Qilleensa Marsaa

Wikipedia irraa
(Qilleensaa Nannoo irra kan qajeele)
marsaa qilleensaa

Qilleensa Marsaa lafaa walitti qabama gaazoota sababa harkisa lafaattiin laffatti harkifamanii nannoo laffatti argamanitti,gabaabuumatti Qillensii Naannoo lafaa tuuta gaazootaa Baqqana qillensaa lafa keessatti argamaniidha. Kuusaan gaazii kun yeroo adda addaatti qabiyyee adda addaa qaba ture. Elementiiwwan jireenya isa keessa jiruuf barbaachisoo ta’an ( Baqqaana ozoonii dabalatee ) yeroo hunda jijjiiramaa jiru. Haalli qilleensaa keenya naayitiroojiinii dhibbeentaa 78, oksijiinii dhibbeentaa 21, argoonii dhibbeentaa 0.93 fi kaarboon daayi’oksaayidii dhibbeentaa 0.038 of keessaa qaba. Haalli amma jiru lafti waggoota biliyoona 1.5 dabalataaf jireenya akka deeggartu ni taasisa jedhamee amanama.

Baqqanota Qilleensa Marsaa Lafaa[gulaali | lakkaddaa gulaali][gulaali | lakkaddaa gulaali]

Tempireechera irratti hundaa’uun qilleensi marsaa lafaa baqqaanota afur gurguddootti niqoodama. Isaannis: Tirooppoosfeerii, Istiraatoosfeerii, Meesoosfeerii fi Teermoosfeerii dha.

Baqqaana qillensaa gadee ykn Tirooppoosfeerii[gulaali | lakkaddaa gulaali][gulaali | lakkaddaa gulaali]

Tirooppoosfeerii: baqaana lafatti aanee argamuudha. Haalli argama isaatis naannoo mudhii lafatti hamma 17km ol fagatee kan argamu yommuu ta’u, naannoo bantileetti immoo hamma 7k mol fagatee argama. Baqqaana kana keessatti yommuu olka’iinsi dabalaa adeemu, tempireecherri immoo hir’achaa deema. Kunis kan ta’uu danda’eef maddi hoo’a baqaana kanaa lafa waan ta’eefi. Dhiibbaan qilleensa marsaa lafaa guddaa ta’e baqqaana kana keessatti argama. Sababbiin isaas baqqaanni kun hunda irra rukkaadha. Gaasota garagaraafi hurka bishaanii ofkeessaa waan qabuufi. Fiixeen yookiin daangaan gara olii baqaana kanaa Tirooppoopwuusi jedhama

Hawaardiyaaa ykn Istiraatoosfeerii[gulaali | lakkaddaa gulaali][gulaali | lakkaddaa gulaali]

Baqaana tirooppoosfeeriitti aanee argamuudha. Baqaana kana keessatti olka’iinsi yoo dabalu teempreecharris suuta dabalaa deema. Kunis kan ta’eef kuufamni guddaan ozoonii (O3 ) baqaana kana keessatti argama. Jiraachuun Oozoonii immoo carallaan Altiraavawoleettii jedhamu akka keessatti xuuxxamee hafu taasisa. Daangaan Istiraatoosfeeriifii meesoosfeerii Istiraatoopaasi jedhama. Kunis hanga 20km olfagaatee argama

Baqaana Qillensaa giddu ykn Hawaa Cabbii ykn Meesoosfeerii[gulaali | lakkaddaa gulaali][gulaali | lakkaddaa gulaali]

Baqaanni kun daangaa gara olii istiraatoosfeerii fi 90km gidduutti argama. Baqqaana kana keessatti yommuu olka’insi dabalaa adeemu tempireecherri immoo saffisaan hir’achaa deema. Teempreecharri hamma -1850 C tti gadi bu’a. Sababni olka’iinsi yoo dabalu teempreecharri hir’ataa deemuuf baqaana hunda irra baqaanni rukkinni gaasotaa xiqqaa waan ta’eefi. Haalli kun immoo hoo’i akka hin kuufamne taasisa. Fiixeen yookiin daangaan baqaana kanaa gara olii Meesoopaasii jedhama.

Hawoo'a ykn Teermoosfeerii[gulaali | lakkaddaa gulaali][gulaali | lakkaddaa gulaali]

Baqaana qilleensa marsaa lafaa gara olii daangaa meesoosfeerii olitti kana rgamuudha. Baqqaana kana keessatti yommuu olka’insi dabalaa adeemu, tempireecherris saffisa dabalaa adeemuun hamma 1,5000 C gaha. Kanarraa kan ka’e, baqqaanni kun baqqana qilleensa marsaa lafaa isa baay’ee hoo’aa ta’uun beekkama. Kunis kan ta’eef hammi O3 guddaa waan ta’eef