User:Mohammed Hassen Wako
Ilma namaa iratti jijjiiramni mul'achuu kan danda'u yoo obsaa fi gorsa qabatee qofaa dha.kana jechuun namni tokko waan hojjetuu fi waan dubbatu kessatti obsaa fi murannoo yoo qabatee bakka barbaade gahuu danda'a.
Kuni ammoo kan ta'uu danda'u jireenyaa ofii gaggeesuuf jireenya hawaasaa hubachuun hawaasa isaa woliin bu'aa bayii kamuu keessa yoo qaxxaamure malee,adda deema taanaan jireenyi isaa akka "sinbira koola malee bararuuf yaltuu " jechuudha.
"Mukni tokko adda Gogaa hin dhisu " akkuma jedhan ,namni tokko jireenya dhuunfaa issa ni gaggeffadha yoo kan jedhu ta'e dirqama hawaasa isaa waliin gaddaa fi gammachuu isaa qoodachutu irra jira;hanga kana hin ta'initti akkuma kophaa dhalatetti kophaa du'a jechuudha.
Jireenya isaa isa hadhaan tana keessa jirus ta'ee jiruu hegeree isaatiif fooya'iinsa bilisa ta'e keessa jiraachuuf qophaa isaa buhaala mijeefachuu osoo hin tane ummata isaa waliin rakkatee rakkina san waloon keessa bahutu irra filatamaadha.