Pirezidaantii
Bulchiinsa dimokiraasii ammayyaa keessatti jechi “Pireezidaantii ykn Harboora” jedhu nama aangoo raawwachiisummaa bal’aa qabu yookaan gahee sirnaa baay’inaan qabu agarsiisuu danda’a. Sirna pirezidaantawaa ykn harboorawaa keessatti akka hoji gaggeessaa olaanaattis ta’e sirna paarlaamaa keessatti akka mataa biyyaa fakkiyyaafi aangoo fi itti gaafatamummaa pirezidaantichaa sirnoota lamaan gidduutti garaagarummaa guddaa qaba.
Maqaan “Pireezidaantii” jedhu baay’inaan mataa biyyaa rippabilikootaatiin kan walqabatudha. Sirnoota tokko tokko keessatti—keessattuu rippabilikaalota sirna pirezidaantawaa keessatti— pirezidaantichi mataa biyyaa fi hogganaa mootummaa yoo ta’u, imaammata biyya keessaa fi alaa, ajaja waraanaa, muudama fi walqunnamtii seera baasuu irratti aangoo raawwachiisummaa guddaa qaba. Sirnoota biroo kan akka rippabiliika paarlaamawaa ykn caffee keessatti yeroo baayyee pirezidaantiin nama sirnaawaa kan aangoon isaa kan muummicha ministeeraa addatti filameen daangeffame ykn madaalawuudha.
Pirezidaantonni tokko tokko mataa biyyaa fi hogganaa mootummaa kan akka Pirezidaantii Ameerikaa . Biyyoota biroo kan akka Rippabiliika Ayerlaandi, Pirezidaantichi gahee sirnaa kan qabu yoo ta’u, Muummichi Ministeeraa ammoo hogganaa mootummaati. Faransaayitti, Pirezidaantii fi Muummichi Ministeeraa lamaan isaanii aangoo raawwachiisummaa qooddatu.
Pirezidaantiin maqaa itti gaafatamaa daldala guddaa, dhaabbata ykn dhaabbata tokkoo ta'uu danda'a .
Pirezidaantii filachuu
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Rippabilikoonni hedduun filannoo kallattiin lammiileen pirezidaantii filachuuf taasifamu qabu. Garuu rippabilikoonni biroo tokko tokko akkas hin godhan. Pirezidaantiin Ameerikaa kolleegii filannootiin filatama . Rippabilikoonni biroo tokko tokko pirezidaantii haala kanaan filatu. Rippabilikoota biroo tokko tokko keessatti paarlaamaan pirezidaantii filata.
Biyyoonni mootii akka geggeessaatti qaban, mootiffa ykn bittee gonfoo jedhamu . Biyyoonni tokko tokko pirezidaantiis ta’e mootii akka hogganaa hin qaban, kan akka Magaalaa Vaatikaan kan geggeessaa amantii Phaaphaasii jedhamu tokkoon bulfamtu .
Dhaabbileen pirezidaantiis qabu. Isaan kan filataman namoota kutaa dhaabbatichaa qabaniin . Dhaabbilee tokko tokko keessatti namoonni dhaabbatichaaf hojjettoota ta’an pirezidaantii dhaabbata isaanii filatu (sagalee kennu).
Sirna pirezidaantawaa
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Sirni pirezidaantummaa sirna aangoon hojii raawwachiiftuu, seera baastuu fi dameelee seera hiiktuu gidduutti ifatti addaan baafamuudhaanidha. Akkaayyaa kana keessatti:
- Filannoo Kallattis ta’e Al-Kallattiin: Pirezidaantichi yeroo baay’ee kallattiin ummataan ykn karaa Abbaa taayitaa filannootiin kan filatamu yoo ta’u, kunis aangoo walabaa kan qaama seera baastuu irraa hin argamne kenna.
- Yeroo Dhaabbataa fi Tasgabbii: Pirezidaantichi akka waliigalaatti yeroo murtaa’eef kan tajaajilu yoo ta’u, adeemsa heera mootummaa adda ta’een (kan akka aangoo irraa kaafamuu) malee salphaatti aangoo irraa kaafamuu hin danda’u.
- Taayitaa Hojii Raawwachiiftuummaa: Sirna pirezidaantawaa keessatti pirezidaantiin mataa biyyaa fakkoomii fi mataa mootummaati. Gaheen hojii walitti cuqaa'uun kun yeroo baayyee pirezidaantichaaf aangoo bal’aa kan kennu yoo ta’u, kunis aangoo sagalee diddaa (veto power), ajaja waraanaa, muudama miseensota kaabinee ykn aduulaa ykn makkla fi abbootii murtii (eeyyama seeraatiin yoo ta’e), fi itti gaafatamummaa seera hojiirra oolchuu fi kabachiisuu dabalate qaba.
Sirna Paarlaamaa Keessatti Gahee Pirezidaantii
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Sirnoota bulchiinsaa paarlaamentaawaa hedduu keessatti, hogganaan biyyaa (yeroo baay’ee rippabilikoota keessatti “pirezidaantii” ykn mootummaa gonfoo heeraa keessatti “mootii” jedhamee waamamu) baay’inaan nama maqaaf ykn fakkumaaf aangoo qabateedha. Hojiileen guyyaa guyyaa fi murtoon imaammataa muummicha ministeeraa qaama seera baastuu keessaa filatamee fi itti gaafatamummaa qabuun kan raawwatamudha. Sirnoota kana keessatti hojiin pirezidaantichaa akka waliigalaatti kanneen armaan gadii qofa irratti daangeffama:
- Dirqama Jilaa: Paarlaamaa banuu, tokkummaa biyyaa bakka bu’uu, ambaasaaddaroota(lamiilee) simachuu fi hojii fakkoommii(symbolic) raawwachuu.
- Aangoo Daangeffame: Rippabilikoota paarlaamaa tokko tokko keessatti, pirezidaantichi aangoo eeggataa ykn olkeewwii (kan akka dandeettii seera mana murtiitti erguu ykn filannoo haaraa waamu), garuu aangoowwan kun haala addaa keessatti qofa kan raawwatamanidha.
Gahee Heera Mootummaatiin Pirezidaantiin Itoophiyaafi Oromiyaaf kenname
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Itiyoophiyaan sirna federaalaa Heera Federaalaa Dimookiraatawaa Rippabiliika Itoophiyaa bara 1995 (FDRE Constitution) tiin hundeeffameen bulfamti. Sirna kana jalatti aangoon raawwachiisummaa waliigalaa biyyattii Mana Maree Ministirootaa Muummicha Ministeeraatiin durfamu keessatti kan cunqeeffame yoo ta’u, Pirezidaantichi ammoo mataa biyyaa ta’uun tajaajila. Gama biraatiin, federaalizimiin ykn atoomummaa sabaa Itoophiyaa tokkoon tokkoon mootummaa naannoo-Oromiyaa dabalatee-heera mataa isaa akka fudhatu hayyama. Sanadoonni naannoo kunniin qajeeltoowwan federaalaa tokko tokko kan dhageessisan ta’us, yeroo tokko tokko hojii raawwachiiftuu naannoo (pirezidaantii naannoo ykn bulchaa olaanaatiin kan hoogganamu) gahee caalaatti sochii qabuu fi bal’aa ta’e ramadu. Armaan gaditti bu’uuraalee lamaan ibsina.
Heera FDRE jalatti Gahee Federaalaa Pirezidaantii
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Heera mootummaa FDRE jalatti Pirezidaantiin Itiyoophiyaa Mataa Biyya jedhamee ibsama. Tumaaleen heera mootummaa (fakkeenyaaf, Keewwata 69–71) amala ijoo armaan gadii kaa’u:
Dalagaalee Jilaa(qophii) garuu Fakkiif ta'ee:
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Pirezidaantichi walgahii waloo waggaa mana maree paarlaamaa Federaalaa lamaan ni bana, seerotaa fi waliigalteewwan idil-addunyaa ni labsa (Gaazexaa "Negarit Gazeta" mooommmaa irratti maxxansuudhaan), akkasumas ambaasaaddaroota biyya alaa ni simata. Dirqamoonni kun gahee pirezidaantichi bakka bu’aa tokkummaa fi itti fufiinsa biyyaa ta’uun qabu kan cimsudha.
Akeekaan muudamu:
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Heerri FDRE Pirezidaantichaaf aangoo ambaasaaddara muuduu (fi, haala tokko tokko keessatti, dhiifama kennuu ykn kabaja kennuu) kan kennu ta’us, tarkaanfiiwwan kun eeruu Muummicha Ministeeraatiin kan fudhatamanidha. Qabatamaan qophiin kun imaammanni raawwachiisummaa fi aangoo bulchiinsaa guyyaa guyyaa Mana Maree Ministirootaa bira akka turu taasisa.
Aangoo Hojii Raawwachiiftuu Daangeffame:
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Pirezidaantichi walgahii waloo Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa fi Mana Maree Federeeshiniitiin yeroo waggaa jahaaf (yoo baay’ee marsaa lamaa) filatama. Haa ta’u malee, aangoo raawwachiiftuu dhugaa-kan akka imaammata bocuu, seera raawwachuu fi nageenya biyyaa bulchuu-Muummicha Ministeeraa fi Mana Maree Ministiroota isaatiif imaanaa kennama. Saxaxni kun sadarkaa federaalaatti moodeela paarlaamaa kan pirezidaantummaan baay’inaan maquumaaf ta’e kan calaqqisiisudha.
Walumaagalatti sadarkaa biyyaatti pirezidaantiin nama tokkoomsu yoo ta’u aangoon isaa sakatta’iinsa heera mootummaatiin kan daangeffamee fi muummichi ministeeraa fi kaabinee gahee bulchiinsaa fi imaammata baasuu giddugaleessaa qabaachuu isaaniitiin kan daangeffame dha.
Gahee Naannoo Pirezidaantii Oromiyaa keessatti qabu
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Sirni federaalizimii sab-daneessaa Itoophiyaa tokkoon tokkoon naannoo bu’uura heeraa mataa isaa akka qabaatu gaafata. Heerri Mootummaa Naannoo Biyyaalessaa Oromiyaa Fooyya’e (jalqaba bara 2000moota keessa kan fudhatame) naannicha damee sadii-seera baaftuu (yeroo baay’ee “Caffee” jedhamee waamamu), hojii raawwachiiftuu, fi seera hiiktuu-tti gurmeessee hojii raawwachiiftuu naannoo pirezidaantii naannoo (ykn Duree Bulchiinsaa)tiin hoogganamu ibsa.
Qabxiileen ijoo akka qorannoo hayyootaa fi barreeffama heera mootummaa Oromiyaa irraa argamanitti:
Aangoo raawwachiiftuu bu’a qabeessa :
Pireezidaantii federaalaarraa adda ta’ee, pirezidaantiin naannoo Oromiyaa keessatti aangoon hojii raawwachiiftuu naannichaa hoogganuudhaan itti gaafatamummaa qaba. Heerri Oromiyaa aangoo bulchiinsaa guddaa waajjira kanaaf kenna. Fakkeenyaaf, pirezidaantiin naannichaa itti gaafatamummaa qaba:
- Mana Maree Bulchiinsa Mootummaa Naannichaa hoogganuu fi qindeessuun.
- Seerota naannoo labsuu (maxxansaaf mallatteessuudhaan).
- Qondaaltota sadarkaa olaanaa qaban (kan akka hoggantoota biiroo naannoo fi illee, yeroo tokko tokko, abbootii murtii Mana Murtii Waliigalaa naannoo) kaadhimuu akkasumas qondaaltota ijoo biroo muuduu.
- Hojiirra oolmaa imaammataa to’achuu fi naannicha keessatti seeraa fi sirna mirkaneessuu.
Gaheen cimaan kun pirezidaantiin naannichaa qooda fudhattuu siyaasaa ijoo murtiin isaa dhimmoota kenniinsa tajaajilaa irraa kaasee hanga nageenyaatti bulchiinsa naannoo bocuu danda’u taasisa.
- Dhimmoota hordoffiifi to'annoo: Heerri mootummaa Oromiyaa pirezidaantii naannichaaf aangawoota kaadhimamuu fi aangoo irraa kaasuun aangoo bal’aa akka ramaduu xiinxala hedduun hubataniiru. Qeeqxonni tumaaleen akkanaa madaallii qaama raawwachiiftuu fi qaama haqaa (fi qaama seera baastuu illee) Oromiyaa keessa jiru mancaasuu akka danda’an ni akeeku. Akka dhugaatti, moodeelli federaalaa akka aangoo raawwachiisummaa irra caalaan isaa muummicha ministeeraatiin kan qophaa’e yoo ta’u, bu’uurri Oromiyaa pirezidaantiin naannichaa gahee olaantummaa akka qabaatu hayyamuu mala. Kunis qophiin naannoo walabummaa dameelee mootummaa biroo haala gahaa ta’een eegumsa qabaachuu fi dhiisuu isaa irratti falmiin akka ka’u taasiseera.
- Hariiroo Federaalaa–Naannoo: Heerri FDRE Itoophiyaaf bu’uura waliigalaa waan kaa’uuf, heeroonni naannoo (kan Oromiyaa dabalatee) seera federaalaa cabsuu hin qaban. Qabatamaan garuu hayyoonni tokko tokko tumaalee federaalaa fi aangoo raawwachiisummaa bal’aa pirezidaantota naannoof ramadaman gidduutti waldhabdeen akka jiru ilaalaniiru. Dhiphinni kun sadarkaa biyyaattis ta’e sadarkaa biyyaa gadiitti aangoo bu’a qabeessa ta’een addaan ba’uu mirkaneessuu keessatti qormaata jiru kan mul’isudha.
Oromiyaa keessatti pirezidaantiin (ykn bulchaan olaanaan) bakka bu’aa ummata naannichaa qofa osoo hin taane hoji gaggeessaa olaanaa imaammata hojiirra oolchuu, hojii bulchiinsaa qindeessuu, fi muudama mootummaa naannichaa keessatti bulchuudha. Gaheen bal’aan kun hojiiwwan sirna pirezidaantii federaalaa waliin kan wal faallaa ta’ee fi aadaa siyaasaa naannoo fi caasaa federaalizimii sab-daneessaa Itoophiyaa kan calaqqisiisudha.