Jump to content

Saayinsii soboo

Wikipedia irraa

Saayinsii soboo ykn Mirkanbeekii soboo jechuun dhugeeffannoo, yaadiddama ykn gocha saayinsii dha jedhan garuu ragaa muuxannoo, qormaata cimaa ykn mala saayinsii hordofuu hin qabne agarsiisa. Haala saayinsii dhugaa irraa adda ta’ee, saayinsiin soboo mala-dhawii ajiffannoo ykn qorannoo hiriyaatiin ilaalame irratti hin hirkatu.

Amala Saayinsii soboo

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Hanqina Ragaa Yaalii

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
  • Himannaan yeroo baay’ee yaalii to’atame osoo hin taane ragaa waayyessaa (anecdotal )irratti hundaa’a.

Fakkeenyaaf: Urjii ilaaluun(Astrology) qaamoleen samii hiree dhala namaa irratti dhiibbaa akka qaban kan himu ta’us ragaan saayinsii kana deggeru hin jiru. Yaaliiwwaan  godhaman kamiyyuu bakka urjiilee fi amala namaa gidduu walitti dhufeenya akka jiru mirkaneessee hin beeku.

Al-ajjifatamummaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Yaadiddamni karaa saayinsawaan mirkaana'uus ta'ee kuffusamuuu kan hin dandeenye ta'uu

Fakkeenya: Waldhaansi walfakkoo (Homeopathy) wantootni baay’ee callabbaa'an dhukkuboota fayyisuu akka danda’an agarsiisa. Haa ta'u malee, qorichi heemoopaatawaa ciicatoo qophee waan hin qabneef, qorannoo saayinsii keessatti bu'aan isaanii qoricha dagsiisaa(placebo) irraa adda baafamuu hin danda'u.