Mesopotaamiyaa
Qaroomni Mesopotaamiyaa ykn biyya lagged lamgidduu qaroomman addunyaa durii keessaa isa jalqabaati. Mesopotaamiyaa jechuun afaan Giriikiin ‘Lafa laggeen lama gidduutti argamu’ jechuudha. Bifuma kanaan qaroomni Mesopotaamiyaa sulula laggeen Ifraaxesiifi Tigiriis jedhaman gidduutti naannoo bara 3500 Dh.K. D irraa eegalee kan dagaagedha. Biyyeen gabbataafi bishaan gahaan sulula laggeen Ifraaxesiifi Tigiriis jireenya dhala namaaf haala mijataauumuun, qaroomman bara durii akka jalqabamaniif bu’uura guddaa ta’ee jira
Ummanni jalqaba naannoo sulula laggeen Ifraaxesiifi Tigiriis qubachuun qaroomma Mesopotaamiyaa hundeessan Sumeeriyaanota jedhamu. Booda irra garuu, ummattoonni akka Akkaadiiyaan, Baabilooniyaanotaafi Assiiriyaan jedhaman Mesopotaamiyaa humnaan ofjala galchuun walduraa duubaan bulchaa turan.Kanaafuu, hundi isaanii dagaagina qaroomman Mesopotaamiyaa durii keessatti gahee ol’aanaa qabu
Mesopotaamiyaan bulchiinsaafi gurmaa’ina hawaas-siyaasaa cimaa qaba ture. Bulchiinsi Mesopotaamiyaa mootiin hogganama ture. Mootonni Mesopotaamiyaa durii aangoo cimaa qabu. Mootonni kunneen akka Waaqaan muudamanitti ofilaalu (offudhatu) ture. Mootota Mesopotaamiyaa durii keessaa seera baasuufi labsuun, hawaasni akka beekuu kan taasise mootii Hamuraabii (1792-1750Dh.K.D) jedhamu ture. Seerri isaas, seera baay’ee ulfaataafi cimaa ture dha. Sababni isaas, tokkon tokkon yakka hojjetameef seera adabbii walsimatu jedhamee kan beekamudha. Fakkeenyaaf, ‘‘namni ija namaa jaamse ijji isaa jaamu qaba’’ kan jedhudha . Hamuraabiin ol’aantummaa seeraa baase hojiirra oolchuuf namoota akka abbootii seeraatti ramaduun hawaasa seera hubachiisaa ture. Hawaasni seera kana irratti hubannoo argachuun kabaja waliif kennuufi yakka hojjechuu irraa of qusataa turan. Bara bulchiinsa isaa, ol’aantummaan seeraa Mesopotaamiyaa keessatti yeroo itti kabajamaa turedha. Kanaaf, seenaa Mesopotaamiyaa keessatti seerri Hamuraabii tasgabbiifi nageenya amansiisaa fiduun beekama. Sululli laggeen Ifraaxesiifi Tigiriis dagaagina qonna adda addaa Mesopotaamiyaaf haala mijataa uumeera. Ogummaafi tooftaalee adda addaatiin bishaan to’achuun qonna jal’isiin beekamoo turan. Dabalataan, daandii galaanaafi wiirtuulee daldalaa iddoowwan biroo waliin taasisaa turaniiru. Daldala galaana irraaf dooniiwwan fayyadamaa turan. Dooniiwwan kunniin humna qilleensaan kan deeman ture. Qaromman ummattoota Mesopotaamiyaa durii geejjiba ammayyeessun, gaarii wiiliin deemuufi humna namaan socho’an (dhiibaman) hojjetanii jiru. Ogummaa sibiila baqsuu fayyadamuun Naasii irraa meeshaalee adda addaa hojjechun qaroomman addunyaa bara durii tiif gumaacha ol’aanaa taasisaniiru/
Mesopotaamiyaan qorannoo sirna urjii adeemsisuun Sirna Lakkoofsa Baraa (Kalaandarii) ji’oota kudhalama qabu uumaniiru. Qaroomni Sirna Lakkoofsa Baraa kunis marsaa ji’aa (addeessaa) irratti kan hundaa’edha. Qaroomni Mesopotaamiyaa falaasama herregaa geengoo digirii 360tti qooduu fayyadamuun, guyyaa tokko sa’aatii 24tti hirun shallaggii yeroo addunyaan amma itti tajaajilamaa jirru argataniiru. Dabalataan, sa’aatii tokko immoo daqqiiqaa 60tti qooduun bu’uura lakkoofsa yeroo bara ammayyaa ta’e jira. Qaroomni Mesopotaamiyaa sa’aatii bishaaniin hojjetu kalaquun hojii irra oolchee jira. Akkasumas, biyyee suphee tajaajila ijaarsa garaagaraatiif fayyadamaa turanii jiru. Bifuma kanaan, suphee tajaajila barreeffama adda addaatiif fayyadamaa turaniiru. Ogummaa barreeffama Mesopotaamiyaan kalaqan Kuniformi jedhamuun beekama. Tooftaan barreeffamaa kanaas suphee jiidhaa irratti kan barreeffamudha.
Dagaagina qarooma Mesopotaamiyaa durii keessatti qooda fudhattoonni ummattoota garaagaraadha. Isaanis Sumeeriyaanota, Akkaadiyaanota,Baabilooniyaanotaafi Assiiriyaanota kanneen jedhamanidha. Ummattoonni kunniin yeroo Mesopotaamiyaa bulchaa turan ogummaafi kalaqa adda addaa addunyaaf gumaachaniiru. Akka waliigalaatti, Mesopotaamiyaan qaroomman dagaagina dinagdee, hawaasaafi siyaasaa tokkummaa cimaa qabu hundeessuun beekamoo turan. Haata’u malee, ummattoonni Mesopotaamiyaa garee adda addaa jalatti gurmaa’un fedhii aangoo qabachuuf waraana walirratti labsaa turan. Waldhabdeen hawaasaa yookaan gareewwan gidduutti adeemsiffamaa ture humna Mesopotaamiyaa akka laaffatuuf sababa ta’e jira. Dhuma irratti, jaarraa 6ffaa Dh.K.D Pershiyaanotaan weeraramtee diigamuuf dirqamtee jirti.