Seeziyeemii
Seeziyeemiin elementii keemikaalaa lakkoofsi atoomikaa 55 gabatee piriyoodii irratti qabuudha. Mallattoon isaa Cs dha.
Seeziyeemiin sibiilli alkaaliiti . Qabxiin baqinaa isaa gadi aanaadha (28 °C). Garmalee deebii kenna . Sababa walnyaatinsa guddaa waan qabuuf keemikaala balaafamaa dha. Qilleensa keessatti ibidda ofitti qabsiisuu (ignite) ta’uu danda’a. Bishaan waliin wal qunnamuun ni dhoo’a . Sibiilota alkaaliin biroo caalaa bishaan waliin walnyaatinsa cimaa qaba. Sababa kanaan, seeziyeemiin zayita albuudaa keessatti kuufama .
Seeziyeemiin elementii baay’ee hin argamnedha. Lafa irratti seeziyeemiin xiqqaa waan ta'eef, baay'ee qaala'aa dha. Qaamni namaa seeziyeemii hin barbaachisu. Hamma guddaa yoo ta’e, kompaawundootni keemikaalaa isaa s summii salphaa ta’u sababiin isaas pootaasiyeemiitti dhihoo waan ta’eef, kan qaamni barbaachisu.