Jump to content

User:ElemoBirru

Wikipedia irraa

Aster Maammoo: Kan dhalatte godina I/luu Abbaa Boor Aanaa Didheessaa ganda Dambitti. Aster Maammoon qacceen ishee gara shawaa kibba lixaa dajaach Garasuu Dhukii fi hati ishee immoo shawaa lixaa Ada'abargaa irraa akka taate ni beekama. Karaa hadhaatiin makaa wayii hin dhabdu jedhamee shakkama. Abbaan garuu oromoo qulgulluu dha. Ijoollummaa ishee irraa kastee naamuusa gaarii akka qabduufi barnoota isheetin cemtuu akka turte, hojiirrattis dubartii. Kutannoo qabduuf lammii. Isheetiif  dadhabdu akka taate ni ka'a.

Bara 1991-1992 ABO wajjiin akka turteefi Afaan Oromoo barreessuu irratti beekumsa gutuu argattee bara 1993 irraa eegaltee yeroo jalgabaatiif afaan oromoo sadarkaa kolleejjii barsiisotaatti barsiisaa turte. 

 Bara 2001 irraa eegaltee af yaa'ii caffee oromiyaa ishee jalgabaa taatee ummata oromootiin filatamte. Yeroo kana kessatti ummata oromoo akka waliigalaa,kessattuu dubartoota Oromoo biratti fudhatama guddaa gabdi ture. Booda bara 2006 wayyaaneen Ministeera dargaaggoo fi isportii,bara 2011 Ministeera Itti waamamaa olaanaa motummaa amma immoo sadarkaa mummicha ltti aanaatti qindeessituu kilaastara riiformii fi bulchiinsa gaarii fi Ministeera sivil sarvisii 

taatee eergama wayyaanee galmaan ga'uuf sochoo'aa jirti. Aster Maammoon sirna Wayyaanee keessatti oromoota Mirga oromoo dabarsanii gurguran keessaa dubartii Ishee jalgabaati. Kanaaf dubartii Gobanaa daaccee bakka buutuu dha.