Mana Barumsaa Bultii Addaa Ifa Boruu Sadarkaa lammaffaa Amboo
Manni Barumsaa Bultii Addaa Ifa Boruu Sadarkaa lammaffaa Amboo manneen barnootaa bultii addaa Ifa Boruu Biiroo Barnoota Oromiyaan karoorfamanii bara 2013 hoii jalqaban torba keessaa isa tokko. Gosoonni mana barumsaa kanaa kan biroon 6 kan kan BBO dhaan ijaaraman kanneen magaalota Bedele, Harammayyaa, Yaabelloo, Najjoo, Dodolaa keessatti argamanii fi 2 kan WMO dhaan iaaraman kan magaalota Adaamaa fi Bishooftuu keessatti ijaaraman walitti 8 ni jiru.
Manni Barumsaa Bultii Addaa Ifa Boruu Sadarkaa lammaffaa Amboo Finfinnee irraa 216KM fagaatee magaalaa Amboo godina shawaa lixaa keessatti lafa hektaara 16 ta'u irra qubatee argama. Manni barumsaa kun bara 2013 Barattoota kutaa 9ffaa fudhachuun yeroo jalqabaaf sirna baruu barsiisuu eegale. Akka odeeffannoo hanga Adoolessa 2017 tti jiruunis Manni barumsaa kun barattoota kutaa 12 yeroo jalqabaaf Qormaata seensa Yunivarsiitii EUEE bara 2017 qorsiisee jira.