiiga qabuu fi ija diimateen of mullisa. Dhiigni googaa qaamaatti yaa'e waan akka petechiae, purpura, ecchymoses andhematomas (keessaahuu naannoo limmoon waraannatanitti) uuma. Dhukkubsattoonni qufa'anii dhiiga aakkifatu, dhiiga hoqqisu/balaqqamsiisu ykn bobbaa wajjin dhiiga baasu.

Baayyee dhiiguu muraasa, akkasumas yeroo baayyee garaachaa fi marrimaan irratti qofa kan murtaa'e dha. Walumaa galatti, mallattoon dhiigni yaa'uu kun dhibeen hammaachaa deemuu kan agarsiisuu yoo ta'u dhiiga baayyee dhabuun kun du'atti geessa. Namoonni dhibee kanaan qabmana hundi sirni marsaa dhiiga akka keessa jiru muulisu, dhiigni itituu diduu dabalatee. Namni qabame tokko yoo fayyuu baate, erga mallattoon jalqabaa mul'atee guyyaa 7 hanga 16tti (yeroo baayyee 8 fi 9 gidduutti) ni du'a, du'a kanas kan fidu qaamoonni (fkn tiruu, kalee, kkf) hojii dhaabuu isaanitti.

Sababa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Dhibeen ibolaa vaayiresii shan kan warra ibolavaayiresii, maatii filooviraayid, fi oordarii mononegavaayiraals jalatti ramadaman keessaa afuriin dhufa. Vaayireesonni dhibee fidan arfan vaayiresii Bundibugyo (BDBV), vaayiresii Sudaan (SUDV), vaayiresii Taï Forest (TAFV), fi tokko ammoo kan salphumatti vaayiresii Ibolaa (EBOV, duraan vaayiresii Ibolaa Zaayer jedhama) jedhamuuni. Vaayiresii Ibolaa (EBOV) kan jedhamu kun sanyii Zaayer ibolaavaayiresii jalatti ramadamu kan qofaa yoo ta'u vaayiresota dhibee kana fidan keessaa isa hamaa dha, akkasumas weerara ka'e baayyee kan kaase isa.  Vaayiresii shanaffaan Reston virus (RESTV) jedhamu namarratti dhibee fida jedhamee hin yaaddamu. Vaayiresonni ibolaa shananuu vaayiresii Marburg jedhamun walitti dhiyaata.

Daddarbuu[edit | Lakkaddaa gulaali]

Marsaa jireenya vaayiresii ibolaa
Foon bineensa bosonaa kan Gaanaa keessatti nyaataaf qophaa'e, 2013. Afirkaa keessa naannoo mudhii lafaatti, foon bineensa bosonaa nyaachuun dhibeen adda addaa, ibolaa dabalatee, namatti akka darbuu gochuu wajjin walqabata.

Namarraa-namatti daddarbuun kan dhufu dhiiga ykn dhangala'aa qaamaa nama dhukkubsatee tuquun (reeffa nama du'ee dabalatee), ykn wantoota vaayiresii kanaan fallamee tuquun, keessaahuu limmoo wayyaa ittiin hodhanii fi limmoo mana yaalaaa, ta'uu danda'a. Carraan dhibeen kun weerara guddaa geggeessuuf qabu xiqqaadha jedhamee yaaddama, sababiinsaas dhangala'aa dhukkubsataa keessaa bahe qajeeltodhaan tuttuquun qofa waan darbuufi. Mallattoon dhibee kanaa dhukkubsataan akka hin sochoone waan godhuuf carraan namni kun dhibee kana tatamsaasuff qabu ni xiqqaata. Reeffi nama du'ee dhibee kana waan dabarsuuf, sirni awwaalchaa aadaa dhibee kana baballisuu danda'a. Weerara bara 2014 irratti Giinii keessatti dhibeen kun harki lama-sadaffaan kan dhufe sababa awwaalchatiin jedhamee amanama. Mi'oon namoota dhukkubsatanii fayyanii hanga ji'a sadi'iitti dhibee kana dabarsuu danda'a. Weerarri ibolaa kan jalqabaa akkamitti akka ka'e hin beekkamu. Weerarri vaayiresii ibolaa kan jalqabaa dhangala'aa bineelda dhibee kanaan qabame tuquun namatti darbuu hin oolle jedhamee amanama.

Sababa inni baballatuuf keessa inni tokko biyyoota Afrikaa keessatti manneen yaalaa baayyee dadhabaa waan ta'anii fi. Hojjattoonni fayyaa kan uffata ittisaa seeran hin kaawwanne dhibee kanaa qabamuu danda'u. Dhibeen kun Afrikaa keessatti karaa hospitaalaa tatamsa'eera sababinsaas limmoo irraa deebi'anii fayyadamuu fi of eeggannoon waliigalaa dhabamuu dha. Buufanni fayyaa kan dhukkubsattoota yaalaa jiran tokko tokko bishaan ujummoollee hin qaban.

Ibolaan karaa qilleensaa darbuunsaa hin gabaafamne. Garuu, laabiraatorii keessatti kan qophaawu, cobni 0.8– 1.2-μm ta'u qillensa wajjin yoo ol xuuxame dhibee kana nama qabsiisuu danda'a. Vaayiresiin kun, waltuquu tokko malee booyyerraa gara piraayimeetotaatti tattamsa'uu akka danda'u mul'ateera, garuu qorannoon kun daddarbuu akkasii piraayimeetota nama-hin-taane gidduutti arguu hin dandeenye.

Sinbirri alkanii ija mukaa gartokkeen nyaatame lafatti gadi darbatti, achii hoosiftoonni lafarra jiraatan kan akka goorillaa ija mu harca'e sana nyaatu.Cancalli ta'umsa akkasii kun karaa al-qajeeltoo dhibeen kun baattuu vaayiresii kanaarraa gara bineelda biratti ittiin darbu dha, kunis gorora sinbira alkanii vaairesii baachuu ilaalchisee qorachuutti geesse. Oomishni ija mukaa, amalli bineeldaa, fi wantoonni biraa yeroo fi iddoo adda addaatti jijjiiramuun isaanii ka'umsa weerara dhibee kanaa bineeldota keessatti fida.

Kuusaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Sinbirri alkanii kuusaa uummamaa vaayiresii Ibolaa ti. Biqiltoonni, aritiropoodonnii fi sinbirris tarii ta'uu danda'u jedhamee yaaddama. Bosonatti, dhibeen kun kan darbu yeroo sinbirri alkanii dhibee kanaan faalamte ija mukaa gartokkeensaa nyaatame ykn foon ija mukaa gad darbatte, achii booda hoosiftoonni lafarra jiraatan kan akka goorillaa fi kuruphee ija mukaa bu'e san nyaatu. Cancalli akkasii kun sanyii uummaan baattuu vaayiresii ibolaa ta'e keessaa gara sanyiiwwan biraatti karaa kallattii-alaan akka darbuuf carraa uuma. Kunis vaayiresii gorora simbira alkanii kuduraa nyaatu keessa jiruu irratti qorannoo gochuutti geesse. Oomishni kuduraa, amalli bineeldaa, fi sababoonni biraa yeroo fi iddoo adda addaatti jijjiiramuun bineeldota keessatti ka'umsa weerara dhibee kanaa fida. 

Simbirri alkanii warshaa jirbii kan jalqaba weerarri dhibee ibolaa bara 1976 fi 1979 keessatti mul'ate keessa akka jiraachaa turte, akkasumas weerara vaayiresii kan Marburg kan bara 1975 fi 1980 ka'e keessaas harka akka qaban dubbatame. Sanyii biqiltootaa 24 fi sanyii bineeldota lafee dugdaa qaban 19 kan yaaliif jecha vaayiresii ibolaan waraanaman keessaa, simbira alkanii qofatu dhibee kanaan qabame. Simbirri alkanii mallattoo dhibee kanaan yeroo qabaman mul'atu hin agarsiifne, kunis baattuu vaayiresii kanaa ta'uu isaanitiif ragaa ture. Sarvee bineeldota 1,030 irratti, simbira alkaniii Gaabonii fi Rippabiliika Koongoo 679 dabalatee, irratti bara 2002-2003 godhameen, simbirri alkanii kuduraa nyaatan 13 keessatti RNA vaayiresii ibolaa qabu ture. Hanga 2005, simbirri alkanii kuduraa nyaattu (Hypsignathus monstrosus, Epomops franqueti, and Myonycteris torquata) vaayiresii ibolaa akka qaban adda baafameera. Sanyiiwwan kun yeroo ammaa baattuu uummaan akka kuusaa vaayiresii ibolaa akka ta'an shakkama. Antiibodiin vaayiresii Zaayerii fi Reston simbira alkanii Baangilaadish keessatti argameera, kunis baattuun vaayiresii kanaa fi mallattoon filoovaayiresii Eeshiyaa keessa akka jiru agarsiisa.  

Bara 1976 fi 1998 gidduuti, hoosiftoota, simbira, reptaayiloota, amfibiyaanota, fi artiroopoodota 30,00 naannoo weerarrii ibolaa ka'e keessa akka eddattootti fudhamatame keessaa, vaayiresiin ibolaa keessatti hin argamane, kunis hurraa jenetiikii roodentii ja'a (Mus setulosus fi Praomys) fi shiruu(Sylvisorex ollula) Rippabiliika Gidduagaleessa Afrikaa keessaa dhuferraa argameen ala jechuudha. Yeroo weerara 2001 fi 2003, hurraan vaayiresii ibolaa raqa goorillaa fi chimpaanzii keessatti argameera, kunis boodarra dhibeen kun akka nama qabuuf madda ta'e. Haa ta'u malee, sanyiiwwan kanaa dhibeen kun yoo qabee waan ajjeesuuf, isaan akka kuusaa uummamaatti tajaajiluu hin danda'an.  

Qorannoo Vaayireesichaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Suura elektiroon maayikiroofiraafii vaayiriyoonii ibolaa

Vaayiresiin ibolaa jinoomii RNA maraa tokko kan nama hin faalle qaba. Vaayireesin ibolaa jinoomii tilmaaman 19 ta'nii fi kan jiinii torba tartiiba 3'-UTR-NP-VP35-VP40-GP-VP30-VP24-L-5'-UTR of keessaa qaban qaba. Jinoomin vaayireesin ibolaa shananii (BDBV, EBOV, RESTV, SUDV, fi TAFV) tartiibaa fi lakkoofsa fi iddoo jiiniin walirra oolutti gargari. Akkuma filoovaayiresii hundaa, vaayiresiin ibolaa paartikilii maraa danaa ulee hookkoo fakkaatu ykn boca "U" ykn "6" qabu dha, kana malee vayiresiin kun maramaa, geengoo ykn kan damee qabu ta'uu danda'a. Walumaa galatti, vaayireesin ibolaa ballinaan 80 nm yoo ta'u dheerinaan garuu gargari. Dheerinni ibolaa miidiyaanin 974 hanga 1,086 nm (kunis faallaa marburgvirions kan dheerina midiyaaniin 795–828 nm ta'e qabuu ti) ta'a, garuu paartikiliin ibolaa dheerina hanga 14,000 nm ta'u qabu tishuu namni guddise keessatti argameera.

Marsaan jireenya vaayiresii ibolaa yeroo vaayiriyoniin rissepterii seelitti of qabsiise jalqaba, itti aansuun marsaan seelii vaayiresii membireenii seelii wajjin tokkooma, niwuukilookaspiidin vaayiresii gara saayitosoolitti gadilakkifama. Gilaayikoopirootiniin (GP1,2 jedhama) vaayiresii ibolaa, dandeettii seelitti of qabsiisuu fi seelii faaluu kennaaf. RNA poliimeraasin vaayiresii kanaa, kan jiinii L lakkadaa'e,gartokkeen niwuukilookaspiidii banuun jiinii gara mRNAttii dabarsa, kunis achii booda gara pirootiinii istiraakcheraalii fi nan-istiraakcheraaliitti jijjiirama. Pirootiinin baayyinaan oomishamu niwukiyoopirootiini dha, priootiinin akkasii kun seelii keessatti baayyachuunsaa iswiichiin L jiinii dabarsuuraa gara jinoomii baayyisuutti yoom akka ce'u murteessa. Seelii baayisuun antiijinoomii dheerina-guutuu, maraa poozatiivii qabu uuma, kunis itti aansun garagalcha jinoomii vaayiresii maraa-nageetiiviitti jijjiirama. Istiraakcheraal pirootiinii fi jinoomiin haaraa oomishame kun ofumaa walitti gaggaluun seel membireenii qarqaraatti karaa keessa walitti qabamu. Vaayiroonin seelii irraa akka dameetti marguu jalqaba, maraa seelii isaas seel membireenii irraa marganirraa fudhatu. Partikiliin guddate kun sana booda seelii biraa weeraruun marsaa kana irra deebi'ee hojjata. Jenetiksii vaayireesii ibolaa qorachuun baayyee ulfaata, sababiinsaas dhibee nama qabsiisuu waan danda'uuf.      

Paatoofiiziyooloojii[edit | Lakkaddaa gulaali]

Pathogenesis schematic

Seelonnii ujummoo dhiigaa karaa keessaa jiran(endothelial cells), makroofeejonni, fi seelonni tiruu dhibeen iboola kan guddinaan miidhu keessa adda dureedha. Dhibeen qabamuun booda, gilaayikoopirootiinin burqisiifame, kan gilaayikoopirootiinii bulbulamu xiqqoo (small soluble glycoprotein - sGP) ykn gilaayikoopirootiinii vaayiresii ibolaa jedhamutu, hojjatama. Vaayiresii ibolaa baayyisuun oomisha pirootiini seelotaa faalamanii fi sirna ittisaa dhukkubsataa dhiphina keessa galcha. sGPn pirootinii sirna asattoo dabarsuu niwutiroofiilsi (neutrophils), gosa seelii dhiiga adii kan ta'e, jeequ oomisha, kunis vaayiresiin kun sirna ittisaa jalaa niwutiroofiilsin akka dafee hojiitti hin bobbaane gochuun jalaa miliqa. Seelonni dhiiga adii kun vaayiresii kana baatanii  qaama hunda keessa gara limfi noodii, tiruu, somba, fi hadhooftuutti faffacaasu. Vaayiresiin jiraachuu fi miidhamni seelii kan vaayiresiin isa keessatti oomishamee keessaa ba'urran kan ka'e dhufu, asattoon keemikaalaa(kan akka TNF-α, IL-6, fi IL-8) akka gadilakkifamu godha, kunis asattoo molokiyuulii kan oo'a qaamaa fi gubaa ti. Miidhaan seelii namaarra ga'u, kan seeliin indooteeliyaalii(endothelial cells) fidu, ujumoo dhiigaa irraan miidhaa ga'a. Miidhamni ujummoo dhiigaa kun oomishmuu GPrraan ka ka'e ittuu ammaata, GPn wanti seelonni walitti akka qabatan godhu hirrisa, fi miidhaa tiruu kan dhiigni seeran akka hin ittitne godhu fida.   

Wabii[edit | Lakkaddaa gulaali]