Lafxii

Ji'ograafii ( afaan Giriikii irraa : γεωγραφία, geographia, jargifan "ibsa lafaa" jechuudha) ykn Lafxiin (Jechoota Afaan Oromoo: lafafi xiinxala kan jedheman irraa dhufe yoo ta'u hiika waa'ee lafaa xinxaluu, qo'achuu jedhu qaba) qorannoo lafaa fi namoota ishee fi damee saayinsii hawaasaa keessaa tookko. Amalli isaas wantoota akka ardiilee, galaana, lageen fi gaarreen . Jiraattonni ishee namootaa fi neefkaalee ishee irra jiraatan hunda. Taateewwan ishee wantoota ta’an kanneen akka daaddoo(tide), ububbee(hurricanes), obomboleessa, kirkira lafaa fi kkf dha.
Namni ogeessa lafxii ta'e Hayyuu lafxii yookan lafxituu jedhama. Lafxituun addunyaa fi wantoota ishee keessa jiran, akkamitti akka jalqabaniifi akkamitti akka jijjiiraman hubachuuf yaala.
Ji’ograafiin kutaalee gurguddoo lamatti qoodama isaanis: Ji’ograafii fiizikaalaa fi ji’ograafii namaa . Ji’ograafii fiizikaalaa naannoo uumamaa kan qoratu yoo ta’u, ji’ograafiin namaa ammoo naannoo namaa qorata. Qorannoon naannoo namaa wantoota akka baay'ina ummata biyya tokkoo, dinagdeen biyya tokkoo akkamitti akka jiru fi kkf of keessatti qabata ture. Ji’ograafiin naannoos ni jira.
Kaartaan meeshaa ijoo ji’ograafii waan ta’eef, ogeeyyiin teessuma lafaa yeroo baay’ee hojjechuu fi qorachuuf dabarsu. Kaartaa hojjechuun kaartoogiraafii ykn xinkaartaa jedhama, namoonni kaartaa hojjechuu irratti adda ta’an ammoo kaartoogiraafiidha.
Lafxii nafoo
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Lafxii nafoo (ykn Fiiziyoograafiin) ji'ograafii akka saayinsii Lafaa irratti xiyyeeffata . Rakkoolee fiizikaalaa fi dhimmoota akka: Baqqaangaantii, Lafbishee, qilmarsaa, maafa biyyee (pedosphere), fi akkaataa biqiltootaa fi bineensota addunyaa ( naanjiree ) hubachuuf kan akeekedha.
Lafxii nafoo bakka bal’aa hedduutti qoodamuu danda’a, isaanis:
Ji’ograafiin namaa saayinsii hawaasummaa qorannoo namootaa fi hawaasa isaanii, aadaa, dinagdee fi walitti dhufeenya isaan naannoo wajjin qaban kan hammatudha. Ogeeyyiin teessuma lafaa naannoo dhala namaa qoratan: