Jump to content

Garba Paasifiik

Wikipedia irraa
(Pacific Ocean irra kan qajeele)
File:Paasifiik.jpg
Garba Paasifiik

Garbi Paasifiik ykn Garbi Nagaa garba addunyaa keessaa isa guddaadha. Kaaban Arkitiik irraa ka'ee hanga Galaana Kibbaatti kan fulla'u yoo ta'u, karaa dhihaa Eshiyaa fi Awustireliyaadhaan, karaa bahaa immoo ardii Ameerikaa lamaanin marfamee argama.

Garbi kun lafa isquweer km miliyoona 165.2 kan uwwisu yoo ta'u, lafa bishaanin aguuggame keessaa kun parsentii 46% ta'a akkasumas gutumma addunyaa keenyyaa keessaa parsentii 30% qabata. Mudhiin lafaa garba kana bakka lamatti qoodudhaan Paasifiikii Kaabaa fi Paasifiikii Kibbaa uuma. Dhooqni Mariyaanaa kan Dhiha Paasifiikii Kaabaatti argamu iddoo addunyaa keenyarra garmalee gad dhooqqatu yoo ta'u kunis meetira 10,911 (35,797 ft) ta'a.

Garba kanaa maqaa Paasifiik jedhu kan baaseef abuurtuu biyya Poorchugaal Ferdinaand Maajelaani. Sababni inni maqaa kana baaseefis garbi kun tasgabba'aa fi bidiruu ofuuf mijataa waan tureefi maqaa Garba Nagaa(Paasifiik jechuun nagaa jechuu dha) jedhu kenneefi.

Biyyoota fi Bulchiinsota Biyyaa Naannoo Garba Kanaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
AwustireliyaaJaappaanNaa'uruuTaayiwaan
BurunaayiKamboodiyaaNiwuu ZiilaandiTaayilaand
ChiiliiKanaadaaNikaraagu'aaTiimor Bahaa
ChaayinaaKiriibaatiiPalaawuuToongaa
FiijiiKolombiyaaPanaamaaTuuvaaluu
FiliippiinsiKooriyaa KaabaaPaappu'aa Niwuu GiiniiYunaayitid Isteetis
El SalvaadorKooriyaa KibbaaPeeruuVaanuwaatuu
Gu'aatimaalaaKostaa RikaaRaashiyaaVeetinaam
HonduraasMaleeshiyaaSamo'aa
IndoneeshiyaaMeeksikooSingaappoor
Iqqu'aadorMaakirooneezyiyaaOdoloota Solomoon

Bulchiinsota

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Ameerikaan Samo'aaHoong KoongNiwuu KaledooniyaaWaalisii fi Futuunaa
Odola BeekerOdola HawulaandiOdola NoorfokWake Island
Odola KookOdola JaarvisNiwee
Coral Sea IslandsJohnston IslandNorthern Mariana Islands
Odola FaasikaaKingman ReefPalmyra Atoll
Fireench PolineeshiyaaMakkaa'uuOdoloota Piitkeerni
GuwaamMidway AtollTookelaawu