Jump to content

Mirrisa

Wikipedia irraa

Afwalaloo hedduu Oromoon qabu keessaa tokko mirriga/mirrisadha. Innis Harargeetti baay’ee beekamaafi jaallatamaadha. Mirrigni akkuma afwalaloowwan biroo afaaniin labata irraa labatatti lufaa kan tureefi ammas kan lufaa jirudha.Uummanni Oromoo naannawa kana jiraatus quuqaa seenaa, aadaa, ilaalchaa, gootummaa, siyaasa, dinagdeefi hawaasummaa amma jiruufi ture irratti dhimma ba’uuf bal’inaan fayyadama. Qabiyyeen Mirrigaas yaada bilchaataafi gadifagoo kan qabuufi jechoota miidhagina qabaniin sirriitti ibsama. Adeemsi hurruubummaa isaas akkaataa safuun naannawa eeyyamuun seeraan raawwatama.

Mirriga yeroo hedduu kan mirrigu manguddoota yoo ta’an, innis seeramataa isaa qaba. Manguddoonni nama gosa isaaniitiin ala ta’etti malee, namagosa isaanii ta’etti hinmirrigan. Mirriga keessatti dubbiitiin waltuquun (ciguun) jiraachuu waan maluuf, akka wal hinmufachiifneef of eeggatu jechuudha. Yeroo mirriganis alangee qabataniiti. Dargaggoonnis bifuma walfakkaatuun mirriguudanda’u. Garuu, dargaggeessi manguddoo umriin walhinmadaalle waliin mirriguun dhorkaadha. Yoomessi hurruubummaa isaas, yeroo baay'ee dureewwan gosaadhimmoota hawaasummaafi rakkoolee jiran hiikuuf bakka walga’an faa ta'a. Haalakanaan, mirrigni manguddoo gosaa waliin hariiroo cimaa qaba. Mirriga eegaluufixumuruunis seera mataa isaa qaba. Namni mirriguu eegalu,

“Amma dhagahii dhaggeeffadhuu,

Guurii gurraa guurradhuu,”

jedhee namoonni biroon akka caqasaniif yaadadhiyeessa.

Itti fufuudhaan, yeedaloo miidhagaatiin walaloo toora tooraan dhangalaasa. Yaada isaa xumuruuf, yookiin afuura fudhachuuf yoo jedhu immoo,

“Akkanan jechuu beeka,

Waanin naan jettun eegaa,”

Jedhee yaada isaa xumura. Amma dabareen kan keeti yaada jedhuun, namni biraa akka mirriguuf yaada isaa ibsa. Kanaafuu, bo’oon xumuraa lamaan nama biraaf dabaree kennuuf yookiin mirriga xumuruuf tajaajilu. Buufata seensaafi xumuraa lamaan gidduu garuu, qabiyyee bal’aa, kan dhimma ta’e irratti mirrigaan yaada ofii ibsachuu barbaadetu buufata buufataan qindaa’anii mirrigamu. Dhaamsi guddaan walaloo mirrigaas bakka kanatti argama.

Mirrigni akaakuma afwalaloowwan biroo jiruufi jireenya hawaasummaa, dinagdee, sabboonummaa, seenaafi siyaasaa bifa miidhagina qabuun ibsa.Fakkeenyaaf, bara 1887 A.L.A.tti hubaatii Minilik Calanqoo irratti gara jabinaan uummata Oromoo Harargee irratti raawwate ibsuuf, walaloo mirrigaatiin har’allee yaadatamaa jira. Walaloon mirrigaa itti aanu kunis kana mul’isa. Walaloon kunis seenaa qofa osoo hinta’in gootummaa Oromoo, gara jabinaafi hammeenya sirna nafxanyaas nicalaqqisiisa. Kana malees, Oromoon hammam bifa nama barsiisuufi bashannansiisuun seenaa ol kaa’uu akka danda’u agarsiisa.

Amma dhagahii dhaggeeffadhuu,

Guurii gurraa guurradhuu.

Dardara keenya fixan,

Handaara gaaraas ciisaa,

Shamarran keenya fixan,

Calleen waan gaara ciisaa,

Hawwan keenya fixan,

Guftaan waan gaara ciisaa,

Manguddoo keenya fixan,

Arriin waan gaara ciisaa.

Dhaladheellee hinagarree

Seenaatuu natti odeessaa,

Afran Qalloo kiyya gaa,

Dhiiga garaa na ciisa,

Yoomin galee gad ciisa?

Akkanan jechuu beeka,

Waan naan jettun eega.

Bifuma walfakkaatuun, walaloon mirrigaa gootummaa hawaasaa yookiin nama dhuunfaa dinqisiifachuuf fayyada. Aadaa Oromoo keessattis lugni balaaleffatamee, goota immoo leellisuun, dammaqsuun, kakaasuufi gootomsuun bal’inaan mul’ata. Mirrigni itti aanu kunis kanuma mirkaneessa.

Amma dhagahi dhaggeeffadhuu

Guurii gurraa guurradhuu.

Qe’ee maraataatti hiniyyanii,

Bifleetti hingeeraranii.

Dirree lolaa geessanii,

Goota biraa hindheessanii.

Goota biraa dheessanii,

Lubbuu ofii hinalaakanii.

Akkanan jechuun beeka,

Waan naan jettun eega

Walumaagalatti, Mirrigni Oromoo Harargee biratti baay’ee beekamaafi jaallatamaadha. Aadaa, safuufi seenaa durii, akkasumas kan ammaafi borii ittiin ibsachuufi jiruufi jireenya hawaasa hundaa keessatti baay’ee murteessaadha. Kanaafuu, qabeenya dur irraa eegalee dhaalamaa dhufe kanatti boonuufi gargaaramuun dirqama keenya ta’a.

Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 8. © Ministeera Barnootaafi Biiroo Barnootaa Oromiyaa. Bara 2007.