Mala dubbii

Wikipedia irraa
Gara kallatti ce'i Gara barbaadutti ce'i

Malli dubbii fayyadama afaanii kan karaa haala salphaa ta'een ergaa tokko nama hubachiisani. Malli dubbii akaakuu gara garaa kan qabu yoo ta'u isaanis akkasaa, nameessaa, habalaka, eemiti, arbeessaa, fi iddeessaadha.

Akkasaa[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jechi akkasaa jedhu gaalee 'akka isaa' jedhurraa dhufe. Tajaajilli akkasaa erga barbaadame tokko waan aadaa hawaasichaa keessatti beekkamaa ta'e tokko wajjin wal cinaa qabuun dhiyeessanii akka salphaatti hubatmu dandeessisuudha.

Fakkeenya: Tufaan akka booyyetti nyaata

Iddeessaa/bakka buusa[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jechi iddeessaa jedhu gaalee 'iddoo isaa' jedhurraa dhufe. Ideessaan mala dubii kan ittiin waan tokko amala waan biraa gonfachiisuun dhiyeessani. Malli dubbii kun karaa dhokataa ta'een wantoota wal dorgomsiisa; akkasaa irraa kan adda isa godhus kanuma.

Fakkeenya:

Sanyii kootu kanniisaa

Maafan argee gadhiisa

Sanyii kootu gafarsa

Maafan bira dabarsa

Nameessaa[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Nameessi lubbu-maleeyyii yookaan lubbu-qabeeyyii biroo amala namaa gonfachiisuudhaan dubbachuudha. Haala kanaan yeroo isaan akka namaatti socho'an agarsiisa.

Fakkeenya:

Shan elmamus shantamni elmamus koo qiraacitti jette adurreen.

Duuti ija babaaftee na ilaalte.

Eemiti[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Jech 'eemiti' jedhu gaalee 'eeyyee fi miti' jedhanirraa uummame. Jechoonni kun lamaan faallaa waliiti. Eemitiinis akka wantoonni faallaa ta'an lama wal faana dubbataman taasisuun beekkama.

Fakkeenya:

Obbo Gaaddisaan kolfaa boo'a.

Guutamaan qotaa deega. "Bishaan dhugaa dheebota"

Habalaka[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Habalakni tooftaa ittiin waan tokko karaa faallaa isaatin ibsani. Fakkeenyaaf, nama gabaabadhaan birbirsoo, nama gurraachaan faranjii, nama lugnaan goota jechuun karaa faallatiin waan san ibsuudha. Hiika waan ibsamee san hubachuuf, haala keessatti ibsamee fi aadaa hawaasichaa beekun barbaachisaadha.

Arbeessaa[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

Arbeessuun waan tokko garmalee guddisanii yookaan garmalee xiqqeessanii dhiyeessudha. Kana jechuun, waan tokko guddisanii hanga arbaa, xiqqeessanii hanga huubaa taasisuu jechuudha.

Fakkeenya:

Inni qallatee lilmoo ta'e.

Waaben guutee sinbirri irra hin qaxxaamurtu.

Ililleen qaqaa harcaase.

Wabii[Gulaali | Lakkaddaa gulaali]

  • Addunyaa Barkeessaa (2016). Semmoo: Bu'ura Barnoota Afaannii fi Afoola Oromoo, maxxansaa 3ffaa, Finfinnee