User:Aman Turi
=// Seenaa jireenya//
[gulaali | lakkaddaa gulaali]===%%Amaan( Umer) Turii%%===== Amaan( Umer) Turii bara 1984 abbaa koo Haaji Turii Damboobaa cirfaa fi haadha koo aadde Madiinaa Dodee Guraarii irraa Naannoo Oromiyaa Godina Arsii Lixaa Aanaa Qoree Ganda Tulluu Qoreetti iddoo Ashookaa Meentee jedhamutti dhaladhe. Gosaan immoo sa'immannaa balbalaan Wadaajoo yemmuu ta'u, dhaldhee waggaa 5ffaa kiyyaatti qur'aana qata'uuf madrasaa masjiida wadaajoo gale. Sheekni qur'aana na eegalchiisan sh/ Huseen Muusaa jedhamuudha. Sana booda iddoo adda addaa deemee qur'aana qara'aa ture. Iddoowwn kanneen keessaa muraasni፡-
1. S/shaamidaa 2. Leenca 3. Alii (Qoree) 4. Leephisi 5. Baamuda fi kkf Maqaan sheekkolee qur'aan na qaraasisanii muraasni 1. Sh/ muusaa 2. Kadiir shaafii 3. Kamaal 4. Nasruu 5. Abdallaa fa'a. Ani qraana juuza 30 xumuree, hadiisota akka arba'iinaa,buluugaa fi riyaada xumureen jira. Sana booda bara 1994 mana barumsa sa'immannaa shifaa kutaa 1ffaa gale. Hamma bara 1997 achitti barachuun bara 1998 kutaa 7ffaan mana barumsa kofalee sadarkaa tokkoffaa lakk. 1 jijjiirraan deeme. Kutaa 8ffaa achuma m/b kanaatti qorumsa biyyoolessaa ministirii fudhadhee qabxii gaarii galmeessuun gara kutaa 9ffaatti darbe. Kutaa 9ffaa fi 10 ffaa mana barumsa sadarkaa 2ffaa kofaleetti baradhee bara 2001 qorumsa maatirikii kutaa 10ffaa fudhadhee milkaa'e. Qabxii garii fide. Bara 2002 jalqaba irratti dippiloomaa barsiisummaadhaan dorgomee kolleejjii barsiisota Roobee gale.bara 2002 naannoo ji'a 8ffaa waldorgommii kubbaa miilaa kan istiriimii HSF vs EGJQ giddutti taasifamaa ture irratti hirmaadhee dursaa garee taphattoota HSF ta'ee osoon taphachaa jiruu gali eegaa taphattoota worra EGJQ waliin walitti bu'uun miidhamni guddaan narra gahee ture. Booda Hospitaala Goobbaa deemee halkan tokko achi bulee riferiidhaan gara Hospitaala Amaanu'eeliitti na ergan. Xumura irratti kilinika dhuunfaa magaala shaashamannee jirutti yaalame. Deeggarsa rabbii,hiriyyoota kiyyaa fi maatii kiyyaatiin fayyee qorumsa xumura simisteera 2ffaa deebi'ee fudhachuu danda'eera.kolleejjii kana keessatti itti gaafatamummaan barattoota bakka bu'ee hojjachaan ture. Fkn. Muusee daree HSU-2 Miseensa kaawunsilii barattoota