User talk:Studio Mijuu Dilbata

Page contents not supported in other languages.
Wikipedia irraa

SEENAA MUHAAMMAD IBRAAHIM HUNDEE (BLUE HORSE BUSINESS MAN) - Sabboonaa, Bashaasha, Qabsaa'aa (Waraana Bilisummaa Oromoo (Jajjabee), Daldalaa fi Abbaa Qabeenyaa Dhugaatii Anniisaa qabu (Blue Horse Energy Drink owner) tiin beekama. Akeeki hundee QBO mirga hiree murteeffannaa ummata Oromoo kan uumaman qabu mirkaneessuu dha.   Mirgi hiree murteeffanna kun mirkanawuun cunqursaa fi saaminsa jaarraa tokkootti xumura godhee yoo danda’ame waltahiinsa siyaasaa walqixxummaa fi fedhii irratti hundaawe ummatoota kaan wajjin utubuu dha. Bara 1991 aangoon biyya Itophiyaa bulchuu gita bittuu Amaaraa irraa Tigirooti fudhachuun mirgi ummata Oromoo fi ummatoota kaan akka kabajamu hin goone.  Jijjiirran tahe kan kabeebsaa, qabsoo bilisummaa qabbaneessuuf kan godhamee dha. Qabsoo bilisummaaf ummatni Oromoo gaggeessu sirna cunqursaa mootummaa irratti kan xiyyeeffate malee ummata kam iyyuu kan hin ilaalle tahuu ABO irra deebi’ee mirkaneessa. Fedhii irratti hundaawanii,  bu’ura ummatooti bilisa tahan tokkummaa siyaasaa ummachuuf godhan ijaaruuf ABO fi ummatni Oromoo murteeffatanii jiru. Muhaammad Maatii Qonnaan Bulaa fi Horsiisee Bulaa, Abbaa isaa Ibraahim Hundee fi Haadha isaa Aadde Kuulii Tolaa irraa Godina Arsii Aanaa Roobee Saddiiqaa, Ganda Saddiiqaa, Bakka Qarsaa jedhamutti Gosa Amaallamaa irraa dhalate. Maatii Horii, Re'ee fi Lafa bal'aa qaban warra dureessa (Baala-Abbaata) irraa dhalate. IJOOLLUMMAA ISAA Horafa daakee, Biyyee laaqee, akkuma Ijoollee Baadiyaa kamuu; Horii, Re'ee fi Jabbiloota tiiksuun maatiif ergamuun dabarse. Ijoollummaa isaan gaafa waggaa 10n gahu, Konkolaataa fe'uumsaa (Eletiree) yaabbatee biyya bade. Gaafa badu horii bobbaasee yommuu deebi'u, jabbiileen midhaan namaa nyaatte. Ijoolleen warra midhaan jalaa nyaatamee, isa tumuuf deemnaan inni humna isaan irra waan qabuuf Ijoollee tume. Galgala yoo manatti gale na reebu jedhee sodaate. Malli inni malate Gootaraa (Gumbii) Midhaanii keessa seenee buluudha. Galgala Gaabii uffatee mana gadi bahe. Malli inni baafate kan biraa, dhokatee gara maatii firaatti baduudha. Galgala akkuma inni gadi baheen, lafti Birraa gara Bona ture. Halkan Daandii Konkolaataa irratti bahee hafuura Gommaa Konkolaataa afuuffate (fuunfate) laftis akka gaazii gaazii itti dhooftee Makiinaan akka dabre bare. Yoo inni lafa fuunfatu, foolii gaaziitin Konkolaataan akka gadi tare beekee jira. Karaa irratti bahee eegee wayta inni ol deebi'u bakka Gommaa dabalataa (Reserve Tire), qabatee itti marame. Muhaammad Gumbii keessa seenee hin bulle. Konkolootaa fe'uumsaa karaa irratti bahee eeggachuudhaan, duubaan itti maramee yaabbatee Konkolaataa duuka badiinsa qajeele. Duubaan waan yaabbateef akka hin kufneetti tolchee qabatee ol kore. Yeroo inni gubbaa ol bahu, keessa konkolaataa Kophee moofaan guutuudha. Dooniyaan Kopheen ittiin fe'amu Haadduudhaan ciree, Kophee Madaabaraa duwwaa biraatti guurate. Magaalaa Roobee Diida'aa keessa firri isaanii akka jiru waan dhagaheef achi dhaquu fedhe. Maaltu as si fide yoo jedhaniin, warra keennatu akka Kophee kana gurguradhuuf Magaalaa #Diksiis na ergan mala jedhu itti himadha jedhee malate. Erga mana firaa bulee Booda, Ganama Magaalaa DIKSIIS'tti madaba namaa irratti dhaqee Sharaa buufate. Abbaan Gulliitii (Madabii) itti dhufee iddoo ufii irraa ari'ate. Namni bakka ufii irraa kaasanii ariinaan, Karaa Konkolaataa irratti afate. Kara kana irra gatii Bushadhaan Alaada, Shilingii fi Sumuniin warra Karaa Gammoojjii irraa dhufanitti gurguratee Birrii Itoophiyaa 20 argate. Galgala warra Naannoo isaanii Kaddee Suufaa kan jedhaman kan Makiinaa qaban ilma isaanii Kamuu argate. Konkolaachisaan isaanii Kamuu Kaddee Suufaati. Magaalaa Diksiisitti Kamuun wal arganii gaafannaan Maqaa haadhaa itti himate. Abbaan isaanii hojiif waan deddeemaniif, Maqaa haadhaa Aadde Kuulii itti himate. Kamuun warra isaa waan beekuuf gaafa deebinu Saddiiqatti si buufnaa, kori waliin deemnaa jedheenii akka gargaaraa Konkolaachisaatti fudhatee Itiyyaan fide. Yeroo san Konkolaataa irraa kufee miidhamuu qofa osoo hin taane, yoo miidhamuu isaa arge, maatiin naan lola kan jedhu sodaa qaba. Maatiin akka naamusaan guddatuuf waan reebaniif /dhaananiif inni immoo, dhaanamuu jalaa bahuuf biyyaa baqate. Itiyyaa erga dhaqanii Baanaa Kamuu irraa fudhate achuma Konkolaataa keessa. Ganama ka'ee isuma waliin Adaamaa dhaqee jalaa miliqe. Kamuun Meeshaa fe'ate Hurutaa Deemee, Hurutaa irraa Roobeen waan deemuuf, uf duuba na deebisa jedhee jalaa bade. Magaalaa kana keessatti na qabanii na galchu, ani asuma taa'ee baradha kan jedhullee mataa keessa na jira jedhee waan ta'eef,  sodaatee Magaalaa keessa jalaa bade. Mana nyaataa tokko hulaa dura dhaabatee wayta namni ol seenuu duuka ol seenee Sirba Iskittaa TV Itoophiyaa irratti taphatamu laale. Kunis isaaf calqabaa arge waan ta'eef, "bada jara kiyya sila namni akkamitti TV keessa seenee Sirba" jedhee tv duuba naanna'ee laale. Yeroo kana Ummanni Hotela keessa #hooh jedhee itti kolfe. Yeroo inni tv laaluu Hidhattoonni gara 5nii gahan shaayii dhugaa TV laalaa jiru. Isaan keessaa ajajaa dhibbaa Waraana Dargii kan ture, #Taaddasaa... itti dhufee "ati eessaa dhufte" jedheen. Muhaammad'is "ani ilma Hidhataa (Wataddaraa) ti" jedheen. "Abbaan kee hoo eessa" jennaan, "Abbaan koo Waraana Xiyyaara (Roophilaa) Asmaraa oofa" jedheen. Taaddasaan amma Muhaammad'n fuudhee Abbaa itti barbaanna jedhee Kaampii Hidhattootaa fide. Borumtumaa isaa buufata Hidhattootaa, Elekooftaraan Bishooftuu (Dabra Zeeyti) fide. Inni achi fidee jennaan Maqaa jijjiiratee itti himate. Maqaa dhugaa yoo itti himate beekamuu danda'a waan ta'eef, Maqaa hidhataa Naannoo warraa ture kan Waraana keessatti qaamaan miidhamee qe'eetti galee himate. Maqaa nama akkasii barbaadanii dhaban. Muhaammad abbaa hin arganne waan ta'eef, Taaddasaan natu guddifata jedhee fudhate. Taaddasaan Suuqii Lapherraa (Suuq badarat) Meeshaa Kophee itti haxaayan biteefii akka Kophee hojjatu godhe. Kanuma keessa Taaddasaan Mooyyaalee Booranaatti ramadamee, Elekooftaraan fudhatee Mooyyaaleen deeme. Amma achitti Waraanaaf ergamaa ture. Mooyyaaleetti Waraanni Baqattoota lamaa kan Arsii Itoophiyaa irraa gara #Keeniyaa deemaan qabanii biratti tuman. Muhaammad ammas Afaan Oromootin malee, Afaan Amaaraatiin baay'ee hin dubbatu. Bara 1987 - 1989 Keeniyaa keessa ture. AMALA JIREENYA ISAA Ijoollummaa irraa kaasee amalli isaa bashaasha fi bohaarsaa ture. Qalbiin isaa qaruutee fi abshaala ture. Taphataa, bashannanaa fi bashaasha tahuun isaa namoota firaa fi ollaa bira darbee, akka namoota biyyoota adda addaatti akka ce'u isa taasise. Tapha isaa keessa KISAARAA Hanzaraarii taphachuun beekama. Hanzaraarii yoo argate, taphachuun mooyata. Moo'ameera jedhee, hin taa'u. Yoo moo'ameellee uffata namaa irraa ciratee taphataanii oolee gala. Erga mooyee boodallee, galgala galee Uffata irraa cireetti hodhaaf. Mana keessatti Hanzaraariin Uffata irraa yoo citte akka inni irraa cire maatiin isaallee ni beeku. Kutaa 2ffaa... itti fufa.. Galatoomaa!  Horsiisee Bulaa = GAAFFIIF DEEBII OBBO MAHAAMMAD IBRAAHIM,ABBAA QABEENYAA "BLUE HORSE"WAJJIIN TAASIFAME KUTAA XUMURAA =  

OMN:Qophii Keessummaa Gaaffiif Deebii Obb. Mohaammad Ibraahim, Abbaa Qabeenyyaa "Blue Hourse" wajjin[lakkaddaa gulaali]

Odaa, mallattoo Oromootaa[lakkaddaa gulaali]

Odaa, mallattoo Oromootaa Ummanni Oromoo saba Afrikaa keessa baayyinaan Itoophiyaa keessaa jiraatuu fi haga xiqqaa ammoo kaaba Keeniyaa fi Somaaliyaa keessatti jiraatudha. Sabni Oromoo baayyinaan miliyoona 40 yoo ta'u kanaanis Itoophiyaa keessattis ta'ee gaanfa Afrikaatti baay'ina ummataan sadarkaa tokkoffaarra jira. Akka lakkoofsa uummataa bara 2007tti, baay'nni ummata Oromoo dhibbeentaa ummata Itoophiyaa 50% qabata. Afaan ummanni Oromoo dubbatamu Afaan Oromoo jedhama, Afaan Oromoon garee afaanii Afroo- Eeshiyaatiik jalatti ramadama. Dhufaatii Oromoon ummata afaan hortee Kuush dubbatu kan bahaa fi kaaba baha Afrikaa keessatti argaman keessaa isa guddaadha. Odeeffannoon jiru akka ibsutti, ummanni Oromoo akka hawaasaatti Gaanfa Afrikaa keessa waggoota kuma baayeedhaaf jiraacha ture (Prouty et al., 1981). Bates (1979) Oromoon sanyiii durii fi jalqabumaa kaasee naannoo kana jiraachaa turedha, tarii ummattoonni naannoo baha Afrikaa kaan baayyen kan irratti erabamani. Ka'umsi Oromoo eessaa akka ta'e sirriitti hubachuuf qorannoon dabalataa barbaachisuyyuu, Oromoon jalqabarratti akka horsiisee-bulaatti fi/ykn gartokkeen qotee- bulaatti jiraachaa ture jedhamee amanama. Qorattoonni seenaa baayyen gosoonni Oromoo (Baale) muraasni fiixee-kibbaa Itoophiyaa har'aa keessa waggaa kumaa ol jiraacha akka turan walii galu. Qoratoonni kun Godaansi Oromoo daldalaan-dhiibbame ummata Oromoo gara bakka har'a jiraatan walakkaa fi dhihaa Itooophiyaa jaarraa 16ffaa fi 17ffaatti akka fide dubbatu. Kaartaan durii kan impaayera Aaksum /Abisiniyaa fi Adaal /Sumaalee Oromoon gara walakkaa Itoophiyaa har'aatti haaraa ta'uu agarsiisa. Seenaa As Dhihoo Kaartaa Itoophiyaa kan Naannoo Oromiyaa]] agarsiisu Akka seenaan ibsutti, ummanni Oromoo bulchiinsaaf Sirna Gadaa fayyadamaa ture. Oromoon mootummoota ofbulchan muraasas qaba, kanas ummata Sidaamaa wajjin qooddata. Kana keessaa mootummoota naannoo Gibee ta'an Geeraa , Gommaa, Garo , Gummaa, Jimmaa fi Limmuu-Inaariyaa , fi akkasumas mootummaa Jireeni. Akka seenaan dubbatutti, walmorkiin karaa nagaa fi waraanaa ummata Oromoo fi sabootaa ollaa kan akka Amaaraa, Sidaamaa fi Sumaalee wajjin ture siyaasa hawaasa Oromoorratti dhiibbaa fide. Goddansi Oromoonni akka Yajuu gara kaabatti godhan, fi keessumattuu Oromoon Arsii gara lafa saba Sumaalee fi Sidaamaatti godhan baballiinsa Amaarri gara kibbaatti godhe wajjin wal fakkaata, fi siyaasa sanyii Itoophiyaa kan harraa kana boce. Akkasumas, baballinni guddaan Sumaalee lafa diriiraa Ogaadeniirraa gara dhihaatti gara laga Jubaatti godhame Oromoo wajjiniin walitti bu'iinsa fide. Iddoo tokko tokkotti, Oromoonii fi Sumaalen qabeenya uummamaa fi lafa gabbata irratti walitti bu'aa turan. Dabalataan, Oromoonni Bahaa, kan Islaamummaa fudhatanii turan, warra Sumaalee fi Affaar wajjin qaama Sulxaana Adaal kan Islaamaa hordofuu turan. Sulxaanni Adaal hooggana Imaam Ahimad Ibin Ibraahim Al-Gaazii jalatti Impaayera Abisiiniyaa kan Kiristaana ture qabachuuf duule ture. Qorataan seenaa Riichaardi Paankirasti odoo humnoonni Yuurooppi hin dhufinii fi mootummaan Itoophiyaa hin hundaa'in dura, naannon amma Itoophiyaa , Eertiraa fi Somaaliyaa jedhamu kana: Suura mootittii Oromoo kan yeroo Biriitish Maqdalaatti duula geggeessite bara 1867-68 kaafame. Mootittii Oromoom fi ilma ishii. Wagga kurnan jalqabaa jaarraa 19ffaa keessaa, mootummaan Oromoo sadi'i Inaariyaa, Gommaa fi Gumaan cimanii dhufan. Naannoon kun walumatti lafa-Oromoo jedhamee yoo beekkamu lafa walakeessaa fi kibba Itoophiyaa qabata, kunis yeroo amma lafa sabni Oromoo hin taane irra jiraatu of keessatti qabata. Gumaachi Oromoo Itoophiyaa hundeessuu keessatti yoo ilaallame, Goobana Daaccii waraana geggeessudhaan mootummoota bilisummaan jiraachaa turan Itoophiyaa jalatti galcheera. Goobanaan Minilik jala galuudhan mootummoota Oromoo baayyee cabsee Itoophiyaa jalatti galche. Sababa kanaafis Oromoonnii Goobanaa akka gantuutti ilaalu. Itoophiyaan har'aa odoo hin hundaa'in dura daldallii naannoo, karaa dheeraa fi daangaa qaxxaamuru Itoophiyaa har'aa, Eertiraa fi kutaan Somaaliyaa walitti hidhee ture. Karaan daldalaa kun Boongaa , Jimma , Saqqaa, Asandaaboo, Goojjam , Bageemidir, Maramma, Misuwwaa , Sooddo, Shawaa , Harar , Zaayilaa fi Baarbaraa walitti qabsiisa ture. Bara 1973tti, Oromoon Itoophiyaa keessatti hacuuccamuunsaanii waan daangaa dhabeef ABO hundeessan; ABOnis naannoo Oromiyaa keessatti ummata sochoosuu jalqabe. Baruma kana Itoophiyaa keessa beela hamaa kan ummataa nuusa miliyoonatii ol ta'u fixetu dhufe; kanarrattis mootummaan Hayila Sillaasee tarkanfii fudhatee gargaarsi akka rabsamu eeyyamuufillee yeroo dheeraa itti fudhate. Namoonni beelan dhuman baayyensaanii Oromootaa fi Amaarotaa Walloo , Affaarii fi Tigroota turan. Bara 1974 Finfinnee keessa hiriira nagaa fi fincila hojii dhaabuutu jira ture; baruma kana Gurraandhala keessa mootummaan Hayila Sillaasee kufee Dargiin aangoo qabate; garuu ammas kaawonsiliin kun Amaaradhaan kan guuttame ture, namoota miseensa kaawonsilii kanaa 125 keessa 25 qofatu Amaara miti. Bara 1975 mootummaan lafti baadiyyaa hundi kan mootummaa akka ta'e labse, sirna abbaa lafaas balleesse. Garuu, bu'aan kunis qonnaa waliinii kan dirqamaa, qonnaa mootummaa fi sagantaa ummata dirqamaan qubsiisuurraan kan ka'e galmaa gaa'uu dide. Mudde 2009tti, gabaasni fuula 96 qabu kan Human Rights in Ethiopia: Through the Eyes of the Oromo Diaspora jedhamu kan Advocates for Human Rights jedhamuun qophaa'e sarbama mirga dhala namaa ummata Oromoo mootummoota Itoophiyaa sadan darban: Impaayera Abisiiniyaa kan Hayila Sillaaseen bulchaa ture, sirna Maarkisistii kan hordofu Dargii fi kan har'a Itoophiyaa bulchaa jiru ADWUI kan ABUT(Adda Bilisummaa Ummata Tigraayin) hoogganamu, jalatti irra ga'e gabaasa. ABUT miseensota ABO tilmaaman 20,000 ta'u kan hidhan yoo ta'u hoggantoota ABO hunda biyyaa ari'aniiru, ABOn Itoophiyaa keessatti akka dhaaba siyaasaatti akka hin sochoone godhaniiru. Akka Biiroo Mootummoota Gamtoomanii Komishinera Olaanaa Mirga Namaatti, Oromia Support Group (OSG) bara 2005 hanga Hagayya 2008tti Oromoonni 594 odoo gara mana murtiitti hin geeffamin humnoota nageenyaa mootummaa Itoophiyaatin ajjeeffamaniiru, 43 ammoo mana hidhaa erga galanii booda dhabamaniiru. Akka Gabaasa Amnistii Internaashinaal BECAUSE I AM OROMO jedhu kan bara 2014 baase ibsutti hacuuccaan mootummaan ADWUI ilmaan Oromoorraan ga'u cimee kan itti fufe ta'uu ibsa. Bara 2011 hanga bara 2014 gidduutti qofa, Oromoonni 5,000 ol ta'an mootummaa karaa nagaatin warri morman ykn mormu jedhamanii shakkaman mana hidhaatti galfamaniiru. Itoophiyaa keessa gazeexessitonnii dhuunfaa fi miidiyaan bilisaa waan hin jirreef, lakkoofsi namoota hidhamanii kun kana caaluu danda'a jedha. Miseensonnii dhaaba siyaasaa seeran galmaa'ee socho'uullee odoo hin hafin kan dhibbaa olitti lakkaawwaman mana hidhaatti akka darbaman dubbata. Dimoogiraafii Ummanni Oromoo Itoophiyaa, kan walumaagalatti sablammoota afaan 74 dubbatan qabdu, keessatti saba isa guddaadha. Oromoonni 95% ta'an qubatanii kan qonnaan bulanii fi horiisee bultoota godaanani. Oromoon tooftaa qonnaa aadaa duubatti hafaa ta'e kan hordofu yoo ta'u jireenyi isaanis irra caala harkaa gara afaanitti. Oromoonni muraasni naannoo magaalaa jiraatu. Ummatni Oromoo kaabaan hanga Tigraay, kibbaan hanga Keeniyaa faffaca'ee argama. Oromoon harki caalaan naannoo Oromiyaa keessa kan jiraatan yoo ta'u hangi tokkommoo kaaba Keeniyaa keessa jiraatu. Kana malees Oroomoonni hangi tokko naannoo Amaaraa godina addaa saba Oromoo keessa jiraatu. Afaan Ummanni Oromoo Afaan Oromoo (Oromiffas ni jedhama) dubbata. Afaan Oromoon maatii afaanii Afroo-Eeshiyaatik jalatti ramadama. Gaanfa Afrikaa keessa Oromoon saba kuushii dubbatu guddicha dha. Akka itinooloogin jedhutti, addunyaa guutuutti ummata 40,467,900tu Afaan Oromoo dubbata. Afaan Oromoo damee afur gurguddaatti qoqqooddama: Afaan Oromoo Booranaa-Arsii- Gujii , Afaan Oromoo Bahaa, Afaan Oromoo Dhihaaf Walakeessaa fi Afaan Oromoo Ormaati. Yeroo ammaa Afaan Oromoo qubee Laatiniitin barreeffama. Sana dura garuu, hawaasni Oromoo dhihaa fi walakkeesssaa hanga bara 1991tti qubee Gi'iizii fayyadamaa turan. Qubeen Saaphaalloos Afaan Oromoo barreesuuf keessattu baha Oromiyaatti tajaajila ture. Nannoo Oromoonni baayyen Musliima ta'anitti ammoo qubeen Arabaa Afaan Oromoo barreessuf fayyadamaa turan. Oromoo Saba horsiisee bultoota (Pastoralist/ nomadic) fi gartokkee qonnaan bultoota (semi-agriculturalist) jedhaman keessaa akka dhufe amanama.Jaarraa 16 keessatti eega mootummaan Habashaa fi Sulxaanetii Adaal wal hadhanii lachuu dadhabanii dhiisanii booda, ummanni Oromoo gara Kaabaatti (kaaba Oromiyaa ammaatti)babal'atan. Abbaan amantii "Baahiree" jedhamu akka bara 1593tti barreessetti jajjabeenya Oromoon yeroo sunitti qabu cimaa akka ture ibseera. Baahiree itti aanee Oromoon akka gara kaaba-dhihaatti gara Arsii , Shawaa , Wallagga fi Goojjam akkasumas gara kaaba-bahaan gara Harargee fi Walloo akka fafaca'e ibseera. Haroold G. Maarkas(Harold G. Marcus) akka jedhetti kaabi-dhihaa Boorana akka bakki Oromoon duran qubate akka ta'e ibseera. Jaarraa 17 jalqabee Oromoon Amaara irraa gargar bahuu jalqaban. Haa ta'u malee, Oromoon bulchiinsa Itoophiyaa bara suni keessatti bakka argachuu jalqabde. Keessattuu Emperor Iyo'as 1ffaan (1730-55) Oromoota saba haadha isaa ta'an ofitti dhiheessuu jalqabe. Akkasumas waltajjii Gondar keessatti Afaan Oromoo akka dubbatamu taasise. Bara "Zemene Mesafinti" keessatti dhaloota Oromoo kan ta'an Yejjuun bara dheeraaf waraanaan Imperoota Itoophiyaa dursaa turan. Akkasumas Bageemidir, Enderases jalatti qoodamuu jalqaban. Yejjuunis Raas Alii 1ffaa jala bulaa ture, haa ta'u malee, bara dheeraan duuba Tewodiroos 1ffaan Raas Alii 1ffaa injifate. Ta'us, ammallee Impereronni Itoophiyaa waan dadhabaniif waraanni Yejjuu Itoophiyaa keessaa tokkoffaa ture. Oromoonni bara sunnitti beekkamoo turan keessaa 1. Bulchituu Manan kan Walloo , kan bara 1800 mootii taate. 2. Ras Mahaammad kan Walloo , kan Raas Mikaa'el ta'e, achiin bulchiinsa Sion. 3. Bulchituu Manan kan Ambaassal, kan haadha manaa Hayila Sillaasee taate. Humnaa fi maatii imperiyaalaa wajjin walitti qabamuf jecha ummatni Oromoo hedduun Kiristaanummaatti jijjiiramanii turan. Itti fufee immoo, gara dhuma 1800ffaatti, Imperer Yohaannis 4ffaan gosa Oromoo Walloo keessa jiran hunda akka Kiristaanummaatti jijjiraman yookaan immoo akka qabeenya isaanii dhaban sodaachisee ture. Kun immoo gosa Oromoo lafa warra dhiisan akka gara kibbaatti godaanan warra godhee ture. Bulchaan Oromoo Mohaammad maqaa jijjiratee Abbaa lafaa Mikaa'el jedhame, niitii erga fuudhee booda abbaa Imperer Iyyaasuu 4ffaa ta'e. Qoqqoodama Oromoo Kanas ilaali: Qoqqoodama Oromoo Ummani Oromoo bakka kudha lamatti adda baha. Bakka dhiha baha irra eegalee hanga bahaatti tuutni kun: Ummani Wallaggaa ummata naannawa dhihaa jiraatu ummanni kun naannawa bishaanii jiraatan; Oromoo Maccaa - Laga Dhedheessaa fi Laga Oomoo gidduu, kibba Laga Gibee jiraatu. Oromoo Tuulamaa - Handhuura Oromiyaa naannoo Finfinnee jiraatu; Oromoo Walloo - gara Kaabaa naannoo Amaaraa godina addaa Oromiyaa , naannoo Hara Ashangee, jiraatu; Oromoo Raayyaa fi Oromoo Yajjuu jedhamu Oromoo Ituu , nannoo Oromiyaa keessa Laga Hawaas fi magaalaa Dirre Dhawaa jiraatu; Oromoo Anniyyaa - kibba warra Ituu fi dhiha Laga Erer jiraatu; oborra handhura baha oromiya jiratu Ala Oromoo - magaalaa Harar fi Laga Erer dhihatti, warra Ituu fi Anniyyaa gidduu jiraatu; Oromoo Nole - magaalaa Dirree Dhawaa bahatti kaaba magaalaa Harar; Oromoo Baabbilee - qaama Oromoo bahaa yoo ta'an, baha Laga Erer fi kibba Oromoo Bahaa jiraatu Oromoo Jaarsoo - Harargee Bahaa gara bahaatti; Oromoo Arsii - godinaalee Arsii , Baalee fi haga tokko Shawaa Bahaa keessa jiraatu. Oromoo Booranaa - Kibba Oromiyaa fi kaaba Keeniyaa jiraatu. Warra Qaalluu - Laga Hawaas fi magaalaa Dirre Dhawaa gidduu jiraatu. Oromoo Gujii - qaama Oromoo Kibba jiraatuu yoo ta'an, ollaa Oromoo Booranaa jiraatu. Shariifaa Laga Hawaas fi magaalaa Dirre Dhawaa gidduu jiraatu. Oromoo Beekkamoo Amaan Hedatoo - political activist and new singer Abbabaa Abbishuu - sabboonaa Oromoo fi weellisaa beekkamaa Abbaas Hajii Ganamoo - Pirofeesara Yuunivarsiitii Toroontoo, Barreessaa seenaa waa'ee ummata Arsii barreesse Mootii Abbaa Jifaar II - Jimmaa fi naannoo ishee bulchaa ture. Abdiisaa Aagaa - loltuu Xaaliyaaniin lolaa turee fi yeroo Waraana Addunyaa II hogganaa loltoota paartisaanii Jaarraa Abbaa Gadaa - Hundeessitooota ABO keessaa isa tokko kan ta'ee fi hoogganaa dhaaba 'Adda Oromiyaa Dimokiraasoftuu' Dr. Abdulsamad Mahaammad - barreessaa seerluga Afaan Oromoo fi seerluga Oromoorratti nama beeka Raas Abbabaa Aragaay - Jeneraala qubattoota Xaaliyaanii lolan (1930 keessa) Abbabaa Biqilaa - Olimpikii irratti Afrikaa fi Itoophiyaa keessaa madaaliyaa warqee badhaafamuun kan jalqabaa (maraatoonii miila duwwaa Bulchiinsa Oromoon waggaa dheeran duraa jalqabee sirna Gadaatin bulaa ture. Sirni Gadaa sirna dimokiraatawaa kan ammaa wajjin kan wal fakkaatu yoo ta'u, aangoo waggaa saddeetitti wal harkaa fuudhama. Journalist Gadaa Hunde

SIRNA ABBAA-IRREERRAA GARA DIMOKRAASIITTI[lakkaddaa gulaali]

SIRNA ABBAA-IRREERRAA GARA DIMOKRAASIITTI[lakkaddaa gulaali]

Waggoota dheeraadhaaf wanni akkaan na yaachisaa as gaye akkaata ummanni tokko sirna abbaa-irree ofirraa ittisuufi dhabamsiisuu itti dandayani. Kuniis, hamma tokko, ilmi namaa cunqursaa akkanaa mudachuus, sarna akkasiitin dhabamsiifamuus hinqabu yaanni jedhu na keessatti uumamuurraa dhalate. Amantii tuniis waa‟ee barbaachisummaa bilisummaa ilma namaa, waa‟ee akkaagara abbootii irree (Arstootilirraa hanga xiinxaltoota sirna  ukkaamsaatti) seenaa sirna abbootii irree (keessumattuu sirnoota Naaziitiifi kan Staaliinistootaa) dubbisuu kiyyaan daranuu na keessatti akka cimtu taate. Waggoota dabran keessatti warra mooraalee hidhaa jumlaa (concentration camps) Naazii keessa hiraariin jiraateefi kanneen dandamatanii as gayan qunnamee dubbisuuf hiree argadheera. Norweeyitti warra bittaa faashistootaatiin mormeefi kanneen dandamate qunnameera; warra laboobamaniis waa‟ee saanii dhagayeera. Yahuudoota mooraa Naazii keessaa baafataniifi warra isaan dandamachiisees argee odeeyfadheera. Shoorarkaa bittaa kooministootaa jalatti biyyoota adda addaa keessatti taate oduudhaan osoo hintahin kitaaboota garagaraa dubbisuudhaanin hubadhe. Shoorarkaan sirnoota kanaa maqaa cunqursaafi samicha jalaa bilisoomutiin waan irratti fe‟ameef baay‟ee nama gaddisiisa. Kurneelee muraasa as dhihoo kana keessattiis warra biyyoota sirna abbaa-irree jalatti kufan kanneen akka Panama, Poland, Tibetiifi Burma waliin walqunnamee dhugaa waa‟ee sirna abbaa irree kanneenii hubadheera. Warra Tibet kanneen weerara kooministoota China dura dhaabbatee lole, warra Russia kanneen yaalii fonqolcha mootummaa ji‟a Hagayyaa bara 1991 keessa fiinxaaleyyii godhame cabse, Taaylaandota yaalii biyya isaanii gara bittaa waraanaatti deebisuuf godhamte karaa nagayaatiin fashalsiisan ilaalchisee amala hamaafi ajaa‟ibsiisaa sirni abbaa irree waan baay‟ee barachuu dandayeetin jira. Qabsoon bittoota garajaboo kanarra aanuuf godhamteefi aarsaan kafalame gadda hadhaawaa haa uumu malee, biyyoota ammayyuu balaa irra-hamaa jala jiraniifi mormii jajjabduun keessatti mul‟atu daaw‟achuun murannoofi gootummaan haawaasa biyyoota sanii nama jajjabeessa. Kanneen keessaa, Panama bittaa abbaa irree Noriega jalatti, ummanni Vilnius /Lithuania ukkaamsitoota Sooviyeet durii jalatti, Beijing murruqii addababayii Tiananmen irratti raaw‟atameefi balaa „Burmaa bilisa baate‟ keessatti waajjira humnoota demokraatawoorratti bakka Manerplaw jedhamutti raaw‟atame akka fakkeenyaatti kaafamu. Takkee bakkoota gootoonni itti kufan dhaqee daaw‟adheera: awwaalaafi utubaa TV Vinius/Riga/ keessatti argamu, parkiilee namoonni itti rashanaman, Ferrara kaaba Italia keessatti bakka fashistoonni mormitoo murruq itti godhan, akkasumas, Manerplaw keessatti awwaala jimlaa reefki azeebban kichuutiin guutame arguu danda‟eera. Abbootiin irree hundinuu fixiinsaafi badiinsa nama suukaneessu dhiisanii dabruu isaaniiti hubanna. Moyxannoofi yaaddoo tana keessaahis cunqursaa ittisuun akka dandayamu, ,murriqiin osoo hinjirre qabsoo milkii qabdu sirna abbaa irreerratti akka dandayamu, sirna abbaa irree cabsuufi hahhaarayniniis daaraa duraanii keessaa akka hin dhalanne ittisuun akka dandayamu abdii guddoo murannoo cimtuu qabdu arganne. Gaaga‟ama lubbuutiifi gadadoo ummataa hamma danda‟ametti gad xiqqeessuudhaan sirna abbootii irree cabsuuf karaalee qabsoo milkii qabdu gochuun itti dandayamu qajeellotti if eeggachaa itti yaaduu yaaleen jira.Waggoota baay‟eef waa‟ee sirnoota abbootii irree, sochiilee diddaa cunqursaa, warraaqsa garagaraa, ilaalcha siyaasaa adda addaa, sirnoota taligaa mootummaatiifi keessaafuu qabsoo malchiiftuu karaa nagayaatiin godhamtu qorachuudhaan waanin hubadherraahin ka’e. Kitaabni kuniis qormaata kanarraa dhalate. Bal’ina Kitaabichaa mallattoo ittaanu tuqaatii dubbisaa

  1. FaaruuHidhamtootaOromoo

Dhugaa keenya kan argu qabsumaa; Nu booddee hin deebinu tasumaa; Lafa keenyarraa nu buqqisanii, Hiyyumaadhaanis nu rukutanii, Aadaa fi afaan keenya balleessanii, Mana hidhaatti nu dararanii, Amma garuu didnee kaaneerra- Duubatti nu deebisuu hin danda’ani. Amma garuu didnee kaaneerra- Duubatti nu deebisuu hin danda’ani. Hin kenninu murree lafa keenya, Lafee keenya dubbiin lafa keenyaa, Tokkummaadhaan kaanee falmanna; Oromiyaarratti wareegamna! Tokkummaadhaan kaanee falmanna; Oromiyaarratti wareegamna! Lafa keenyarraa nu buqqisanii, Hiyyumaadhaanis nu rukutanii, Aadaa fi afaan keenya balleessanii, Mana hidhaatti nu dararanii, Amma garuu didnee kaaneerra- Duubatti nu deebisuu hin danda’ani. Amma garuu didnee kaaneerra- Duubatti nu deebisuu hin danda’ani. Lafa abbaa keenyaarraa hin buqqaanu; Diddaa keenya duuba hin deebinu; Lubbuu baay’ee irratti dhabneerra, Addunyaaf ishee saaxilleerra. Lubbuu baay’ee irratti dhabneerra, Addunyaaf ishee saaxilleerra. Lafa keenyarraa nu buqqisanii, Hiyyumaadhaanis nu rukutanii, Aadaa fi afaan keenya balleessanii, Mana hidhaatti nu dararanii, Amma garuu didnee kaaneerra- Duubatti nu deebisuu hin danda’ani. Amma garuu didnee kaaneerra- Duubatti nu deebisuu hin danda’ani. Via