User talk:Studio Mijuu Dilbata
Mata duree ida'iSEENAA MUHAAMMAD IBRAAHIM HUNDEE (BLUE HORSE BUSINESS MAN) - Sabboonaa, Bashaasha, Qabsaa'aa (Waraana Bilisummaa Oromoo (Jajjabee), Daldalaa fi Abbaa Qabeenyaa Dhugaatii Anniisaa qabu (Blue Horse Energy Drink owner) tiin beekama. Akeeki hundee QBO mirga hiree murteeffannaa ummata Oromoo kan uumaman qabu mirkaneessuu dha. Mirgi hiree murteeffanna kun mirkanawuun cunqursaa fi saaminsa jaarraa tokkootti xumura godhee yoo danda’ame waltahiinsa siyaasaa walqixxummaa fi fedhii irratti hundaawe ummatoota kaan wajjin utubuu dha. Bara 1991 aangoon biyya Itophiyaa bulchuu gita bittuu Amaaraa irraa Tigirooti fudhachuun mirgi ummata Oromoo fi ummatoota kaan akka kabajamu hin goone. Jijjiirran tahe kan kabeebsaa, qabsoo bilisummaa qabbaneessuuf kan godhamee dha. Qabsoo bilisummaaf ummatni Oromoo gaggeessu sirna cunqursaa mootummaa irratti kan xiyyeeffate malee ummata kam iyyuu kan hin ilaalle tahuu ABO irra deebi’ee mirkaneessa. Fedhii irratti hundaawanii, bu’ura ummatooti bilisa tahan tokkummaa siyaasaa ummachuuf godhan ijaaruuf ABO fi ummatni Oromoo murteeffatanii jiru. Muhaammad Maatii Qonnaan Bulaa fi Horsiisee Bulaa, Abbaa isaa Ibraahim Hundee fi Haadha isaa Aadde Kuulii Tolaa irraa Godina Arsii Aanaa Roobee Saddiiqaa, Ganda Saddiiqaa, Bakka Qarsaa jedhamutti Gosa Amaallamaa irraa dhalate. Maatii Horii, Re'ee fi Lafa bal'aa qaban warra dureessa (Baala-Abbaata) irraa dhalate. IJOOLLUMMAA ISAA Horafa daakee, Biyyee laaqee, akkuma Ijoollee Baadiyaa kamuu; Horii, Re'ee fi Jabbiloota tiiksuun maatiif ergamuun dabarse. Ijoollummaa isaan gaafa waggaa 10n gahu, Konkolaataa fe'uumsaa (Eletiree) yaabbatee biyya bade. Gaafa badu horii bobbaasee yommuu deebi'u, jabbiileen midhaan namaa nyaatte. Ijoolleen warra midhaan jalaa nyaatamee, isa tumuuf deemnaan inni humna isaan irra waan qabuuf Ijoollee tume. Galgala yoo manatti gale na reebu jedhee sodaate. Malli inni malate Gootaraa (Gumbii) Midhaanii keessa seenee buluudha. Galgala Gaabii uffatee mana gadi bahe. Malli inni baafate kan biraa, dhokatee gara maatii firaatti baduudha. Galgala akkuma inni gadi baheen, lafti Birraa gara Bona ture. Halkan Daandii Konkolaataa irratti bahee hafuura Gommaa Konkolaataa afuuffate (fuunfate) laftis akka gaazii gaazii itti dhooftee Makiinaan akka dabre bare. Yoo inni lafa fuunfatu, foolii gaaziitin Konkolaataan akka gadi tare beekee jira. Karaa irratti bahee eegee wayta inni ol deebi'u bakka Gommaa dabalataa (Reserve Tire), qabatee itti marame. Muhaammad Gumbii keessa seenee hin bulle. Konkolootaa fe'uumsaa karaa irratti bahee eeggachuudhaan, duubaan itti maramee yaabbatee Konkolaataa duuka badiinsa qajeele. Duubaan waan yaabbateef akka hin kufneetti tolchee qabatee ol kore. Yeroo inni gubbaa ol bahu, keessa konkolaataa Kophee moofaan guutuudha. Dooniyaan Kopheen ittiin fe'amu Haadduudhaan ciree, Kophee Madaabaraa duwwaa biraatti guurate. Magaalaa Roobee Diida'aa keessa firri isaanii akka jiru waan dhagaheef achi dhaquu fedhe. Maaltu as si fide yoo jedhaniin, warra keennatu akka Kophee kana gurguradhuuf Magaalaa #Diksiis na ergan mala jedhu itti himadha jedhee malate. Erga mana firaa bulee Booda, Ganama Magaalaa DIKSIIS'tti madaba namaa irratti dhaqee Sharaa buufate. Abbaan Gulliitii (Madabii) itti dhufee iddoo ufii irraa ari'ate. Namni bakka ufii irraa kaasanii ariinaan, Karaa Konkolaataa irratti afate. Kara kana irra gatii Bushadhaan Alaada, Shilingii fi Sumuniin warra Karaa Gammoojjii irraa dhufanitti gurguratee Birrii Itoophiyaa 20 argate. Galgala warra Naannoo isaanii Kaddee Suufaa kan jedhaman kan Makiinaa qaban ilma isaanii Kamuu argate. Konkolaachisaan isaanii Kamuu Kaddee Suufaati. Magaalaa Diksiisitti Kamuun wal arganii gaafannaan Maqaa haadhaa itti himate. Abbaan isaanii hojiif waan deddeemaniif, Maqaa haadhaa Aadde Kuulii itti himate. Kamuun warra isaa waan beekuuf gaafa deebinu Saddiiqatti si buufnaa, kori waliin deemnaa jedheenii akka gargaaraa Konkolaachisaatti fudhatee Itiyyaan fide. Yeroo san Konkolaataa irraa kufee miidhamuu qofa osoo hin taane, yoo miidhamuu isaa arge, maatiin naan lola kan jedhu sodaa qaba. Maatiin akka naamusaan guddatuuf waan reebaniif /dhaananiif inni immoo, dhaanamuu jalaa bahuuf biyyaa baqate. Itiyyaa erga dhaqanii Baanaa Kamuu irraa fudhate achuma Konkolaataa keessa. Ganama ka'ee isuma waliin Adaamaa dhaqee jalaa miliqe. Kamuun Meeshaa fe'ate Hurutaa Deemee, Hurutaa irraa Roobeen waan deemuuf, uf duuba na deebisa jedhee jalaa bade. Magaalaa kana keessatti na qabanii na galchu, ani asuma taa'ee baradha kan jedhullee mataa keessa na jira jedhee waan ta'eef, sodaatee Magaalaa keessa jalaa bade. Mana nyaataa tokko hulaa dura dhaabatee wayta namni ol seenuu duuka ol seenee Sirba Iskittaa TV Itoophiyaa irratti taphatamu laale. Kunis isaaf calqabaa arge waan ta'eef, "bada jara kiyya sila namni akkamitti TV keessa seenee Sirba" jedhee tv duuba naanna'ee laale. Yeroo kana Ummanni Hotela keessa #hooh jedhee itti kolfe. Yeroo inni tv laaluu Hidhattoonni gara 5nii gahan shaayii dhugaa TV laalaa jiru. Isaan keessaa ajajaa dhibbaa Waraana Dargii kan ture, #Taaddasaa... itti dhufee "ati eessaa dhufte" jedheen. Muhaammad'is "ani ilma Hidhataa (Wataddaraa) ti" jedheen. "Abbaan kee hoo eessa" jennaan, "Abbaan koo Waraana Xiyyaara (Roophilaa) Asmaraa oofa" jedheen. Taaddasaan amma Muhaammad'n fuudhee Abbaa itti barbaanna jedhee Kaampii Hidhattootaa fide. Borumtumaa isaa buufata Hidhattootaa, Elekooftaraan Bishooftuu (Dabra Zeeyti) fide. Inni achi fidee jennaan Maqaa jijjiiratee itti himate. Maqaa dhugaa yoo itti himate beekamuu danda'a waan ta'eef, Maqaa hidhataa Naannoo warraa ture kan Waraana keessatti qaamaan miidhamee qe'eetti galee himate. Maqaa nama akkasii barbaadanii dhaban. Muhaammad abbaa hin arganne waan ta'eef, Taaddasaan natu guddifata jedhee fudhate. Taaddasaan Suuqii Lapherraa (Suuq badarat) Meeshaa Kophee itti haxaayan biteefii akka Kophee hojjatu godhe. Kanuma keessa Taaddasaan Mooyyaalee Booranaatti ramadamee, Elekooftaraan fudhatee Mooyyaaleen deeme. Amma achitti Waraanaaf ergamaa ture. Mooyyaaleetti Waraanni Baqattoota lamaa kan Arsii Itoophiyaa irraa gara #Keeniyaa deemaan qabanii biratti tuman. Muhaammad ammas Afaan Oromootin malee, Afaan Amaaraatiin baay'ee hin dubbatu. Bara 1987 - 1989 Keeniyaa keessa ture. AMALA JIREENYA ISAA Ijoollummaa irraa kaasee amalli isaa bashaasha fi bohaarsaa ture. Qalbiin isaa qaruutee fi abshaala ture. Taphataa, bashannanaa fi bashaasha tahuun isaa namoota firaa fi ollaa bira darbee, akka namoota biyyoota adda addaatti akka ce'u isa taasise. Tapha isaa keessa KISAARAA Hanzaraarii taphachuun beekama. Hanzaraarii yoo argate, taphachuun mooyata. Moo'ameera jedhee, hin taa'u. Yoo moo'ameellee uffata namaa irraa ciratee taphataanii oolee gala. Erga mooyee boodallee, galgala galee Uffata irraa cireetti hodhaaf. Mana keessatti Hanzaraariin Uffata irraa yoo citte akka inni irraa cire maatiin isaallee ni beeku. Kutaa 2ffaa... itti fufa.. Galatoomaa! Horsiisee Bulaa = GAAFFIIF DEEBII OBBO MAHAAMMAD IBRAAHIM,ABBAA QABEENYAA "BLUE HORSE"WAJJIIN TAASIFAME KUTAA XUMURAA =
OMN:Qophii Keessummaa Gaaffiif Deebii Obb. Mohaammad Ibraahim, Abbaa Qabeenyyaa "Blue Hourse" wajjin
[lakkaddaa gulaali]Odaa, mallattoo Oromootaa
[lakkaddaa gulaali]
Odaa, mallattoo Oromootaa
Ummanni Oromoo saba Afrikaa keessa
baayyinaan Itoophiyaa keessaa jiraatuu fi haga
xiqqaa ammoo kaaba Keeniyaa fi Somaaliyaa
keessatti jiraatudha. Sabni Oromoo baayyinaan
miliyoona 40 yoo ta'u kanaanis Itoophiyaa
keessattis ta'ee gaanfa Afrikaatti baay'ina
ummataan sadarkaa tokkoffaarra jira. Akka
lakkoofsa uummataa bara 2007tti, baay'nni
ummata Oromoo dhibbeentaa ummata
Itoophiyaa 50% qabata. Afaan ummanni
Oromoo dubbatamu Afaan Oromoo jedhama,
Afaan Oromoon garee afaanii Afroo-
Eeshiyaatiik jalatti ramadama.
Dhufaatii
Oromoon ummata afaan hortee Kuush dubbatu
kan bahaa fi kaaba baha Afrikaa keessatti
argaman keessaa isa guddaadha.
Odeeffannoon jiru akka ibsutti, ummanni
Oromoo akka hawaasaatti Gaanfa Afrikaa
keessa waggoota kuma baayeedhaaf jiraacha
ture (Prouty et al., 1981). Bates (1979)
Oromoon sanyiii durii fi jalqabumaa kaasee
naannoo kana jiraachaa turedha, tarii
ummattoonni naannoo baha Afrikaa kaan
baayyen kan irratti erabamani.
Ka'umsi Oromoo eessaa akka ta'e sirriitti
hubachuuf qorannoon dabalataa
barbaachisuyyuu, Oromoon jalqabarratti akka
horsiisee-bulaatti fi/ykn gartokkeen qotee-
bulaatti jiraachaa ture jedhamee amanama.
Qorattoonni seenaa baayyen gosoonni Oromoo
(Baale) muraasni fiixee-kibbaa Itoophiyaa
har'aa keessa waggaa kumaa ol jiraacha akka
turan walii galu. Qoratoonni kun Godaansi
Oromoo daldalaan-dhiibbame ummata Oromoo
gara bakka har'a jiraatan walakkaa fi dhihaa
Itooophiyaa jaarraa 16ffaa fi 17ffaatti akka fide
dubbatu. Kaartaan durii kan impaayera
Aaksum /Abisiniyaa fi Adaal /Sumaalee
Oromoon gara walakkaa Itoophiyaa har'aatti
haaraa ta'uu agarsiisa.
Seenaa As Dhihoo
Kaartaa Itoophiyaa kan Naannoo Oromiyaa]]
agarsiisu
Akka seenaan ibsutti, ummanni Oromoo
bulchiinsaaf Sirna Gadaa fayyadamaa ture.
Oromoon mootummoota ofbulchan muraasas
qaba, kanas ummata Sidaamaa wajjin
qooddata. Kana keessaa mootummoota
naannoo Gibee ta'an Geeraa , Gommaa, Garo ,
Gummaa, Jimmaa fi Limmuu-Inaariyaa , fi
akkasumas mootummaa Jireeni.
Akka seenaan dubbatutti, walmorkiin karaa
nagaa fi waraanaa ummata Oromoo fi
sabootaa ollaa kan akka Amaaraa, Sidaamaa fi
Sumaalee wajjin ture siyaasa hawaasa
Oromoorratti dhiibbaa fide. Goddansi
Oromoonni akka Yajuu gara kaabatti godhan, fi
keessumattuu Oromoon Arsii gara lafa saba
Sumaalee fi Sidaamaatti godhan baballiinsa
Amaarri gara kibbaatti godhe wajjin wal
fakkaata, fi siyaasa sanyii Itoophiyaa kan
harraa kana boce. Akkasumas, baballinni
guddaan Sumaalee lafa diriiraa Ogaadeniirraa
gara dhihaatti gara laga Jubaatti godhame
Oromoo wajjiniin walitti bu'iinsa fide. Iddoo
tokko tokkotti, Oromoonii fi Sumaalen
qabeenya uummamaa fi lafa gabbata irratti
walitti bu'aa turan. Dabalataan, Oromoonni
Bahaa, kan Islaamummaa fudhatanii turan,
warra Sumaalee fi Affaar wajjin qaama
Sulxaana Adaal kan Islaamaa hordofuu turan.
Sulxaanni Adaal hooggana Imaam Ahimad Ibin
Ibraahim Al-Gaazii jalatti Impaayera
Abisiiniyaa kan Kiristaana ture qabachuuf duule
ture.
Qorataan seenaa Riichaardi Paankirasti odoo
humnoonni Yuurooppi hin dhufinii fi
mootummaan Itoophiyaa hin hundaa'in dura,
naannon amma Itoophiyaa , Eertiraa fi
Somaaliyaa jedhamu kana:
Suura mootittii Oromoo kan yeroo
Biriitish Maqdalaatti duula geggeessite
bara 1867-68 kaafame. Mootittii
Oromoom fi ilma ishii.
Wagga kurnan jalqabaa jaarraa 19ffaa
keessaa, mootummaan Oromoo sadi'i
Inaariyaa, Gommaa fi Gumaan cimanii dhufan.
Naannoon kun walumatti lafa-Oromoo
jedhamee yoo beekkamu lafa walakeessaa fi
kibba Itoophiyaa qabata, kunis yeroo amma
lafa sabni Oromoo hin taane irra jiraatu of
keessatti qabata. Gumaachi Oromoo Itoophiyaa
hundeessuu keessatti yoo ilaallame, Goobana
Daaccii waraana geggeessudhaan
mootummoota bilisummaan jiraachaa turan
Itoophiyaa jalatti galcheera. Goobanaan Minilik
jala galuudhan mootummoota Oromoo baayyee
cabsee Itoophiyaa jalatti galche. Sababa
kanaafis Oromoonnii Goobanaa akka gantuutti
ilaalu. Itoophiyaan har'aa odoo hin hundaa'in
dura daldallii naannoo, karaa dheeraa fi
daangaa qaxxaamuru Itoophiyaa har'aa,
Eertiraa fi kutaan Somaaliyaa walitti hidhee
ture. Karaan daldalaa kun Boongaa , Jimma ,
Saqqaa, Asandaaboo, Goojjam , Bageemidir,
Maramma, Misuwwaa , Sooddo, Shawaa , Harar ,
Zaayilaa fi Baarbaraa walitti qabsiisa ture.
Bara 1973tti, Oromoon Itoophiyaa keessatti
hacuuccamuunsaanii waan daangaa dhabeef
ABO hundeessan; ABOnis naannoo Oromiyaa
keessatti ummata sochoosuu jalqabe. Baruma
kana Itoophiyaa keessa beela hamaa kan
ummataa nuusa miliyoonatii ol ta'u fixetu
dhufe; kanarrattis mootummaan Hayila
Sillaasee tarkanfii fudhatee gargaarsi akka
rabsamu eeyyamuufillee yeroo dheeraa itti
fudhate. Namoonni beelan dhuman
baayyensaanii Oromootaa fi Amaarotaa Walloo ,
Affaarii fi Tigroota turan. Bara 1974 Finfinnee
keessa hiriira nagaa fi fincila hojii dhaabuutu
jira ture; baruma kana Gurraandhala keessa
mootummaan Hayila Sillaasee kufee Dargiin
aangoo qabate; garuu ammas kaawonsiliin kun
Amaaradhaan kan guuttame ture, namoota
miseensa kaawonsilii kanaa 125 keessa 25
qofatu Amaara miti. Bara 1975 mootummaan
lafti baadiyyaa hundi kan mootummaa akka
ta'e labse, sirna abbaa lafaas balleesse.
Garuu, bu'aan kunis qonnaa waliinii kan
dirqamaa, qonnaa mootummaa fi sagantaa
ummata dirqamaan qubsiisuurraan kan ka'e
galmaa gaa'uu dide.
Mudde 2009tti, gabaasni fuula 96 qabu kan
Human Rights in Ethiopia: Through the
Eyes of the Oromo Diaspora jedhamu kan
Advocates for Human Rights jedhamuun
qophaa'e sarbama mirga dhala namaa
ummata Oromoo mootummoota Itoophiyaa
sadan darban: Impaayera Abisiiniyaa kan
Hayila Sillaaseen bulchaa ture, sirna
Maarkisistii kan hordofu Dargii fi kan har'a
Itoophiyaa bulchaa jiru ADWUI kan ABUT(Adda
Bilisummaa Ummata Tigraayin) hoogganamu,
jalatti irra ga'e gabaasa. ABUT miseensota
ABO tilmaaman 20,000 ta'u kan hidhan yoo
ta'u hoggantoota ABO hunda biyyaa ari'aniiru,
ABOn Itoophiyaa keessatti akka dhaaba
siyaasaatti akka hin sochoone godhaniiru.
Akka Biiroo Mootummoota Gamtoomanii
Komishinera Olaanaa Mirga Namaatti, Oromia
Support Group (OSG) bara 2005 hanga
Hagayya 2008tti Oromoonni 594 odoo gara
mana murtiitti hin geeffamin humnoota
nageenyaa mootummaa Itoophiyaatin
ajjeeffamaniiru, 43 ammoo mana hidhaa erga
galanii booda dhabamaniiru.
Akka Gabaasa Amnistii Internaashinaal
BECAUSE I AM OROMO jedhu kan bara 2014
baase ibsutti hacuuccaan mootummaan
ADWUI ilmaan Oromoorraan ga'u cimee kan itti
fufe ta'uu ibsa. Bara 2011 hanga bara 2014
gidduutti qofa, Oromoonni 5,000 ol ta'an
mootummaa karaa nagaatin warri morman ykn
mormu jedhamanii shakkaman mana hidhaatti
galfamaniiru. Itoophiyaa keessa
gazeexessitonnii dhuunfaa fi miidiyaan bilisaa
waan hin jirreef, lakkoofsi namoota hidhamanii
kun kana caaluu danda'a jedha. Miseensonnii
dhaaba siyaasaa seeran galmaa'ee
socho'uullee odoo hin hafin kan dhibbaa olitti
lakkaawwaman mana hidhaatti akka
darbaman dubbata.
Dimoogiraafii
Ummanni Oromoo Itoophiyaa, kan
walumaagalatti sablammoota afaan 74
dubbatan qabdu, keessatti saba isa
guddaadha. Oromoonni 95% ta'an qubatanii
kan qonnaan bulanii fi horiisee bultoota
godaanani. Oromoon tooftaa qonnaa aadaa
duubatti hafaa ta'e kan hordofu yoo ta'u
jireenyi isaanis irra caala harkaa gara afaanitti.
Oromoonni muraasni naannoo magaalaa
jiraatu.
Ummatni Oromoo kaabaan hanga Tigraay,
kibbaan hanga Keeniyaa faffaca'ee argama.
Oromoon harki caalaan naannoo Oromiyaa
keessa kan jiraatan yoo ta'u hangi tokkommoo
kaaba Keeniyaa keessa jiraatu. Kana malees
Oroomoonni hangi tokko naannoo Amaaraa
godina addaa saba Oromoo keessa jiraatu.
Afaan
Ummanni Oromoo Afaan Oromoo (Oromiffas ni
jedhama) dubbata. Afaan Oromoon maatii
afaanii Afroo-Eeshiyaatik jalatti ramadama.
Gaanfa Afrikaa keessa Oromoon saba kuushii
dubbatu guddicha dha. Akka itinooloogin
jedhutti, addunyaa guutuutti ummata
40,467,900tu Afaan Oromoo dubbata. Afaan
Oromoo damee afur gurguddaatti
qoqqooddama: Afaan Oromoo Booranaa-Arsii-
Gujii , Afaan Oromoo Bahaa, Afaan Oromoo
Dhihaaf Walakeessaa fi Afaan Oromoo Ormaati.
Yeroo ammaa Afaan Oromoo qubee Laatiniitin
barreeffama. Sana dura garuu, hawaasni
Oromoo dhihaa fi walakkeesssaa hanga bara
1991tti qubee Gi'iizii fayyadamaa turan.
Qubeen Saaphaalloos Afaan Oromoo barreesuuf
keessattu baha Oromiyaatti tajaajila ture.
Nannoo Oromoonni baayyen Musliima ta'anitti
ammoo qubeen Arabaa Afaan Oromoo
barreessuf fayyadamaa turan.
Oromoo Saba horsiisee bultoota (Pastoralist/
nomadic) fi gartokkee qonnaan bultoota
(semi-agriculturalist) jedhaman keessaa akka
dhufe amanama.Jaarraa 16 keessatti eega
mootummaan Habashaa fi Sulxaanetii Adaal
wal hadhanii lachuu dadhabanii dhiisanii
booda, ummanni Oromoo gara Kaabaatti
(kaaba Oromiyaa ammaatti)babal'atan.
Abbaan amantii "Baahiree" jedhamu akka bara
1593tti barreessetti jajjabeenya Oromoon yeroo
sunitti qabu cimaa akka ture ibseera. Baahiree
itti aanee Oromoon akka gara kaaba-dhihaatti
gara Arsii , Shawaa , Wallagga fi Goojjam
akkasumas gara kaaba-bahaan gara Harargee
fi Walloo akka fafaca'e ibseera. Haroold G.
Maarkas(Harold G. Marcus) akka jedhetti
kaabi-dhihaa Boorana akka bakki Oromoon
duran qubate akka ta'e ibseera. Jaarraa 17
jalqabee Oromoon Amaara irraa gargar bahuu
jalqaban. Haa ta'u malee, Oromoon bulchiinsa
Itoophiyaa bara suni keessatti bakka argachuu
jalqabde. Keessattuu Emperor Iyo'as 1ffaan
(1730-55) Oromoota saba haadha isaa ta'an
ofitti dhiheessuu jalqabe. Akkasumas waltajjii
Gondar keessatti Afaan Oromoo akka
dubbatamu taasise. Bara "Zemene Mesafinti"
keessatti dhaloota Oromoo kan ta'an Yejjuun
bara dheeraaf waraanaan Imperoota Itoophiyaa
dursaa turan. Akkasumas Bageemidir,
Enderases jalatti qoodamuu jalqaban. Yejjuunis
Raas Alii 1ffaa jala bulaa ture, haa ta'u malee,
bara dheeraan duuba Tewodiroos 1ffaan Raas
Alii 1ffaa injifate. Ta'us, ammallee Impereronni
Itoophiyaa waan dadhabaniif waraanni Yejjuu
Itoophiyaa keessaa tokkoffaa ture.
Oromoonni bara sunnitti beekkamoo turan
keessaa
1. Bulchituu Manan kan Walloo , kan bara 1800
mootii taate.
2. Ras Mahaammad kan Walloo , kan Raas
Mikaa'el ta'e, achiin bulchiinsa Sion.
3. Bulchituu Manan kan Ambaassal, kan
haadha manaa Hayila Sillaasee taate.
Humnaa fi maatii imperiyaalaa wajjin walitti
qabamuf jecha ummatni Oromoo hedduun
Kiristaanummaatti jijjiiramanii turan. Itti fufee
immoo, gara dhuma 1800ffaatti, Imperer
Yohaannis 4ffaan gosa Oromoo Walloo keessa
jiran hunda akka Kiristaanummaatti jijjiraman
yookaan immoo akka qabeenya isaanii dhaban
sodaachisee ture. Kun immoo gosa Oromoo
lafa warra dhiisan akka gara kibbaatti
godaanan warra godhee ture. Bulchaan
Oromoo Mohaammad maqaa jijjiratee Abbaa
lafaa Mikaa'el jedhame, niitii erga fuudhee
booda abbaa Imperer Iyyaasuu 4ffaa ta'e.
Qoqqoodama Oromoo
Kanas ilaali: Qoqqoodama Oromoo
Ummani Oromoo bakka kudha lamatti adda
baha. Bakka dhiha baha irra eegalee hanga
bahaatti tuutni kun:
Ummani Wallaggaa ummata naannawa
dhihaa jiraatu ummanni kun naannawa
bishaanii jiraatan;
Oromoo Maccaa - Laga Dhedheessaa fi
Laga Oomoo gidduu, kibba Laga Gibee jiraatu.
Oromoo Tuulamaa - Handhuura Oromiyaa
naannoo Finfinnee jiraatu;
Oromoo Walloo - gara Kaabaa naannoo
Amaaraa godina addaa Oromiyaa , naannoo
Hara Ashangee, jiraatu; Oromoo Raayyaa fi
Oromoo Yajjuu jedhamu
Oromoo Ituu , nannoo Oromiyaa keessa Laga
Hawaas fi magaalaa Dirre Dhawaa jiraatu;
Oromoo Anniyyaa - kibba warra Ituu fi dhiha
Laga Erer jiraatu;
oborra handhura baha oromiya jiratu Ala
Oromoo - magaalaa Harar fi Laga Erer dhihatti,
warra Ituu fi Anniyyaa gidduu jiraatu;
Oromoo Nole - magaalaa Dirree Dhawaa
bahatti kaaba magaalaa Harar;
Oromoo Baabbilee - qaama Oromoo bahaa
yoo ta'an, baha Laga Erer fi kibba Oromoo
Bahaa jiraatu
Oromoo Jaarsoo - Harargee Bahaa gara
bahaatti;
Oromoo Arsii - godinaalee Arsii , Baalee fi
haga tokko Shawaa Bahaa keessa jiraatu.
Oromoo Booranaa - Kibba Oromiyaa fi
kaaba Keeniyaa jiraatu.
Warra Qaalluu - Laga Hawaas fi magaalaa
Dirre Dhawaa gidduu jiraatu.
Oromoo Gujii - qaama Oromoo Kibba
jiraatuu yoo ta'an, ollaa Oromoo Booranaa
jiraatu.
Shariifaa Laga Hawaas fi magaalaa Dirre
Dhawaa gidduu jiraatu.
Oromoo Beekkamoo
Amaan Hedatoo - political activist and new
singer
Abbabaa Abbishuu - sabboonaa Oromoo fi
weellisaa beekkamaa
Abbaas Hajii Ganamoo - Pirofeesara
Yuunivarsiitii Toroontoo, Barreessaa seenaa
waa'ee ummata Arsii barreesse
Mootii Abbaa Jifaar II - Jimmaa fi naannoo
ishee bulchaa ture.
Abdiisaa Aagaa - loltuu Xaaliyaaniin lolaa
turee fi yeroo Waraana Addunyaa II hogganaa
loltoota paartisaanii
Jaarraa Abbaa Gadaa - Hundeessitooota
ABO keessaa isa tokko kan ta'ee fi hoogganaa
dhaaba 'Adda Oromiyaa Dimokiraasoftuu'
Dr. Abdulsamad Mahaammad - barreessaa
seerluga Afaan Oromoo fi seerluga
Oromoorratti nama beeka
Raas Abbabaa Aragaay - Jeneraala
qubattoota Xaaliyaanii lolan (1930 keessa)
Abbabaa Biqilaa - Olimpikii irratti Afrikaa fi
Itoophiyaa keessaa madaaliyaa warqee
badhaafamuun kan jalqabaa (maraatoonii miila
duwwaa
Bulchiinsa
Oromoon waggaa dheeran duraa jalqabee sirna
Gadaatin bulaa ture. Sirni Gadaa sirna
dimokiraatawaa kan ammaa wajjin kan wal
fakkaatu yoo ta'u, aangoo waggaa saddeetitti
wal harkaa fuudhama.
Journalist Gadaa Hunde
SIRNA ABBAA-IRREERRAA GARA DIMOKRAASIITTI
[lakkaddaa gulaali]SIRNA ABBAA-IRREERRAA GARA DIMOKRAASIITTI
[lakkaddaa gulaali]Waggoota dheeraadhaaf wanni akkaan na yaachisaa as gaye akkaata ummanni tokko sirna abbaa-irree ofirraa ittisuufi dhabamsiisuu itti dandayani. Kuniis, hamma tokko, ilmi namaa cunqursaa akkanaa mudachuus, sarna akkasiitin dhabamsiifamuus hinqabu yaanni jedhu na keessatti uumamuurraa dhalate. Amantii tuniis waa‟ee barbaachisummaa bilisummaa ilma namaa, waa‟ee akkaagara abbootii irree (Arstootilirraa hanga xiinxaltoota sirna ukkaamsaatti) seenaa sirna abbootii irree (keessumattuu sirnoota Naaziitiifi kan Staaliinistootaa) dubbisuu kiyyaan daranuu na keessatti akka cimtu taate. Waggoota dabran keessatti warra mooraalee hidhaa jumlaa (concentration camps) Naazii keessa hiraariin jiraateefi kanneen dandamatanii as gayan qunnamee dubbisuuf hiree argadheera. Norweeyitti warra bittaa faashistootaatiin mormeefi kanneen dandamate qunnameera; warra laboobamaniis waa‟ee saanii dhagayeera. Yahuudoota mooraa Naazii keessaa baafataniifi warra isaan dandamachiisees argee odeeyfadheera. Shoorarkaa bittaa kooministootaa jalatti biyyoota adda addaa keessatti taate oduudhaan osoo hintahin kitaaboota garagaraa dubbisuudhaanin hubadhe. Shoorarkaan sirnoota kanaa maqaa cunqursaafi samicha jalaa bilisoomutiin waan irratti fe‟ameef baay‟ee nama gaddisiisa. Kurneelee muraasa as dhihoo kana keessattiis warra biyyoota sirna abbaa-irree jalatti kufan kanneen akka Panama, Poland, Tibetiifi Burma waliin walqunnamee dhugaa waa‟ee sirna abbaa irree kanneenii hubadheera. Warra Tibet kanneen weerara kooministoota China dura dhaabbatee lole, warra Russia kanneen yaalii fonqolcha mootummaa ji‟a Hagayyaa bara 1991 keessa fiinxaaleyyii godhame cabse, Taaylaandota yaalii biyya isaanii gara bittaa waraanaatti deebisuuf godhamte karaa nagayaatiin fashalsiisan ilaalchisee amala hamaafi ajaa‟ibsiisaa sirni abbaa irree waan baay‟ee barachuu dandayeetin jira. Qabsoon bittoota garajaboo kanarra aanuuf godhamteefi aarsaan kafalame gadda hadhaawaa haa uumu malee, biyyoota ammayyuu balaa irra-hamaa jala jiraniifi mormii jajjabduun keessatti mul‟atu daaw‟achuun murannoofi gootummaan haawaasa biyyoota sanii nama jajjabeessa. Kanneen keessaa, Panama bittaa abbaa irree Noriega jalatti, ummanni Vilnius /Lithuania ukkaamsitoota Sooviyeet durii jalatti, Beijing murruqii addababayii Tiananmen irratti raaw‟atameefi balaa „Burmaa bilisa baate‟ keessatti waajjira humnoota demokraatawoorratti bakka Manerplaw jedhamutti raaw‟atame akka fakkeenyaatti kaafamu. Takkee bakkoota gootoonni itti kufan dhaqee daaw‟adheera: awwaalaafi utubaa TV Vinius/Riga/ keessatti argamu, parkiilee namoonni itti rashanaman, Ferrara kaaba Italia keessatti bakka fashistoonni mormitoo murruq itti godhan, akkasumas, Manerplaw keessatti awwaala jimlaa reefki azeebban kichuutiin guutame arguu danda‟eera. Abbootiin irree hundinuu fixiinsaafi badiinsa nama suukaneessu dhiisanii dabruu isaaniiti hubanna. Moyxannoofi yaaddoo tana keessaahis cunqursaa ittisuun akka dandayamu, ,murriqiin osoo hinjirre qabsoo milkii qabdu sirna abbaa irreerratti akka dandayamu, sirna abbaa irree cabsuufi hahhaarayniniis daaraa duraanii keessaa akka hin dhalanne ittisuun akka dandayamu abdii guddoo murannoo cimtuu qabdu arganne. Gaaga‟ama lubbuutiifi gadadoo ummataa hamma danda‟ametti gad xiqqeessuudhaan sirna abbootii irree cabsuuf karaalee qabsoo milkii qabdu gochuun itti dandayamu qajeellotti if eeggachaa itti yaaduu yaaleen jira.Waggoota baay‟eef waa‟ee sirnoota abbootii irree, sochiilee diddaa cunqursaa, warraaqsa garagaraa, ilaalcha siyaasaa adda addaa, sirnoota taligaa mootummaatiifi keessaafuu qabsoo malchiiftuu karaa nagayaatiin godhamtu qorachuudhaan waanin hubadherraahin ka’e. Kitaabni kuniis qormaata kanarraa dhalate. Bal’ina Kitaabichaa mallattoo ittaanu tuqaatii dubbisaa
- FaaruuHidhamtootaOromoo
Dhugaa keenya kan argu qabsumaa; Nu booddee hin deebinu tasumaa; Lafa keenyarraa nu buqqisanii, Hiyyumaadhaanis nu rukutanii, Aadaa fi afaan keenya balleessanii, Mana hidhaatti nu dararanii, Amma garuu didnee kaaneerra- Duubatti nu deebisuu hin danda’ani. Amma garuu didnee kaaneerra- Duubatti nu deebisuu hin danda’ani. Hin kenninu murree lafa keenya, Lafee keenya dubbiin lafa keenyaa, Tokkummaadhaan kaanee falmanna; Oromiyaarratti wareegamna! Tokkummaadhaan kaanee falmanna; Oromiyaarratti wareegamna! Lafa keenyarraa nu buqqisanii, Hiyyumaadhaanis nu rukutanii, Aadaa fi afaan keenya balleessanii, Mana hidhaatti nu dararanii, Amma garuu didnee kaaneerra- Duubatti nu deebisuu hin danda’ani. Amma garuu didnee kaaneerra- Duubatti nu deebisuu hin danda’ani. Lafa abbaa keenyaarraa hin buqqaanu; Diddaa keenya duuba hin deebinu; Lubbuu baay’ee irratti dhabneerra, Addunyaaf ishee saaxilleerra. Lubbuu baay’ee irratti dhabneerra, Addunyaaf ishee saaxilleerra. Lafa keenyarraa nu buqqisanii, Hiyyumaadhaanis nu rukutanii, Aadaa fi afaan keenya balleessanii, Mana hidhaatti nu dararanii, Amma garuu didnee kaaneerra- Duubatti nu deebisuu hin danda’ani. Amma garuu didnee kaaneerra- Duubatti nu deebisuu hin danda’ani. Via