User:Jaarraa Waaqshuumaa Galataa
Appearance
Maqaan kiyya akkuma armaan olii Jaarraa Waaqshuumaa Galataa jedhama. Wantoota hedduu ani baruu barbaadu yemmuun Afaan Ingiliffaan "Google" gaafadhu kanan jalqaba odeeffannoo irraa argadhu Wiikipiidiyaa (Wikipedia)dha. Waa'ee marsariitichaa hubachuuf yaalii hedduu godheen achumaan Afaan Oromootiinis fuula qabaachuu isaa bare (arge). Maarree anis Afaan kanaan wantan beeku gumaachuu fi wanta na irraa eegamu bahuufin eenyummeessaa (account) as irrattis banadhee tattaafachaa jira.
Isinis wanta na qajeelchuu qabdan na qajeelchaa, galatoomaa!