User:Mo'iboon Baay'isaa
Dhugaan dhangaadha, dhangaa mi'aawaan isaa irra hin dabramne. Dhugaan yoomiyyuu ofiif qofa osoo hin taane eenyumaafuu kan dhaabbattudha. Namni addunyaa sobaa kanarra jiraatu kamuu dhugaaf bakka kennuu yoo dides baay'een garuu dhugaa arguuf ijji imimmaan, onneen dhiiga boo'anii kan dhugaa dhabanis hedduudha. dhugaan addunyaa nuyi keessa jiraannu irratti bakka dhabaa jirti. keessumaammoo biyya Abisiiniyaatti hedduu bakka dhabdee jirti. Habashaatu jireenya sobaan guute jiraachuu filate malee nuyi Oromoon fedhiin keenyi dhugaan akka bakka qabatu ture. Ta'us garuu jireenyi dhugaa dheebottee dheebuu bahuu dhabde kunoo akkanatti dhiphachaa jiraatti. Garaan garaa haa beektu malee Oromoon hundi dhugaa barbaadee dhabee? Sobnis hundee kan inni nurratti jabeeffate karaa warra kijibaan aangoo gad hin lakkifnu nuyitu injifate jedhee aangoo daheeffachuun soba dhugeeffatee turtii bulchiinsa isaa dheereffachuu barbaaduun ta'uusaa eenyuufuu ifaadha. Garuu hundeen sobaa kun yoo Tokkoomne buqqa'uun isaa salphaadha ture. Eenyutu eenyu waliin tokkummaa'aa? Eenyutus eenyu waliin kan keessa isaa walitti himataa? Kun anaafis ta'e fakkattota koof gaaffii isa guddaa ta'ee jira. Namatu amanamummaa isaa hir'isee kunoo Sabakoo Oromoo adda faffageessee akka isaan walii hin galle gochaa jira malee sabnikoo Oromoon durii kaasee walii galteen kan inni diina rom'isiisu. har'a garuu halagaan iccitii cimina Oromoo baruun kunoo akka nuti tokko taanee Dhugaa keenyaaf hin dhaabbatne gochuurratti xiyyeeffattee hojjechaa kan isheen jirtu. Haa ta'u malee Oromoon wal shakkiifi wal morkii kan inni jalqabe erga Wayyaaneen aangoo qabattee as jechuun wayyaaneen aangoo akkuma qabatteen cimina Uummata Oromoo kana akkamitti akka laaffiftu ture kaayyoon ishee. Erga karaa argattee kunoo Oromonni akka isaan waliin waliif hin galle gochuun walii isaanii gidduutti garaagarummaa uumtee wal lolchiisuurratti bobbaatee jirti. Anaaf garuu dubbiin erga naaf galtee turtus eenyuun akkan mari'adhee rakkoo wayyaaneen Uummata keenyarratti fidde kana akkan cabsu dhabeen kunoo ammallee akkan barreessee kaa'un dirqame.
Teessoo: Finfinnee karaa facebook: mobakoo@gmail.com yookiin qabsooabo.wayyeessaa79@gmail.com email: mobakoo@gmail.com yookiin moiboon430@gmail.com/ qabsooabo.wayyeessaa79@gmail.co