User:Akkawaaq Jaalataa Oliiqaa
Oromoo Marawa
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Akka har’aa kana miidiyaaleen barreeffama hawaasaa kun utuu hinbabal’atiin uummanni Oromoo afoola ofiin kalaqatuun jaalala, jibba, qeeqa, kabajaafi kkf ittiin ibsata ture. Kana keessaa lafa dhalootakootti kan beekamu tokko ‘’Gelloo’’ kan jedhamu jira. Kan kanaa gadii kun weedduu jaalalaa ta’ee ‘sirba Gelloo’s yoo jenne dhorka hinqabu.
“Waleensuu Bakkee Qumbaa Nuunnuu Keessa Migiraa Bareedduu Shaggee Durbaa Aadaa Keenya Sirbinaa....”
Nuunnuu kana anumtuu achittan dhaladhe. Ijoollee Jimmaa arfan keessaas isa quxisuufi adeemsa keessa iddoo qubannaa uummata maccaa kana qaxxaamuree dhaqee godoo ta’e hiddii naannoo sanaa ciree itti ijaarrate jedhu Nuunnuun. Kanumaanis’ aanattiin Nuunnuu Qumbaa jedhamtee hafte. Magaalaan seena qabeettiin kun amma ibsaafi bishaan akka hinqabne, misoomni foddaa miidiyaa Wayyaaneerraa hololamu achillee hinqaqqabiin jira; haata'u malee naannoo sana ABO' tu jiraataa jechuudhaan Bosona naannoo sanaa keessaa Loltuun Wayyaanee guuttee jirti...mee isa qorannoo biroon anuu booda itti deebi'aati... - Waan jaalalaafi wal haasa'annaan kun silaa iddumamara jiraati dargaggeessi naannookoo sun yoo jaallatee ishee jaallate sana argachuu dhabuufi akka waa manatti hafuu taatutti qarree naannoosaatti argamtuun akka kanaa gadii kana jedha.
"Ambabbeesillee hin jigee Kan dameen qoraan duwwaa Dargaggeessillee hin jibbee Kan kateen udaan duwwaa"
Akkasumas duudhaa hawaasichaatiin ala amala biraa yeroo isheen calaqqisiiftutti qeerroon akka kanaa gadii jedhuun gelloo kanaan aariisaa baafata.
"Yaa harraagettii qumbaa Ya tulluu geedoo gadii Ya marraagettii durbaa Kan hudduun deebii sadii"
Egaa warri koorniyaa/gender kanarratti qorannoo geggeessaa jirtan na ofkolchaa malee yeroon itti qeerroon gammadeetuma qarree isa dallansiifte kan faarfatatus nijira. Yeroo birraan bariitu ganna keessa meesaanis xumuramee boqqolloonis asheetee lafti miidgina daraaraa keelloo uffatuttimmoo filtuusaa mataa goofareetti suuqqatee, rigaasaa gurraafi mataasaa gidduu dalga kaawwatee akka kanaa gadii kaan jedha.
"Aduun birraa biliqiiidha Yeroon qaqqaammatan geese Waashoo sarbaan qirixiidhaa Yeroon waljaallatan geese"
Yeroo kanatti ammoo bu’aa ba’ii hundaa dabarseetu gara ijaarsaatti waan dhufe fakkaata. Amma hundaa keessa dabarreerraa gara jaalalaafi murtii dhugaa, walitti dhufuufi yaadaan tokko ta’uutti dhunfaa waan jedhu fakkaata. Kanas sirba kanaa gadiin akkana jedha;
"Limmuu jalaa manni hin aaraa Goommana daankii fakkeessee Ko masaraan sitti ijaaraa Masaraa mootii fakkeessee" - Dubbii kana waa maleen kaase miti. Afoolli kana duras, ammas bara isa itti aanuttis nikalaqama. Gaariin ittiin faarfama; gadheen ittiin qeeqama; gootni ittiin faarfama, lugni ittiin reebama…. Gidduu kanammoo Hidhamuu Jala deemtuu Wayyaanee Obbo Zalaalem Jamaanee kan dabaree Obbo juuneddin Saadoo isa geesse tokkoon walqabatee walaloo sirba akkasii jedhu qopheessaa jirra jedhee irraa walaloo xiqqoo kana naaf erge qeerroon Oromoo tokko:
“Yaa Zalaalem Jamaanee dhiqxuu miilla Wayyaanee, dhiiga qeerroo jigsitee Wayyaanee gammachiistee
Kanaaf sareen sinyaattee"
- “Yaa Zalaalm kormakoo Maaliif gatte Oromookoo
Gantuu taatee salphattee,
Wayyaaneen siyaabbatte Du’a Alamaayyoo keessaas Quba qabda siinjedhu Du’aaf balaa dingataaf Gororri sihaa fe’uu’’ - Zalaalem abbaa garaa Yaa ajjeesisaa qomoo Inni kaan sirraa habaruu Lafarra sinbubbulchiin Hinbaatiin adda Oromoo’’ - Torbanuma darbe kana Qeerroo dhaloota qaraa jiru kan Yunivarsiitii Oromiyaa keessa barsiisu tokkoonan akka kana jedheen. Yaa ‘Abaluu (maqaasaa nageenyasaafan qusadhe) kiyya’’ mee hariiroon Warra Wayyaanee kanaaf warra 'OPDO’ kanaa maal fakkaataa/sadarkaa maaliirra waan jiru sitti fakkaataan jedheen. Innis deebiseetu, yaa Obboleessoo, " OPDO”n dhiphina guddaa keessa seentee jirti; Wayyaaneetti goruufi akka sareetti cuunfitee gaafa isheen gadi gattu kunooo Juneddin Saadoofi Zalaalem Jamaneh’rraa argaa jirti. Qabsa’ota Oromootti siquuf ammoo ‘Gocha jibbisiisaa kaayyoo Tigiree galmaan ga’uuf jecha seenaa dabsite sana qaanoftee jirti, garaa uummata Oromoo keessaas baatee jirti., uummanni Fincila yeroo darbeerratti tufee ishee gate, utuu isheen jirtuuti Wayyaaneen saroota gadi nutti naqxee ijollee Oromoo 500 ol ta'an ficcisiistee kuma 100 ol ta'anis hidhaatti naqsiistee, kanaaf OPDO' jechuun dhaaba du'e qofa utuu hintaane dhaaba dhaabiitti tortoredhaa naan jedhe. Dabalataanis, amma namuma ishee hiriirsu dhabde malee Qeerroofi qarreetti dabalamtee qabsoo finiinsuus barbaaddeetti; Keessumattuu dhalonni har’aa kun erga karaa hojiitiin keessa seenuu jalqabee as gollishee horfameera. Kamiifuu artii sirba ba’aa jiru tokko keessaa bifa afoola walaloo tokko siif erguu naan jedhe. Anis walaloo maalii jennaan, walaloo sirna gaa'elaa tokkorratti torban darbe Oromoon giddu galeessa Tuulamaa tokkoon shamarran weedisan naan jedhe. Anis’tole jennaan, kunoo…
“Muka Gimbii yaa baala baddeessaa OPDO yaa dhala mallasaa Hinbuqqaataa, hinqaanoftaa eessa abbaakee geessaa?’’ - “Karaan Arsii baabura fiigsisaa Warra OPDO Wayyaane doorsiisaa, Yoooka hinbannee, yookaa hingallee Saroota Tigireetu jara ficcisiisaa’’ -- “Yaa laga Gibee ciisaa bishanii Hinamanatiin diinadha isaanii Waliifuu hin hiltuu, saree kurkurtuu Lubbuu hindheerattuu gantuuf hamattuu?’’ jedhu naan jedhe. = Egaa yeroo ammaa kana Takinooloojii kanaa haatoluuti dhaloonni barate biyya kamirra taa'ee gola mana mootummaa xoophiyaa kana daawwachuufi dubbisuu eegaleerati...Silaa ‘Face book, gmail/yahoo, website, twitter, imo, viber, paltalk, google group, kkf…kana rabbi isinitti hinfuudiiniiti, ijoolleen tokko garee miidiyaa hawaasaa kana keessatti na aagrgtaniitu gaaffii ani yeroof deebisuu hindandeenye tokko narratti gadi naqani. Silaa nami hunduu bara kana utuu saayinsii siyaasa hinbaratiin hundumatu 'Xiinxalaa Siyaasaa 'ta'ee dhumeeti ktkttktktktk oduu keenyaa gadi guurreka. Ani gamakoon waan afaaniifi ogbarruu malee gaaffii biraa natti hinkaasiinaa, danda'ees hindeebisu jennaan, boo atimmoo Wayyaaneenuu kutaa torba barattee Ministeera taatee dhumteeti waa'edhuma siyaas akeenyaa mariyachuu qabna naan jedhe keessumaa gurbaan tokko waa jimaa kanas qama'eera fakkaataa akka mirqaanuu ta'eetu; Itti kaaneetu sa'a 88 ol waa'ee Oromiyaa olfuunee gadi fuune; Maalan sindhoksaa mitiiti gaaffiii hedduu isaan nagaafatan hunda asirratti gadi guuruukoorra jedheen yeroo keessan sodaaf sadii kunoo....
a. Jaarmiyaaleen Oromoo gidduu darbe karaa miidiyaalee garaagaraa dhimma tokko ta'uu (tokkoomuu) keenyaa gahee hojii mara faana torban lama gidduutti sinitti himnaa nuun jedhan sun waggaa lama booda nuun jechuu isaaniitii?
b. Ooggansa qabsoo biyya keessaaf alaan finiinaa jiru kana, Wayyaanee muka qabataa dhabdee keessishee horfame kana iddoodhaa yoo kaasne kan biyya kana nuufuudhee iddoo ta’een nuuga’u, saba Oromoos addunyaarratti ijaaru qophaa’eeraa?
c. Guyyaan bilisoomnee, duuti, hidhaan, beelli, cabinsi nurraa dhaabatu yoomi? fi kkf gaaffilee keenya hindhumne sana gadi narratti guurani...
Isaanillee gaaffii 20 ol nagaafatani; kaan irraanfadheyyu; gamakootiin ‘ani ‘’gaaffii keessan kana deebisuuf gahaa ani nama gahaa miti’; garuu dhaamsa keessan kunoo marsariitiin siniif facaase jedheen. Haata’u malee, silaa bilisummaa biyyaa kan dursu ‘’Bilisummaa Sammuu’ wan ta’eef waan isaan dubbisan kanan torbee lamaa oliif walitti qindeesseeen hidhaa armaan gadii kana jalatti gurmeesseen hunda isaaniin ga’uuf yaale. Isaanis nagalateeffatan. Hundumaafuu, hidhaawwan (link) armaan gadii kun gola jiruufi jireenya Oromoo mara keessa kan seentee tuttuqxe waan ta’eef, hundumtuu haadubbifannuka! Kunoo:'Bold text'[1]
Akka har’aa kana miidiyaaleen barreeffama hawaasaa kun utuu hinbabal’atiin uummanni Oromoo afoola ofiin kalaqatuun jaalala, jibba, qeeqa, kabajaafi kkf ittiin ibsata ture. Kana keessaa lafa dhalootakootti kan beekamu tokko ‘’Gelloo’’ kan jedhamu jira. Kan kanaa gadii kun weedduu jaalalaa ta’ee ‘sirba Gelloo’s yoo jenne dhorka hinqabu. “Waleensuu Bakkee Qumbaa Nuunnuu Keessa Migiraa Bareedduu Shaggee Durbaa Aadaa Keenya Sirbinaa....” Nuunnuu kana anumtuu achittan dhaladhe. Ijoollee Jimmaa arfan keessaas isa quxisuufi adeemsa keessa iddoo qubannaa uummata maccaa kana qaxxaamuree dhaqee godoo ta’e hiddii naannoo sanaa ciree itti ijaarrate jedhu Nuunnuun. Kanumaanis’ aanattiin Nuunnuu Qumbaa jedhamtee hafte. Magaalaan seena qabeettiin kun amma ibsaafi bishaan akka hinqabne, misoomni foddaa miidiyaa Wayyaaneerraa hololamu achillee hinqaqqabiin jira; haata'u malee naannoo sana ABO' tu jiraataa jechuudhaan Bosona naannoo sanaa keessaa Loltuun Wayyaanee guuttee jirti...mee isa qorannoo biroon anuu booda itti deebi'aati... - Waan jaalalaafi wal haasa'annaan kun silaa iddumamara jiraati dargaggeessi naannookoo sun yoo jaallatee ishee jaallate sana argachuu dhabuufi akka waa manatti hafuu taatutti qarree naannoosaatti argamtuun akka kanaa gadii kana jedha. "Ambabbeesillee hin jigee Kan dameen qoraan duwwaa Dargaggeessillee hin jibbee Kan kateen udaan duwwaa" Akkasumas duudhaa hawaasichaatiin ala amala biraa yeroo isheen calaqqisiiftutti qeerroon akka kanaa gadii jedhuun gelloo kanaan aariisaa baafata. "Yaa harraagettii qumbaa Ya tulluu geedoo gadii Ya marraagettii durbaa Kan hudduun deebii sadii" Egaa warri koorniyaa/gender kanarratti qorannoo geggeessaa jirtan na ofkolchaa malee yeroon itti qeerroon gammadeetuma qarree isa dallansiifte kan faarfatatus nijira. Yeroo birraan bariitu ganna keessa meesaanis xumuramee boqqolloonis asheetee lafti miidgina daraaraa keelloo uffatuttimmoo filtuusaa mataa goofareetti suuqqatee, rigaasaa gurraafi mataasaa gidduu dalga kaawwatee akka kanaa gadii kaan jedha. "Aduun birraa biliqiiidha Yeroon qaqqaammatan geese Waashoo sarbaan qirixiidhaa Yeroon waljaallatan geese" Yeroo kanatti ammoo bu’aa ba’ii hundaa dabarseetu gara ijaarsaatti waan dhufe fakkaata. Amma hundaa keessa dabarreerraa gara jaalalaafi murtii dhugaa, walitti dhufuufi yaadaan tokko ta’uutti dhunfaa waan jedhu fakkaata. Kanas sirba kanaa gadiin akkana jedha; "Limmuu jalaa manni hin aaraa Goommana daankii fakkeessee Ko masaraan sitti ijaaraa Masaraa mootii fakkeessee" - Dubbii kana waa maleen kaase miti. Afoolli kana duras, ammas bara isa itti aanuttis nikalaqama. Gaariin ittiin faarfama; gadheen ittiin qeeqama; gootni ittiin faarfama, lugni ittiin reebama…. Gidduu kanammoo Hidhamuu Jala deemtuu Wayyaanee Obbo Zalaalem Jamaanee kan dabaree Obbo juuneddin Saadoo isa geesse tokkoon walqabatee walaloo sirba akkasii jedhu qopheessaa jirra jedhee irraa walaloo xiqqoo kana naaf erge qeerroon Oromoo tokko: “Yaa Zalaalem Jamaanee dhiqxuu miilla Wayyaanee, dhiiga qeerroo jigsitee Wayyaanee gammachiistee Kanaaf sareen sinyaattee" - “Yaa Zalaalm kormakoo Maaliif gatte Oromookoo Gantuu taatee salphattee, Wayyaaneen siyaabbatte Du’a Alamaayyoo keessaas Quba qabda siinjedhu Du’aaf balaa dingataaf Gororri sihaa fe’uu’’ - Zalaalem abbaa garaa Yaa ajjeesisaa qomoo Inni kaan sirraa habaruu Lafarra sinbubbulchiin Hinbaatiin adda Oromoo’’ - Torbanuma darbe kana Qeerroo dhaloota qaraa jiru kan Yunivarsiitii Oromiyaa keessa barsiisu tokkoonan akka kana jedheen. Yaa ‘Abaluu (maqaasaa nageenyasaafan qusadhe) kiyya’’ mee hariiroon Warra Wayyaanee kanaaf warra 'OPDO’ kanaa maal fakkaataa/sadarkaa maaliirra waan jiru sitti fakkaataan jedheen. Innis deebiseetu, yaa Obboleessoo, " OPDO”n dhiphina guddaa keessa seentee jirti; Wayyaaneetti goruufi akka sareetti cuunfitee gaafa isheen gadi gattu kunooo Juneddin Saadoofi Zalaalem Jamaneh’rraa argaa jirti. Qabsa’ota Oromootti siquuf ammoo ‘Gocha jibbisiisaa kaayyoo Tigiree galmaan ga’uuf jecha seenaa dabsite sana qaanoftee jirti, garaa uummata Oromoo keessaas baatee jirti., uummanni Fincila yeroo darbeerratti tufee ishee gate, utuu isheen jirtuuti Wayyaaneen saroota gadi nutti naqxee ijollee Oromoo 500 ol ta'an ficcisiistee kuma 100 ol ta'anis hidhaatti naqsiistee, kanaaf OPDO' jechuun dhaaba du'e qofa utuu hintaane dhaaba dhaabiitti tortoredhaa naan jedhe. Dabalataanis, amma namuma ishee hiriirsu dhabde malee Qeerroofi qarreetti dabalamtee qabsoo finiinsuus barbaaddeetti; Keessumattuu dhalonni har’aa kun erga karaa hojiitiin keessa seenuu jalqabee as gollishee horfameera. Kamiifuu artii sirba ba’aa jiru tokko keessaa bifa afoola walaloo tokko siif erguu naan jedhe. Anis walaloo maalii jennaan, walaloo sirna gaa'elaa tokkorratti torban darbe Oromoon giddu galeessa Tuulamaa tokkoon shamarran weedisan naan jedhe. Anis’tole jennaan, kunoo… “Muka Gimbii yaa baala baddeessaa OPDO yaa dhala mallasaa Hinbuqqaataa, hinqaanoftaa eessa abbaakee geessaa?’’ - “Karaan Arsii baabura fiigsisaa Warra OPDO Wayyaane doorsiisaa, Yoooka hinbannee, yookaa hingallee Saroota Tigireetu jara ficcisiisaa’’ -- “Yaa laga Gibee ciisaa bishanii Hinamanatiin diinadha isaanii Waliifuu hin hiltuu, saree kurkurtuu Lubbuu hindheerattuu gantuuf hamattuu?’’ jedhu naan jedhe. = Egaa yeroo ammaa kana Takinooloojii kanaa haatoluuti dhaloonni barate biyya kamirra taa'ee gola mana mootummaa xoophiyaa kana daawwachuufi dubbisuu eegaleerati...Silaa ‘Face book, gmail/yahoo, website, twitter, imo, viber, paltalk, google group, kkf…kana rabbi isinitti hinfuudiiniiti, ijoolleen tokko garee miidiyaa hawaasaa kana keessatti na aagrgtaniitu gaaffii ani yeroof deebisuu hindandeenye tokko narratti gadi naqani. Silaa nami hunduu bara kana utuu saayinsii siyaasa hinbaratiin hundumatu 'Xiinxalaa Siyaasaa 'ta'ee dhumeeti ktkttktktktk oduu keenyaa gadi guurreka. Ani gamakoon waan afaaniifi ogbarruu malee gaaffii biraa natti hinkaasiinaa, danda'ees hindeebisu jennaan, boo atimmoo Wayyaaneenuu kutaa torba barattee Ministeera taatee dhumteeti waa'edhuma siyaas akeenyaa mariyachuu qabna naan jedhe keessumaa gurbaan tokko waa jimaa kanas qama'eera fakkaataa akka mirqaanuu ta'eetu; Itti kaaneetu sa'a 88 ol waa'ee Oromiyaa olfuunee gadi fuune; Maalan sindhoksaa mitiiti gaaffiii hedduu isaan nagaafatan hunda asirratti gadi guuruukoorra jedheen yeroo keessan sodaaf sadii kunoo.... a. Jaarmiyaaleen Oromoo gidduu darbe karaa miidiyaalee garaagaraa dhimma tokko ta'uu (tokkoomuu) keenyaa gahee hojii mara faana torban lama gidduutti sinitti himnaa nuun jedhan sun waggaa lama booda nuun jechuu isaaniitii? b. Ooggansa qabsoo biyya keessaaf alaan finiinaa jiru kana, Wayyaanee muka qabataa dhabdee keessishee horfame kana iddoodhaa yoo kaasne kan biyya kana nuufuudhee iddoo ta’een nuuga’u, saba Oromoos addunyaarratti ijaaru qophaa’eeraa? c. Guyyaan bilisoomnee, duuti, hidhaan, beelli, cabinsi nurraa dhaabatu yoomi? fi kkf gaaffilee keenya hindhumne sana gadi narratti guurani... Isaanillee gaaffii 20 ol nagaafatani; kaan irraanfadheyyu; gamakootiin ‘ani ‘’gaaffii keessan kana deebisuuf gahaa ani nama gahaa miti’; garuu dhaamsa keessan kunoo marsariitiin siniif facaase jedheen. Haata’u malee, silaa bilisummaa biyyaa kan dursu ‘’Bilisummaa Sammuu’ wan ta’eef waan isaan dubbisan kanan torbee lamaa oliif walitti qindeesseeen hidhaa armaan gadii kana jalatti gurmeesseen hunda isaaniin ga’uuf yaale. Isaanis nagalateeffatan. Hundumaafuu, hidhaawwan (link) armaan gadii kun gola jiruufi jireenya Oromoo mara keessa kan seentee tuttuqxe waan ta’eef, hundumtuu haadubbifannuka! Kunoo''Bold text'