Jump to content

Ogummaa harkaa

Wikipedia irraa
Dubartoota kaamaa Batik Jaavaa, Indooneeshiyaa keessatti
Manni daldalaa hojii harkaa Savisiipi magaalaa Pori, Finfinnee
Dukkaana hojii harkaa Gurgurtaa-Warshaa, Isfahan, Iran
Artesanato Mineeroo jedhamuun beekama

Ogummaan Harkaa (Afaan Ingiliffaan: Handicraft) damee hojii kan meeshaalee faayidaa qabeeyyii ykn miidhagina qaban harkaan ykn meeshaalee salphaa fayyadamuun oomishuudha. Innis oomisha warshaa kan maashinii guddaan raawwatamu irraa adda; ogummaan harkaa dandeettii dhuunfaa, kalaqa, fi aadaa ogeessichaatiin (craftsman/artisan) kan bocamuudha. Hojiiwwan kunniin yeroo baayyee miidhagina aartii fi faayidaa jireenya guyyuu walitti fidu. Ogummaan harkaa seenaa, eenyummaa, fi duudhaa hawaasa tokkoo dhalootaa dhalootatti dabarsuuf meeshaa guddaadha.

Ogummaa harkaa jechuun hojii aartii qofa odoo hin taane, ogummaa jireenyaaf barbaachisus of keessatti qabata. Gariin isaa, kan akka saanii suphee bocame ykn afata tolfame, faayidaa qabatamaaf oola. Gariin immoo, kan akka faayaa ykn siidaa mukaa, miidhaginaaf qofa tajaajila. Ogeessi hojii kana hojjetu ogineessa harkaa jedhama. Namoonni tokko tokko ogummaa harkaa bashannanaaf, kaan immoo madda galii isaaniitiif hojjetu.

Seenaa Ogummaa Harkaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Seenaan ogummaa harkaa seenaa dhala namaa wajjin kan jalqabeedha. Dhalli namaa jalqaba meeshaalee dhagaa irraa hojjetu irraa kaasee, dandeettiin harkaan wantoota uumuu jireenya isaaf murteessaa ture. Meeshaaleen waraanaa, meeshaaleen qonnaa, fi mi'oonni mana keessaa hundi jalqaba ogummaa harkaan hojjetaman. Siyaadatonni durii kan akka Ijiiptii, Meesoppottaamiyaa, fi Chaayinaa ogummaa harkaa sadarkaa olaanaatti guddisan; suphee miidhagaa, meeshaalee sibiilaa, fi wayaa adda ta'e oomishaa turan.

Bara Giddugaleessaa Awurooppaa keessatti, gareewwan ogeeyyii (guilds) kanneen akka warra muka soofuu, sibiila tumuu, fi gogaa qopheessuu, beekumsa fi dandeettii isaanii dhalootatti dabarsaa turan. Haa ta'u malee, jaarraa 18ffaa fi 19ffaa keessatti Warraaqsi Industirii dhufuun, oomishni maashiniidhaan gaggeeffamu babal'ate. Kunis ogummaa harkaa dhiibbaa jala galche. Haa ta'u malee, dhuma jaarraa 19ffaa keessatti, sochiiwwan akka "Arts and Crafts Movement" (Sochii Aartii fi Ogummaa) biyyoota dhihaa keessatti ka'uun, gatii fi miidhagina meeshaalee harkaan hojjetamanii deebisanii beeksisan. Har'as, ogummaan harkaa addunyaa guutuutti akka madda galii, aadaa eeguu, fi bashannanaatti tajaajila guddaa kennaa jira.

Dameewwan Gurguddoo Ogummaa Harkaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]

Ogummaan harkaa dameewwan hedduu kan meeshaa dheedhii fi tooftaa hojii adda addaa fayyadaman of keessatti qabata.

Ogummaa Uffannaa fi Fo'aa (Textile Crafts)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
File:Tissage artisanal de tapis, Taznakht.jpg
Dubartii aadaadhaan afata tolchitu (rug weaving).

Kun damee ogummaa harkaa isa bal'aa fi beekamaa ta'ee, fo'aa (fiber) fayyadamuun wayaa, afata, fi mi'a biroo oomishuudha.

  • Wayaa Dhawuu (Weaving): Tooftaa kiyyoo (yarn) lama (kan wertikaalii fi horizantaalii) wal keessa dabarsuun wayaa uumuuti. Innis uffata, afata, fi golgaa hojjechuuf tajaajila.
  • Qome-dhawuu (Knitting/Crocheting): Liloowwan fayyadamuun kiyyoo tokko irraa uffata akka shurraabaa, kuffiyyaa, fi wadaroo uumuudha.
  • Diboora-dhawuu (Tapestry): Fakkiin ykn dizayiniin addaa bifa wayaatti kan dhahamuudha. Yeroo baayyee dallaa miidhagsuuf oola.
  • Afata Tolchuu (Rug Making): Tooftaawwan adda addaa fayyadamuun afata lafa irra haadamu kan furdaa fi jabaa ta'e hojjechuudha.

Ogummaa Mukaa (Woodworking)

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
File:Geppetto in pinocchio.jpg
Fakkii Geppetto, ogeessa muka soofuu beekamaa seenaa Piinookiyoo keessaa.

Kun muka fayyadamuun meeshaalee adda addaa soofuu, kukkutuu, fi walitti qabsiisuudha.

  • Hojii Mukaa (Woodworking): Meeshaalee akka minjaalaa, barcumaa, fi kkf hojjechuudha.
  • Muka Bocuu (Wood Carving): Muka soofuun siidaa, fakkii, ykn mi'a faayaa uumuudha.
  • Fuga (Cabinetry): Saanduqa, kubbaayyaa, fi fuuga biroo kan mana keessaaf oolu ijaaruudha. Dandeettii fi qulqullina olaanaa gaafata.

Ogummaa Suphee fi Sibiilaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
  • Suphee Dhawuu (Pottery): Suphee jiidhaatti boca kennuun, gogsuun, achiis ibiddaan gubuun meeshaalee akka distii, gaawe, fi faaskii hojjechuudha.
  • Ogummaa Faayaa (Jewelry Making): Sibiilota gati jabeessa (warqee, meetii), dhagaawwan, fi meeshaalee biroo fayyadamuun faaya akka amartii, qabattoo, fi caancoo uumuudha.
  • Sibiila Tumuu (Blacksmithing): Sibiila ibiddaan hoo'isanii, hamaariin tumuun boca barbaadamu itti uumuudha. Meeshaalee akka billaa, haamtuu, fi faaya sibiilaa hojjechuuf oola.

Dameewwan Biroo

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
  • Kaachoo-dhawuu (Basketry): Baala meexxii, harama, ykn muka haphii biroo fayyadamuun kaachoo, masoobii, fi mi'a biroo fe'uuf oolu dhahuudha.
  • Hojii Gogaa / Kaldhoo (Leatherworking): Gogaa beeladaa qopheessuun meeshaalee akka kophee, subbaa, boorsaa, fi kkf irraa hojjechuudha. Namni hojii kana hojjetu cawwaa jedhama.
  • Kaama Fuullee (Glass Crafts): birciqqoo(fuullee) baqsuun ykn afuufuun meeshaalee miidhaginaa fi faayidaa qaban uumuudha.

Ogummaa Harkaa Aadaa Oromoo

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
File:Oromo woman carrying a basket for sale.jpg
Dubartii Oromoo kaachoo gurgurtaaf baattee deemtu. Kaachoon ogummaa harkaa Oromoo keessatti beekamaadha.

Aadaan Oromoo ogummaa harkaa kan dagaagee fi seenaa dheeraa qabuun beekama. Hojiiwwan kun faayidaa jireenya guyyuu qofaaf odoo hin taane, aadaa, duudhaa, fi eenyummaa ummatichaa ibsuu keessattis gahee guddaa qabu.

  • Suphee Dhawuu: Keessattuu dubartootaan kan hojjetamu yoo ta'u, meeshaaleen akka masloolee bunaa (jebena), okkotee, fi hubboo haala miidhagaa fi aadaa deggaruun bocamu.
  • Hojii Mukaa: Ogeeyyiin Oromoo muka irraa meeshaalee akka barcumaa, wayyaa, qorii, fi gandii haala adda ta'een soofu. Keessattuu, barcumni Oromoo boca fi faaya addaa qabaachuun beekama.
  • Sibiila Tumuu: Tumtuun hawaasa Oromoo keessatti iddoo guddaa qaba. Meeshaalee qonnaa (akka maarashaa, haamtuu), meeshaalee waraanaa (akka eeboo, billaa), fi faaya sibiilaa (akka saldaaqaa) ni hojjetu.
  • Hojii Gogaa (Kaldhoo): Cawwaan gogaa loonii, re'ee, fi hoolaa qopheessuun meeshaalee akka itillee (sibiqa), qaxaa, waraabbataa, fi kkf irraa tolcha.
  • Kaachoo-dhawuu : Dubartoonni Oromoo baala meexxii fi harama fayyadamuun kaachoo fi agalgilii halluuwwan adda addaatiin miidhagsanii dhahu. Isaanis nyaata itti kuusuuf, fe'uuf, fi mana miidhagsuuf tajaajilu.

Faayidaa Ogummaa Harkaa

[gulaali | lakkaddaa gulaali]
  • Dinagdee: Namoota hedduuf, keessattuu dubartoota fi ummata baadiyyaatiif, madda galii guddaadha. Oomishaalee gabaaf dhiyeessuun maatii fi hawaasa deeggara.
  • Aadaa Eeguu: Dandeettii fi beekumsi ogummaa harkaa dhalootaa dhalootatti darbuun, aadaan akka hin irraanfatamne taasisa.
  • Eenyummaa Ibsuu: Dizayiniin, halluun, fi boca meeshaalee harkaa eenyummaa fi duudhaa garee ykn naannoo tokkoo calaqqisiisa.
  • Yaala Sammuu: Hojii harkaa hojjechuun sammuu tasgabbeessuu, dhiphina hir'isuu, fi dandeettii kalaqaa guddisuuf ni gargaara.
  • Naannoo Eeguu: Meeshaalee uumamaa naannootti argaman fayyadamuun, faalama industirii ni hir'isa. Akkasumas, meeshaalee caccaban deebisanii fayyadamuuf carraa uuma.