Sirna walhormaataa dhiiraa
Male reproductive system (human) | |
---|---|
![]() Male reproductive system | |
Details | |
Synonyms | Template:If empty |
Identifiers | |
Latin | systema genitale masculinum |
MeSH | Template:Wikidata |
TA98 | Lua error in Module:Deprecated at line 13: assign to undeclared variable 'warn'. |
TA2 | Template:Wikidata |
FMA | Template:FMA |
Anatomical terminology [[[d:Lua error in Module:Deprecated at line 13: assign to undeclared variable 'warn'.|edit on Wikidata]]] |
Sirni walhormaataa dhiiraa qaamolee saalaa adeemsa walhormaata namaa keessatti gahee qaban hedduu of keessaa qaba . Qaamonni kun qaama alaa, fi qaama saalaa keessa jiru .
Qaamonni saalaa dhiiraa inni ijoon tuffeefi qolburii(scrotum) kan chidhaan lamaan(testicles) of keessaa qabudha. Cidhaan sanyii kormaafi mi'oo kan qopheessu yoo ta’u, kunis yeroo walqunnamtii saalaa hanqaaquu(ovum) tokko waliin walfudhatuu(fartilaayuu) keessatti gahee murteessaa qaba. Erga misoomni hanqaaquu gaggeeffamee booda, hanqaaquun misoomtee (zaayigootiin) gara gadaacha(fetus)ttii guddata, dhumarratti gara daa’imaatti guddata. Sirni walgitaa dubartoota keessatti argamu sirna walhormaataa dubartootaati.
Qaama saalaa alaa
[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Tuffee
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Tuffeen qaama geejibameenxaa(intromittent ) kan somaa (shaft) dheeraa fi fiixee guddate, boca akka kumbulluu(ampoolii)qabu kan mattuffee (glans) jedhamu kan of keessaa qabu yoo ta’u, kunis eegumsaaf gogaa fuulduraatiin kan haguugame dha. Keessa tuffee ujummoo fincaanii(bokolee), ujuummoo kaayyoo lama qabuu kan mi'oon akka bahu fi fincaan akka bahu kan taasisu yoo ta’u, lamaan isaanii iyyuu karaa qaawa bokoleetiin (meatus) gara alaa ba’u.
Dhiirri tokko yeroo miriixee (saalqunnaamtiif kaka'u), dhiigni gara tishuuwwan dhagoogaa tuffee, adda durummaan gara nafoota holqawoo (korporaa kaavernoosaa) fi nafliifaa (korpus ispoonjiyoosami)tti baay’achuu irraa kan ka’e qaamni saalaa ka’uu ykn dhagoogni uuma. Sirni narvii hirphaa(parasympathetic) adeemsa kanaaf haala mijeessa, kunis naayitriik oksaayidii (NO) akka gadlakkiffamu kaakaasuun maashaan saffaa dhaaba tooyyeewwanii keessatti argamuu akka diriiruu taasisa. Toooyyeen nafsaafilaa(Arteriin pudendal) fi dameen isaa yeroo bal’atu dhiigni saffisaan saayinooyidii tishuuwwan dhagoogaa keessa jiran guutuun akka babal’atan taasisa. Dhanquumattii(yeroo tokkottii) ujummoon dhiiga deebistuu duubee (dorsal vein) gadi fagoo fi caasaan ujummoo dhiigaa deebistuu biroo summugaa'anii dhiigni akka hin yaane daangessuun qaamni saalaa dhiiraa akkaa ka’uu ykn dhagooguu eega. Korpus ispoonjiyoosum kan ujummoo fincaanii marsee jirus dhiigaan guutama garuu hamma xiqqaa ta’een yeroo cirriinqisa ykn dhangala'a mi'oo (ejaculation) ujummoon fincaanii mi'oo dabarsuuf banaa ta’ee akka turu mirkaneessa.