User:Abdisatato

Wikipedia irraa

Aadaa Fuudhaa fi Heeruma Naannoo wallaggaa.

Yeroo bàay’ee Aadaan fuudhaaf heerumaa akkaataa naannootiin Hamma murtaa’e Garaagarummaa qaba. innis fkn Aseennaa.. Aseennaan Akka naannoo ani dhaladhee guddadheetti Gurbaa fi intalti utuu maatiin ishee fi kan isaa quba hin qabaatin karaa bakkee wal sossobatanii wal fuudhu .> kun Aseennaa jedhama Garuu Akka iddoo biraattimmoo …. “Intalli manatti hafte ykn nama itti heerumuu barbaadde waan duudhaa fi aadaa guuttattee mana warra gurbaa dhaquudha” jedhama. mee kamiifuu hunda dura Naqatatu dursa waan ta’eef Naqatni Naannoo e beekutti akkamitti akka adeemsifamu waliin haa ilaallu ! Sirni Gaa’ila Naannoo wallaggaa kana fakkaata..

1) NAQATA:-

Umriin Gurbaa(Mucaa) waggaa 17 fi isaa ol yeroo ta’u ykn mana Dargaggummaa guutee (Waa’een “jaalalaa”itti dhagaamu) haatiniif Abbaan mucaa kana fuularraa ni beeku. isa booda inni na fuusisaa jechuun waan itti ulfaatuuf ykn saalfatuuf maatiin isaa(haadhaaf abbaan) mucaa kanaan "si fuusifnaa durba ilaalladhu" jedhanii dirqisiisu. mucaanis yeroo kana Tole jedhee durba filachuu eegala bakka shamarran qoraan funaananiif bishaan waraaban irra deemee. Yeroo kana Goofaree isaa filatee ulee ykn Eeboo isaa qabatee shittoo isaa dibatee of mimmiidhegsuun bakka #Qabdoo( Dhungoo) Ammas bakka sirbaa. Bakka Qabdoo sanatti Durba tokko wajjin quunnamtii saalaa geggeessuun bàay’ee safuudha waan ta’eef karameellaa (mi’eessituu afaanii) Afaan wal-kaa’uun dhungoo isaanii geggeessu. isa booda intalti kuniif mucaan wal jaallatanii Akka wal fuudhan wal gaafatanii Mucaan Guyyaa biraa hiriyaa isaa kan warra intalaatti siquuf kan isatti siqu fudhatee mana warra intalaa dhaqee intala ilaallata. Yeroo ilaallata dhaqu kanattis beekaa ulee isaa lafa buusee akka intalti irra tarkaanfattuuf akka isheen lafaa fuutee hirkistu ilaala. yoo isheen kan irra tarkaanfattee kan dabartu taate intalti kun naamusa hin qabdu waan taateef waa hin dubbatu kan biraa akkasuma deemee filata. yoo isheen fuutee keesse garuu intala kana akka isheen isaaf taatu yerooma sana mirkaneeffatee galee maatii isaatiin ilaalladheeraa intala Abaluu naaf naqaa! jedhee maatii isaatti himata. maatiin isaas siif taateettii? jedhanii gaafatu . innis sasaalfataa Eyyen! jedha . kana booda Abbaa mucàatiif Jaarsoliin Ollaa mana wara intalaaa utuu hin deemin xalayaa barreessanii postaadhaan Abbaa intalaatti ergu. Abbaan intalaas utuu Tole hin jedhin dura waa’ee mucaa sanaa qorata akkana jedhee.. ilmi obbo abaluu kun nama akkami? warraan walii gala moo didaadha? Egaa ijoolleen waan beektee wal hin qoranneef jarreen lammaan wal qorachuu qabu! ykn fira dhiigaa ta’uu waan danda’aniif Akaakayuu 5 fi isaa ol wal gaafatu. Yoo firummaa wal keessaa qabaatan dafanii akka hambisaniif. kana booda deebii argachuuf ammas nama ergu gara mana warra intalaatti. warri intalaas yoo ta’eeraaf ta’e intala immoo hiryaa ishee gaafachiisu isheenis naaf ta’a jetti. isa booda guyyaa naqataa walitti himu. Egaa naqata yeroo jennu Naqata jechuun waan isaanirraa eegamu intala kanatti naquu jechuudha… Innis:- Bitayoo harkaa,, Albuu miillaa,, waan gurraa,, uffata ishee fi k.k.f bitanii guyyaa beellamaa sanatii dhiyaatu. Guyyaama sana Gaa’illi kun yoom akka geggeeffamu walii galu. hanga gaa’illi kun geggeeffamutti garuu intala kana uffata ishee kan itti bitu warra mucaati. Yeroo guyyaan beellamaa dhiyaatu( ji’a 5 fi isaa as ) ta’u maatiin lammeen qophii dhangaa gochuu jalqabu. Gaagura fannifatanii, yoo sangaa coomfatanii, yoo xaafii hin qonne ta’e bitatanii… isa booda guyyaan beellamaa ji’a2tti yemmuu galu waraqaa barreessanii firaa fi fira firaa hudarra hiruudhaan waamicha eegalu . Jarri waamaman kunis waan isaanirraa eegamuun qophii eegalu. innis:- keessumaa gareen warra intalaa .. Guyyaa waamichaa sana gumaacha adda addaa qabatanii dhiyaatu Dubartoonni waan akka qorii garbuu, mi’a mana keessaa kan akka mi’a nyaanni itti nyaatamuu fi k.k.f shamarran .. dibata fuulaa(qibaatii) isa jedhan shaashii, callee mormaa fi k.k.f bitanii guyyaa sana sirna kanarratti hirmaatu. Gurbaanis akkasuma Amaamota waammatee, waa’ila qopheeffatee Raada Gabbaraa bitatee Guyyaan gaafa ga’u haala ho’aadhaan gara mana warra intalaa dhaqa. asirratti waan darbamuu hin qabne Raada Gabbaraa jechuun Akka Aadaa oromootti jijjiirraa intalaa jedhama. Raada jechuun goromsa saawwaa kan waggaa 1f isaa ol taayeedha. Guyyaa sana kana hin geessan taanaan warri intalaa intala isaanii itti hin kennan. Akka kanaan guyyaa sana haala ho’aadhaan mucaan Amaamota isaa fudhatee gara mana warra intalaatti imamal. Yeroo sanatii mana warra intalaa biratti haala ho’aadhaan eegamu. innis shamarran mararoo sirbuudhaan marii koo yaa maroolewoo hiriyee koo gargar baaneewoo? jechuudhaan ija keessa wal ilaalanii imimmaan fuularra of yaasaa weeddisu. mucaanis Amaamota isaa fudhatee dhufee hamma isaan waamanitti Odaa ykn qilxuu, mukuma gaaddisa qabu jala taa’ee eeggatee yeroo isaan waamanitti nama shanii fi isaa ol fudhatee ol seena. jarreen isa wajjin seenan kunis 1 Jaala(miinzee)isa jedhan 2 waa’ila 3 nama hayyuu ykn beekaa ta’e Lamaa–3 4 kan Teephii baatee kaaseta itti jijijjiiraa uummata bashannansiisu Akka kanaan mana seenanii Eebba fudhatu. Hamma inni mana keessa taa’uttimmoo shamarran ala jiran soddaa aarsuuf Arrabsoo adda addaatiin weeddisu.. “urgufaa garbuu ya geeshee birraa soddeen budaadha dhageenyee jirra, baalli atariin addaata yaa sodde eessaan gadi baata? hardhawoo surreetti albaataa :D” jechuudhaan soddaa arrabsu. kana booda yeroo gadi ba’u innis karameellaa bitee boorsaatti naqatee jira isa ammaaree fuula isaaniirratti facaasee Farda isaa yaabbata. isa booda amaamonni isaa meeshaa intalaa sana harka-harkatti qabachuun weedduu jalqabu gaafa karaatti ba’an.. akkana jedhu hoooo asham jennee ilil jennee galleerra gurbaa lolli hin ooltee? jechuudhaan warraaqaa gara mana gurbaatti galu yeroo manatti dhiyaatan akkana jedhanii weeddisu ishoo obboo koo ililleef gammachuun mirgaan gale obboon koo jechuudhaan gammadanii weeddisaa galu.

Aseennaa(sokkaa) Sirni kun sirna gaa’ilaa keessaa isa tokko. Aseennaa( sokkaa) jechuun utuu maatiin ishee fi kan isaa utuu hin beekin ijoolleen kun karaa bakee wal amansiisanii wal fudhatanii badu . Ergasii booda mucaan intala fuudhu kun mana fira Aantii isaa kaawwatee maatii isaatiif maatii isheetti akka himamu godhama. isa booda Amaamota waammatee achuma mana fira isaatii gara mana maatii isaatti fudhatee gala. BUTII. Butii jechuun intalti otuu isheen hin beekin mucaan hiriyoottan isaa fudhatee karaa lagaa ykn bakka isheen qoraan cabsituu dirqamaan fudhatee gala jedhama. DHAALA. Dhaala jechuun Akkanatti dhaalama=- --- Karaa dhiiraatiin "Namni tokko yoo du'e/boqote Obboleessa isaa isa xiqqaatu Haadha manaa isaa fuudha. Sababni kun ta'us .. 1 Yoo namni sun ijoollee qabaate ijoollee isaa fudhattee nama biraatti heerumuurra obboleessa Abbaa manaa isheetti heerumuu isheef wayya. ammas namni ormaa ijoollee sana akka dhiiga/fira dhiiga isaatti waan hin ilaalleef . kanaafuu utuu inni hin jaallanne maatiin dirqamaan akka inni ishee fuudhu godhu. Karaa Dubartii.. Yoo obboleettiin ishee hangafaa Boqotte/duute Abbaa manaa obboleettii ishee kan ture sanatti heerumuun akka dirqamaatti fudhatama. Sababa obboleettiin ishee sun yoo ijoollee qabaatte haati ormaa ijoollee sana waan cunqusituuf , firummaan jara sanaa akka duraaniitti akka hafuuf fi kkf dha. Abdisa Tato Shikkilaa