Trichoriyaasis
| Trichoriyaasis | |
|---|---|
| Qooqodama fi ooddefanoowan aalaa walqabatan | |
| ICD/CIM-10 | B79 B79 |
| ICD/CIM-9 | 127.3 127.3 |
| DiseasesDB | 31146 |
| MedlinePlus | 001364 |
Trichoriyaasis, akkasumas kan dhukkuba raammoo geengoo, jedhamee waamamu dhukkuba Raammoo Maxxantuu Trichuristrichiyura irra dhufudh (whipworm).[1] Dhukkubichi kan dhufe raammoo baayyinni isaanii xiqqaa ta’een kan dhufe ta’e, yeroo heedduu mallattoon dhukkubaa hinjiraatu.[2] namoota raammoolee baayyetiin qabaman irratti,dhukkubbii garaa, dadhabbi fi teessisaa.[2] bobbaatiin kan yeroo baayyee dhiiga qabu argisiisuu danda’a.[2] Dhukkubbiin daa’imman irratti xiqqeenya guddina sammuu fi qaamaa fiduu danda’a.[2] Dhiiga dhabuunsadarkaa seelii dhiigaa diimaa qaqqabuu danda’a.[1]
ka'uumsa isaa
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Dhukkubichi kaninni yeroo baayyee faca’u yeroo namoonni nyaata ykn bishaan anqaaquun raammolee akkanaa kessaa jiru nyaatan ykn dhugani dha.[2] Kunis kan mudatu yommuu fuduraalee/kuduraaleen rakkoo qaban guutummaan guutuutti hinqulqullaa’iin hafani dha.[2] Raammoleen kun yeroo baauyyee anqaaquun raammolee akkanaa kan argaman biyyoo bakka namoonni diida irratti bobba’ani fi bakka bobbaatiin namaa hinwallaanamiin akka xaa’ootti fayyadaman irratti argamu.[1] Anqaaquwwan kun kan maddan bobbaatii namota dhukkubichaan qabanii irraati.[2] Daa’imman xixiqqoon kan biyyoo akkanaa irra xabatani fi harka isaanii gara afaan isaaniitti galchan salphaatti dhukkuba kanaan qabamuu danda’u.[2] Raammoleen sun boolla guddaa keessa kan jiraatani fi dheerinni isaanii seniti meetira afur gaha.name=CDC2013/> Raammoo Geengoon yommuu bobbaatiin namaaMaayikirooskoppiidhaan qoratamutti anqaaquuwwan sana arguudhaan beekama.[3] Anqaaquun suni barmeela fakkaatu.[4]
Ittisaa fi yaalii
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Kan ofirraa ittisuun danda’amu nyaata haalaan bisheeffachu fi utuu nyaata hinbisheesin duraharka dhiqachuudhaani.[5] Tarkaanfiwwan kanbiroon tajaajila qulqullinaa kan akka mana fincanii faayidaa kennani fi manneen fincaanii[5] qulqulluu tti fayyadamuu fi bishaan qulqulluu argachuu faa dabalata.[6] Iddoowwan addunyaa kanaa bakka dhukkuboonni itti barmaatilee ta’anitti yeroo baayyee gareen namootaa hundinuu altokkoon wallaanamuu fi idileedhan wallaanamuu nidanda’u..[7] Wallansi isaa guyyota sadiif qorichoota.: albendaazoolii, mebendaazolii or ivermektinii fudhaachuudhaani.[8] Namoonni erga yaalamaniin booda yeroo baayyee deebiyaanii dhukkuba kanaan qabamu.[9]
Tamsa'ina fi seena isaa
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Dhukkubni raammoo geengoo sadarkaa addunyaatti namoota Miliyoona 600 hanga 800 ni miidha.[1][10] Innis barmaatileedhan kaninni mudatu biyyoota tiroopikaalii keessattiargamani dha.[7] Biyyoota boddeti hafoo keessati, namoonnii dhukkuba raammoo geengo kanaan qabaman yeroo heedduu dhukkuba alalunaa fi maagaa ni qabaatu.[7] Dhukkuboonni kun dinagdee biyyoota baayyee irratti dhiibbaa guddaa fidu.[11] Dhukkuboota kana irratti talaallii qopheessuuf hojiin hojjetamaa jira.[7] Dhukkubni raammoo geengoo kun akka dhukkuba tuffatamaa tiropikaaliitti fudhatama.[12]
Maddawwan
[gulaali | lakkaddaa gulaali]- 1 2 3 4
- 1 2 3 4 5 6 7 8
- ↑
- ↑ Duben-Engelkirk, Paul G. Engelkirk, Janet (2008). Laboratory diagnosis of infectious diseases : essentials of diagnostic microbiology. Baltimore: Wolters Kluwer Health/Lippincott Williams & Wilkins. p. 604. ISBN 9780781797016.
- 1 2
- ↑ Ziegelbauer, K; Speich, B; Mäusezahl, D; Bos, R; Keiser, J; Utzinger, J (Jan 2012). "Effect of sanitation on soil-transmitted helminth infection: systematic review and meta-analysis.". PLoSmedicine 9 (1): e1001162. PMC 3265535. PMID 22291577. doi:10.1371/journal.pmed.1001162.
- 1 2 3 4 Bethony, J; Brooker, S; Albonico, M; Geiger, SM; Loukas, A; Diemert, D; Hotez, PJ (May 6, 2006). "Soil-transmitted helminth infections: ascariasis, trichuriasis, and hookworm.". Lancet 367 (9521): 1521–32. PMID 16679166. doi:10.1016/S0140-6736(06)68653-4.
- ↑
- ↑ Jia, TW; Melville, S; Utzinger, J; King, CH; Zhou, XN (2012). "Soil-transmitted helminth reinfection after drug treatment: a systematic review and meta-analysis.". PLoS neglected tropical diseases 6 (5): e1621. PMC 3348161. PMID 22590656. doi:10.1371/journal.pntd.0001621.
- ↑ Fenwick, A (Mar 2012). "The global burden of neglected tropical diseases.". Public health 126 (3): 233–6. PMID 22325616. doi:10.1016/j.puhe.2011.11.015.
- ↑ Jamison, Dean (2006). "Helminth Infections: Soil-transmitted Helminth Infections and Schistosomiasis". Disease control priorities in developing countries (2nd ed. ed.). New York: Oxford University Press. p. Chapter 24. ISBN 9780821361801.
- ↑
