Rooba Daayimandii

Wikipedia irraa

Ija bishaanii Rabbiin nuuf kenneen yoo gama samii ol laallu duumessa argina. Duumessaa olitti urjiilee muraasa argina. Yeroo guyyaatti aduu, yeroo halkaniitti ammoo Addeessa argina. Sanii olitti samitu nutti mul’ata. Namoonni hedduun dachiin tun diriirtuu akka eelee biddeenaati, samiin ammoo akka gombisaati jedhanii yaadan. Garuu dubbiin akka namni heddu yaadu sanii miti. Urjiin samii keessa jiru meeqa isinitti fakkaata. Lakkaawanii xumuruun danda’amaa? Gama biraatiin ammoo Pilaanetoota albuudni qaaliin irratti roobutu jira. barruu tana keessatti argannoowwan saayinsii kan dachii teenyarraa haalaan fagaatanii argaman muraasa isiniif dhiheessina.

Baay’ina Urjiiwwanii[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Urjii samii keessaa laakkawuun ijoolleef tapha ta’uu danda’a. garuu urjii laakkawanii fixuun waan danda’amuu miti. Kanaafuu laakkawanii fixuun ulfaataa waan ta’eef herreega addaa fayyadamuun dirqama ta’a. Fakkeenyaaf Gaalaaksiin Miilkweey kan dachii keenyatti dhihaatee argamu urjiiwwan biiliyana 100 hanga 400 qaba jedhamee tilmaamama. Dalagaan itti aantu hawaa kana keessa Gaalaaksii meeqatu jira kan jedhu adda baafatuudha. Guddinaa fi bal’ina hawaa kanaarraa kan ka’e Astroonoomaroonni hawaa kana keessa gaalaaksii tiriiliyana 10 oltu jira jechuun tilmaamamniiru. Hubadhaa kun bal’ina fi fageenya teeleskooppii isaaniitiin dhaqqabanii tilmaamamaniidha. Lakkoofsa kana urjiiwwan gaalaaksii tokko keessatti argaman keessa kan irra xiqqaatiin yoo baay’isne, kana jechuun biiliyana dhibbaan yoo baay’isne urjiiwwan Septiiliyana 1 ta’an arganna. Lakkoofsa tokko booda zeeroo 24tu jira. Urjiiwwan kanniin sakandii takka takkaan laakkawuu osoo dandeenyee, hunda laakkoofnee fixuudhaaf wagga quwaadriiliyana 31 ol nu barbaachisa. Gabaabumatti baay’ina urjii lakkayuu jechuun, cirracha gammoojjii sahaaraa keessa jiru habbaa 1 tokkoon taa’anii lakkayuu jechuudha.

Diyaamandii[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Dachii teenya tanarratti roobni haalaan barbaadamaadha. Midhaan biqilchuu fi dhimmoota birootiif tajaajila. Dachii teenya tanarratti rooba bishaaniitu rooba. Haa ta’u malee pilaaneetota tokko tokkoratti ammoo meeshaawwan qaqqaalii akka diyaamanditu rooba. Juppitar, saatarn, Yuraanusii fi Neptuun warra diyaamandiin irratti roobuudha. Pilaaneetonni afran kunniin baqqaana qilleensaa keessaa elemantii meeteen jedhamu haalaan guddaa qabu. Yeroo roobni roobuu fi bakakkaan buutu elemantiin kun gara dhakaatti jijjiirama. Dhakaan kun waan ulfaatuuf gara pilaaneetichaa bu’uuf gad deema. Yeroo kanatti ammoo qilleensa kaarbonii kan haalaan tuucha’aa ta’etti dhufa. Qilleensi kaarbonii kun ammoo dhakaa kana haalaan walitti dhiibuudhaan gara diyaamandiitti akka jijjiiramu taasisa. Diyaamandiiwwan pilaaneetota kanniin irratti roobe keessaa inni guddaan bal’inni isaa seentimeetira 1 ta’a. wagga waggaan diyaamandii toonii 1000 ol ta’utu pilaaneetii saatarn jedhamturratti rooba. Duuba ilmi namaa maaliif Diyaamendii kana dhaqee hin fudhanne jettanii gaafachuun keessan hin oolamu. Haalli qilleensaa plaaneetiiwwan kanniinii waan ilmi namaa itti dhihaachuu danda’uu miti. Rookeetiiwwanis gamas erguun haalaan ulfaataadha. Kanaafuu saayintistoonni albuuda qaalii plaaneetiiwwan kanniin irratti roobu meeshaadhaan qorachuu malee waan biroo tokkollee godhuu hin dandeenye.

Aduu Pilaaneetota garagaraa irratti[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Seensaa fi bahiinsi aduu waan haalaan nama harkisuudha. Dachii teenyarratti aduun yoo baatus yoo dhiitus bifa gara diimaatti dhihaatu qabdi. Yeoo guyyaatti garuu samiin cuquliisa ta’ee nutti mul’ata. Maars irratti ammoo haalli jiru walii faallaadha. Aduun yoo baatuu fi dhiitu cuquliisa yoo taatu, guyyaa guutuu ammoo samiin Maars diimaa ta’ee oola. Molokiyuuliin Baqqaana qilleensaa dachii keenyarra jiru ifa aduurraa dhufu ol deebisa. Yeroo guyyaatti ifaa cuquliisa kan dambalii gabaabaa (Short wave) deemu waan gara samiitti ol deebisuuf samiin cuquliisa taatee nutti mul’atti. Haa ta’u malee yeroo seensaa fi bahaatti ifni aduudhaa dheerinna fagoo (long wave) deema. Kun ammoo cuquliisni akka bittinnaayee baqqaanuma qilleensaarratti hafu taasisa. Yeroo kanatti ifaa diimaatu ol deebi’a. saniif seensaa fi bahiinsarratti diimattee nutti mul’atti. kan Maars irraa ammoo faallaa kanaati. Veenas irratti ammoo aduu yoo baatuu fi seentu hin argan. Ifaa ifeetuma dhaamu argan malee aduu seentee baatu hin argan. Meerkuriin ammoo baqqaana qilleensaa homaatuu hin qabdu. Molokyuuliin ifaa ol duubisu waan hin jirreef samiin meerkurii irraa gurraacha. Aduun adii akka addeessa keenyaa fakkaattee mul’atti. Kanaafuu guyyaan meerkurii irraa, akka halkan goobanaa dachii tanaa fakkaata jechu.