Jump to content

Oromoo Worjii

Wikipedia irraa

Oromoon warjii baay'inaan shawaa keessa jiraatu ,Arsii fi harargee keessatti argamu.

Warjiin Gosa Oromoo Tuulamaa yoo tahan moggaasni maqaa isaaniis 'Warra Ji'aa' kan jedhurraa akka dhufetu himama.

Miseensa Oromoota Warjii kan tahan Obbo Nurhuseen Hasan moggaasa maqaa Warjii jedhu kana Oromootuma kaantu nuuf moggaase jedhu.

"Moggaasa Warjii jedhu kana Oromootu nuuf moggaase. Maqaa dabalataa nuuf kennan jechuudha. Warjii jechuunimmoo warra ji'aa, kan ji'a lakkaa'ee bulu jechuudha.

Amantaa Islaamaa waan hordofnuuf jecha ji'a (Addeessa) waliin hidhata qabna. Kanaaf jecha 'warra ji'aa' nuun jedhu," jedhan.

Gosti Oromoo Warjiin kuni jaarraa 9ffaa dhaa hanga xumura jarraa 12ffaattis naannoo Shawaatti mootummaa Islaamaa ijaaree ofbulchaa turuutu himama.