User:Fankim Radio
Appearance
IRREECHA
Akka amantii Islaamaa itti ayyanni Irreecha Shirkii tahuu ulamaa'iin gurguddoo Itoophiyaa keessa jiran Fatwaa isaanii irratti ibsanii jiran . Ulamaa'iilee Itoophiyaa keessa jiran akka addatti warroonni sabni isaanii Oromoo tahan adda dureedhaan Irreechi Shirkii akka taheefi ayyaana kana gochaaniis tahe yaadaan kabajuun amantii keessaa akka nama baasu addeessanii jiru . Amantiin Islaamaa "Towhiida" bu'ura kan godhate waan taheef jecha Rabbii cinaa waan biraa gabbaruun dhoorkaa dha .
Irreechi ayyaana Waaqeeffannaa waan taheef jecha waan Rabbii hin tahiniitu keessatti gabarama . Shirkii gurguddoo taheetu keessatti gaggeeffama . Kuniis akka amantii Muslimaa itti badii gurguddoo waan taheef jecha Irreecha irratti argamuun dhoorkaa dha.