Jump to content

User:Shaamilee

Wikipedia irraa

Maaluma taane sa?

______\_____________

Dukkanni ni darba ni bari'a jennee

Gariin qaama dhabee gariin lubbuu kennee

Wonti du'aa turreef akkana ta'uufii?

Miidhaa akka diinaa wolirraan ga'uufii?

Worri woliin morku nagayaan jiraataa

Ijoollee hiyyeessaa of jiddutti  nyaataa

Siyaasaan keessan mee maal haa dhaluuf?

Kamiin dhabamsiisee kamiin haa galuuf?

Wonti dorgomaniin hedduun otoo jiruu

Dorgommii kasaaraa maaliif ooftan tiruu??

Yeroo isinii kennee sabni obsinaani

Ni furamti jedhee rakkoo dhossinaani

Galaanni rakkinnaa inumaa baldhatee

Sabni isin kabaje isiniin salphatee

Maaliif gaddisiiftan garasii garanaa??

Maaliif worra kolfaa nu gootan jarana ??

Injifannoo dhufeen wol injifachuufii ?

Ammuma gammannee amma rifachuufii??

Eega aarsaan kalee bu'aarra nuu hin buune

Wol ajjeesuuf moo woliif du'uuf duune  ???