Jump to content

Seermaleessummaa

Wikipedia irraa

Seermaleessummaan yaada warraaqsa gonkeessaa yoo ta’u, namni kamiyyuu dirqisiifamee gulantoo(hierarchy) gosa kamiyyuu keessa seenuu hin qabu jedhu. Fakkeenyaaf, seermaleesuumman mootummaan miidhaa qaba malee hin barbaachisu jedha. Haa ta’u malee, bifa sirnaa kamiyyuu jiraachuu hin qabu jechuu miti. Bulchiinsa magaalotaa fi ofiin of bulchuun jechoota seermaleessummaa keessatti baratamanidha. Akkasumas gochi namootaa gonkumaa namoota birootiin dirqisiifamuu akka hin qabne dubbata. Seermaleeessummaan sochii falaasama yoo ta’u, gosa gamtummaa durkii(liberal socialism) jedhama. Ejjennoo siyaasaa miti.