Maaykiroobaayoloojii
|
Gloeocapsa, gosa saayinoobaakteeriyaa kan maayikirooskooppiin guddate, fakkeenya micirjirtii shifii. | |
| Odeeffannoo Waliigalaa | |
|---|---|
| Damee Saayinsii | Xiinjiree |
| Yaad-rimeewwan Gurguddoo | |
| Yaad-rimee Ijoo | Meerqa, Dhorsunkii, Maarqoo, Lubdarkoo |
| Seenaa fi Ogeessota | |
| Ogeessota Gurguddoo | Antonie van Leeuwenhoek, Louis Pasteur, Robert Koch |
| Hojirra Oolmaa fi Walqabatii | |
| Faayidaa Hojirraa | Yaala Fayyaa (dhukkuba ittisuu), Oomisha Nyaataa (raacitii, itittuu), Biyookeeknooloojii |
| Dameewwan Walqabatan | Keemistrii lubbuu, Xiindhaala, Qor-madinummaa |
Xiinimiin ykn Maayikiroobaayoloojiin damee xiinjiree kan waa’ee micirjirtii shifii (microorganisms) kanneen ijaan mul’achuu hin dandeenye qo’atuudha. Micirjirtiin shifiin lubbu-qabeeyyii baayyee xixiqqoo kanneen maayikirooskooppii (shifargaa) qofaan ilaalamanidha. Dameen saayinsii kun uumama, caasaa, dalagaa, guddina, fi tamsa'ina micirjirtiiwwanii, akkasumas hariiroo isaan naannoo isaanii fi lubbu-qabeeyyii biroo wajjin qaban xiinxala. Xiinimiin addunyaa ijaan hin mul'anne kan jireenya lafa irratti dhiibbaa guddaa qabu hubachuuf balbala bana.
Micirjirtiin shifiin gareewwan gurguddoo hedduu of keessatti qabata: Meerqa, Durtambii, Lubdarkoo, fi Maarqoo muraasa. Dabalataanis, xiinimiin qaamolee lubbuu hin qabne kanneen akka Dhorsunkii, viroids, fi prions, kanneen seelii lubbu-qabeessaa keessatti qofa baay'achuu danda'an, ni qorata. Micirjirtoonni kunniin bakka hundatti, biyyee, bishaan, qilleensa, qaama namaa keessaa fi alatti, akkasumas naannoowwan baayyee cimaa (akka hoo'a guddaa ykn asiidii) keessatti argamu.
Seenaa Gabaabaa Xiinimii
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Argannoo Micirjirtii
[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Addunyaan micirjirtii ijaan hin mul'anne jiraachuun isaa waggoota dhibbaan lakkaa'amaniif beekamaa hin turre. Qorannoon micirjirtii bara 1675tti daldalaa fi saayintistii lammii Daach, Antonie van Leeuwenhoek, jedhamuun jalqabame. Leeuwenhoek nama jalqaba maayikirooskooppii (fullee guddiftuu) humna guddaa qabu hojjetee, wantoota xixiqqoo adda addaa, kan akka bishaan roobaa, ilkaan irraa haqame, fi dhiiga qorachuun beekamuudha. Innis uumamtoota xixiqqoo "animalcules" (bineens-xixiqqoo) jedhee waame argate. Fakkiiwwan inni kaassee fi ibsi inni kenne, micirjirtiiwwan jalqabaa kanneen akka meerqaa fi durneefkaa turan. Argannoon isaa kun addunyaa haaraa saayinsiif bane.
Madaqsa Yaada Labata Tasaa
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Jaarraa 19ffaa keessatti, xiinimiin guddina guddaa agarsiise. Yeroo sana, falmii guddaan waa'ee "labata tasaa" (spontaneous generation) irratti gaggeeffamaa ture. Yaadni kun akka jedhutti, lubbu-qabeeyyiin (akka raammoo fi ilbiisotaa) wantoota lubbuu hin qabne irraa (akka biyyee ykn foon burkutaa'ee) ofiin maddu jedha. Haa ta'u malee, saayintistiin Firaansi Louis Pasteur yaaliiwwan isaa beekamoo kanneen "swan-neck flask" jedhamaniin yaad-rimee kana guutummaatti soba ta'uu isaa mirkaneesse. Pasteer, micirjirtoonni qilleensa keessa akka jiran, fi yoo isaan nyaata faalan qofa akka baay'atan agarsiise. Kunis Yaad-rimee Biiyoojeneesii (Biogenesis), kan jireenyi jireenya irraa qofa madda jedhu, cimse.
Bara Warqee Xiinimii
[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Yeroon 1857 hanga 1914 "Bara Warqee Xiinimii" jedhamuun beekama. Yeroo kana keessatti, guddinni guddaan waa'ee gahee micirjirtii dhukkuba fiduu keessatti qaban irratti godhame. Hojiin Louis Pasteur waa'ee raaciteessuu (fermentation) fi paasteraayizeeshinii (pasteurization) irratti, fi yaad-rimeen isaa kan dhukkuboota irratti (germ theory of disease), bu'uura guddaa ture. Saayintistii Jarmanii Robert Koch immoo, meerqaan addaa dhukkuba addaa akka fidu ragaa saayinsawaan mirkaneesse. Innis meerqaa dhukkuba abbaa sangaa(anthrax), daranyoo sombaa(tuberculosis), fi koleeraa fidu adda baase. Hojiin Paasteer fi Kook bu'uura qor-madinummaa (immunology) fi yaala dhukkuboota daddarboo ammayyaatiif kaa'e.
Gosoota Micirjirtii Shifii
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Micirjirtiin shifiin gareewwan gurguddoo hedduutti qoodamu.
Tambiduroo (Prokaryotes)
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Tambiduroonni micirjirtiiwwan caasaa seelii salphaa qabanidha. Isaanis tambii (nucleus) dhugaa fi qaamolee sabagaan marfaman kan biroo hin qaban. Jeneetikiin isaanii akka kirimoosoomii geengoo tokkootti saayitoopilaasmii keessatti argama. Gareen kun Durtambii fi Meerqa of keessatti qabata.
Durtambii (Archaea)
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Durtambiiwwan lubbu-qabeeyyii lubbiyyoo-tokkee tambiduroo yoo ta'an, caasaa addaa kan naannoowwan baayyee cimaa (extreme environments) kan akka burqaa hoo'aa, galaana soogidda qabiyeti, ykn iddoo oksijiinii hin qabne keessa jiraachuuf isaan dandeessisu qabu. Duraan meerqaa wajjin ramadamaa turan, garuu qorannoon jeneetikii akka agarsiisutti, isaan damee jireenyaa addaati. Durtambiiwwan meerqaa irraa caasaa sabaga seelii (cell membrane) isaanii kan iiteer (ether lipids) irraa hojjetameen adda bahu, kan meerqaa immoo isteer (ester lipids) irraa hojjetama.
Meerqa (Bacteria)
[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Meerqaan garee micirjirtii isa bal'aa fi beekamaadha. Isaanis tambiduroo yoo ta'an, boca adda addaa (geengoo, ulee, maramaa) qabaachuu danda'u. Isaan bakka hundatti kan argaman yoo ta'u, gariin isaanii dhukkuba kan fidan (pathogenic) yommuu ta'an, irra caalaan isaanii garuu faayidaa qabu. Fakkeenyaaf, meerqaan qaama namaa keessa jiru vittaaminii oomishuu fi nyaata bulleessuuf gargaaru. Akkasumas, sirnakkoo keessatti soorata marsuuf gahee murteessaa taphatu.
Tambidhugee (Eukaryotes)
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Tambidhugeeyyin meerqaa fi durtambii irraa adda kan ta’anii fi caasaa seelii walxaxaa kan akka tambii, maaytrookondiriyaa, fi qaamolee biroo sabagaan marfaman of keessaa qabu. Micirjirtiin tambidhugee lubdarkoo fi maarqoo (raacitii) muraasa dabalata.
Lubdarkoo (Protista)
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Lubdarkoon garee lubbu-qabeeyyii tambidhugee kanneen biqila, bineelda, ykn maarqoo hin taanedha. Gareen kun baayyee garaagarummaa qaba. Irra caalaan isaanii lubbiyyoo-tokkee fi maayikirooskooppii dha. Fakkeenyonni beekamoon amoebaa (kan socho'uuf miila sobaa fayyadamu), Neefcaantaa (Paramecium - kan rifeensoo (cilia) jedhamuun socho'u), fi saaphaphuu (algae) xixiqqoo dha. Gariin isaanii footosinteesisiin nyaata qopheessu, kaan immoo wantoota biroo sooratu.
Maarqoo / Fangasii
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Maarqoon tambidhugeeyyii kanneen nyaata isaanii qaama alagaa irraa xuuxuun argatanidha. Haa ta'u malee, maarqoonni muraasni, kan akka raacitii (yeast), lubbiyyoo-tokkee fi maayikirooskooppii dha. Raacitiin oomisha buddeenaa, biiraa, fi wayinii keessatti raaciteessuu (fermentation) gaggeessuun beekama. Raacitiin caasaa seelii kan cicha seelii (cell wall) kaayitiinii (chitin) irraa hojjetame qabuun adda.
Dhorsunkii (Virus)
[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Dhorsunkiin qaama lubbu-qabeessa jedhamee hin fudhatamne, sababni isaas ofiin jiraachuu ykn wal-horuu hin danda'u. Isaan paakeejii jeneetikii (DNA ykn RNA) kan qola pirootiiniitiin marfameedha. Wal-horuuf, seelii lubbu-qabeessa biraa (akka meerqaa, biqilaa, ykn bineeldaa) weeraruun, maashinarii seelichaa fayyadamuun of baay'isu. Dhorsunkiin yeroo baayyee dhukkuba fidu, kan akka utaalloo, HIV/AIDS, fi COVID-19.
Gahee fi Fayidaa Xiinimii
[gulaali | lakkaddaa gulaali]- Fayyaa Namaa: Micirjirtoonni muraasni dhukkuba fidanis, baay'een isaanii fayyaa keenyaaf murteessoodha. Meerqaan garaacha keessaa (gut microbiome) nyaata bulleessuu, vittaaminii oomishuu, fi sirna ittisa qaamaa cimsuuf gargaara.
- Sirnakkoo (Ecology): Mancaastoota ta'uun, soorata marsuun biyyee gabbisu. Naayitiroojinii qilleensa keessaa fudhatanii gara bifa biqiltoonni itti fayyadamuu danda'anitti jijjiiru.
- Oomisha Nyaataa: Raacitiin buddeena, biiraa, fi wayinii oomishuuf, meerqaan immoo itittuu (yoogartii) fi farmaajo oomishuuf tajaajilu.
- Biyookeeknooloojii: Micirjirtoonni qorichoota akka antiibaayootikii fi insuliinii oomishuuf, xurii qulqulleessuuf, fi boba'aa baayoo uumuuf fayyadu.