Sheekkoo duula andaaqqoo, hantuuta, bofa, ruumicha fi leencaa
Yeroo tokko, andaaqqoo, hantuuta, bofa, ruumicha fi leenca ta’anii gamtaadhaan duula deemuuf waliin mari’atan. Kaayyoon duula kanaas deemanii loon hatuuf ture. Amma deemanii deemanii bakkee dhaquu barbaadanitti yogguu dhiyaatan, dhaabbatanii (ejjetanii) akkamitti akka loon hatan waliin haasa’uu fi hojiis addaan qoqqooddachuuf karoora baafatan. Kana keessatti kan karoora baastu andaaqqoo turte. Andaaqittiinis akkana jettee karoora ibsiti:
Leencaan – yeroo mooraa loonii bira geenyu, ati nu caalaa humna cimaa waan qabduuf, akka karra ykn balbala bantu jettiin.
Bofaan – yeroo leenci karra banu, ati ammoo suuta jedhiitii looyii mooraa seenii; yoo karri banamu loon garafiitii akka bahan godhi jettiin.
Rumichaan – atis bofa wajjin gara mooraa seeniitii yeroo karri banamu laboobbaa (wing) kee waliin rukutuudhaan akka loon dammaqanii mooraa keessaa bayan godhi jettiin
Yeroo karoorri kun hojiirra oolu andaaqqoo fi hantuunni ala dhaabbatanii hojii kana hordofaa turan jechuu dha.
Haala kanaan loon mooraa keessaa yaasanii fudhatanii ykn oofanii otuu deemaa jiranuu, andaaqqoon mala biraa yaaduu jalqabde. Amma bofa ofitti yaamtee akkana jettiin: Yaa boofa rakkoo tokko qabna; leenci guddaa fi humna cimaa qabu kun, waa hundaanuu nu caala; kana malees kan karra bane loon akka bayan godhe isa waan ta’eef, booda nu hin nyaachisu waan tokko godhuu qabna jettiin. Bofnis maal goonuree? jedhaan. Akki gootu, yoo leenci dadhabee ciisee mugu ykn rafu suuta jedhiitii jala seeniitii summii keetiin iddii ajjeesi jettiin. Boftis akkuma itti himametti hojii isaa raawwatee, leenca sodaatamu akkanatti ofirraa ajjeesan.
Ammas xiqqoo turtee andaaqittiin mala (shira) ishii ittifufuudhaan; rumicha ofitti yaamtee akkana jettiin: Waan tokkon sitti himaa dhagayi; akkuma beekamu bofni hamaa dha; summii isaatiin nu fixuu danda’a. Kunoo leencaa ajjeesee jira; amma nutti garagalee, ani leenca jabaa sanaa ajjeesee; isinis fixuu nan danda’a jechun isaa waan hin oolleef, otuu hin dhumin dursuu qabna jettiin. Rumichis maal godhuree? jedhee gaafata. Yeroo kana andaaqqoon akkana jettiin: Yeroo bofti ofmaree ciisu, suuta jedhiitii mataa isaa tumiitii ajjeesi jettiin. Rumichis hojii isaaf kenname raawwate. Bofnis haala kanaa du’e.
Haati malaa (shiraa) andaaqqoon, amma ammoo hantuuta ofitti yaamuudhaan; akkanatti gorsiti: Yaaboo hantuuta, akkuma beektu rumichi duruu diina keeti; amma siriidhaa bofa leenca ajjeese sanaayuu waan ajjeeseef, nuti isaaf salphaa dha; dafnee mala barbaaduu qabna jettiin. Maal wayyaree? jedhee gaafata. Akki gootu, yoo qilleensi qorruu (diilallaayuu) jalqabu, natti qorree maaloo si jalan seena jedhii kadhadhuutii; yoo inni ofjala si seessisu, laboobbaa isaa irraa cicciriitii hojii ala taasisi jettiin.
Andaaqittiin karoora fi shira ishii hundumaa hojiirra erga oolchite booda hantuuta wajjin kophaatti hafu. Amma loon kana keessaa isa furdate filatanii qalachuuf qophaayu. Erga filatanii qalatan booda, andaaqqittiin shira ishii kan xumuraa hojiirra oolchuuf; hantuutaan akkana jetti: Yaa hantuuttoo, beektaa ati bar goota goota caaluu dha; rumicha bofa ajjeese sanuu malaan galaafattee jirta; amma akki gootu, foon jaji’iitii morma keetitti maradhuutii, dhakaa (dhagaa) guddaarra bayiitii gootummaa keetiin dhaadadhu jettiin. Hantuutnis tole jedhee; akkuma itti himametti qophaayee; dhagaarra bayee otuu dhaadachaa jiruu cululleen? bakkee dhuftee hin beekamne tasa foonuma sana wajjin hantuuticha fudhattee badde. Akkanatti andaaqqoon malaan (shiraan) hundumaa ofbiraa fixxee loon dhuunfattee hafte jedhama.[1]
- ↑ Namoonni HAADHA MANAA isaanii waliin walqunnamtii saalaa jalqabuuf utuu jedhanii, utuu qunnaamtii hin godhiin jalaa qaamni kormaa dhangala’u ykn eegalanii daqiiqaa 1 gaditti xumuran rakkoo kana qabu jedhamee yaadama. Waanti kun takkaa yoo nama qabate waan nama hin gadhiifne yokaan nama waliin hafu miti. Waqxii tokkoof nama mudatee baduus danda’a, namoota tokko tokkorrammoo turuu danda’a. Dhibee kana kan fidu kana jedhamee quba itti qabamee adda baafamuu baatus kanneen armaan gadii waliin ta’anii harka keessaa qabu. 1. Dhiphina/muddama sammuu (stress) 2. Yeroo hedduu garmalee gadduu (depression) 3. Sodaan walqunnaamtii saalaa hin danda’u jedhu dursee sammuu keessa jiraachuu. 4. Miira balleessaa qabaachuu (guilt) namatti dhaga’amuu 5. Rakkoon hariiroo jaalalaa (relation ship) jiraachuu. AKKAMIIN OFGARGAARUU DANDEENYA? Namoota rakkoo kana qaban keessaa 95% osoo qoricha mana yaalaa hin barbaadiin maloota armaan gadii kana keessaa kan isaaniif ta’u fayyadamanii dhibee kana ofirraa balleessu. 1. Afuura dheeraa (deap breath ) fudhachuu. Yoo xixiqqeessanii afuura baafatan gara dafanii sanyii kormaa dhangalaasuutti geessa. 2. Qofaatti shaakaluu. Kun mala tuttuquu (masturbation) fayyadamuun yoo sanyiin kormaa dhangala’uuf jedhu gidduutti dhaabuudha. Ammas irra deddeebi’anii hojjachuudhaan of shaakalsiisuudha. Yoo kana godhanyoo qaamaan haadha manaa yokaan jaalallee isaanii bira deeman illee qabachuu danda’an. 3. Yoo qunnaamtii saalaa godhan yoo miirri olka’ee sanyiin kormaa dhangala’uuf jedhu bakka qaamni saalaa dhiiraa (penis) qaamarraa itti ka’u jalaaan jabeessanii gadi qabuu (Squeezing) akka dafee hin dhangalaane gargaara. Kanas qofaa ofii shaakaluun gaariidha. 4. Yoo qunnaamtii saalaa goodhamu guutummaa guutuutti yaada keenya qaama saalaa keenyarra kaa’uu dhiifnee bakka biraa yaadaa raawwachuun hedduu gargaara. 5. Jarjaruu fi ariifannaa, sodaa fi miirota kana fakkaatan haga dandeenye ofirraa fageessuu qabna. 6. Namootni walqunnaamtii saalaa yeroo dheeraaf hin godhiin yoo turan waan kun akka mudatu ni taasisa. Akkuma deddeebineen raawwanneen garuu fooyya’aa deema. 7. Yoo qunnaamtii saalaa goonu akkuma miirri olka’aa deemee gara dhangala’uutti dhiyaateen sochii gadi xiqqeessuudha. Yoo garmalee sosocho’an dafee akka dhangala’u waan taasisuuf. Fayyaan faaya Dhibee Wal qunnamtii Saalaa Dafanii Xumuruu Faayidaa Timiraa Mallattoo Dhukkuba Kalee fi Wantoota Gochuu Qabnu Mallattolee Dadhabuu Onnee Dhiita'uu Qaama Saala Dhiiraa(Varicocele)fi Mallatto Isaa Haphachuu Rifeensaa Akkamiin Ittisuu Dandeenya? Mallattoo, Ka'umsaa fi Furmaata Hir'ina Dhiigaa Dhukkuba Huuba Qoonqoo/Toonsilii Faayidaa Jinjibilli Qabu