Ji'oomeetirii
Ji'oomeetrii (jecha biraan Safarla ykn Heeda Caasaa) damee herregaa kan amala iddoo kan akka fageenyaa, boca, guddinaa fi sadarkaa walqabatee jiru qoratuudha. Akka damee herregaa isa kanaan duraa keessaa tokko ta’ee, ji'oomeetriin jalqaba kan uumame addunyaa foonii moodeelii gochuuf ture. Argannoowwan jaarraa 19ffaa keessa ji'oomeetrii daran bal’isan.
Ji'oomeetriin dameewwan xixiqqoo hedduutti qoodama. Isaanis kanneen akka:
- Ji'oomeetrii Yuukliidii
- Ji'oomeetrii qaacceessoo
- Ji'oomeetrii hamilataa
- Ji'oomeetrii addummaa
- Ji'oomeetrii aljeebraawaa
- Xiiniddoo
Ji'oomeetriin dame herregaa adda addaa wajjinis hidhata cimaa qaba. Fakkeenyaaf, ji'oomeetriin aljeebraawaa ragaa Wiles Ti’ooramii Fermatii isa Dhumaaf amaloota bu’uuraa fayyadama.
Seenaa
[gulaali | lakkaddaa gulaali]
Jaldeessi ji'oomeetrii kan jalqaba galmaa’e Meesoppotaamiyaa fi Gibxii durii keessatti kurneeffoo lammaffaa Dh.K.D. tti argamuu danda’a. Ji'oomeetriin durii kun walitti qabama qajeeltoowwan muuxannoodhaan argaman kan dheerina, kofa, bal’inaa fi qabee ilaalchisee kan hojjetame yoo ta’u, kunis safaroo lafaa, ijaarsaa, qorannoo urjii fi ogummaawwan adda addaa keessatti barbaachisummaa qaba ture. Kitaabonni ji'oomeetrii kanneen beekamoo ta’an warra Gibxii kan akka Rhind Papyrus (2000–1800 Dh.K.D.) fi Moscow Papyrus (ca. 1890 Dh.K.D.), akkasumas gabateewwan suphee Baabiloon kan akka Plimpton 322 (1900 Dh.K.D.) turan.
Jaarraa 7ffaa Dh.K.D. keessa, herregni Giriikii Taales kan Miletus ji'oomeetrii fayyadamuun rakkoolee kan akka olka’iinsa piraamidootaa fi fageenya dooniwwanii qarqara irraa jiran shallaguuf gargaaramu. Naannoo 300 Dh.K.D. tti, ji'oomeetriin Yuukliidiin jijjiirama guddaa arge. Kitaabni isaa Elements jedhamu, seenaa keessatti kitaaba barataa milkaa’ina guddaa argatee fi dhiibbaa guddaa uume jedhamee amanama.
Jaarraa 17ffaa jalqaba keessa, ji'oomeetrii keessatti guddinni barbaachisaan lama ture. Inni jalqabaa ji'oomeetrii qaacceessoo, ykn ji'oomeetrii qindeessiiwwanii fi walqixxaattoon fayyadamuun, Rene Descartes (1596–1650) fi Pierre de Fermat (1601–1665) uuman. Inni lammaffaan immoo qorannoo sirnaawaa ji'oomeetrii hamilataa Girard Desargues (1591–1661) ti.
Dameewwan Gurguddoo Ji'oomeetrii
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Ji'oomeetrii Yuukliidii
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Ji'oomeetrii Yuukliidii jechuun qorannoo boca diriiraa fi jajjaboo kan aksiimootaa fi ti’ooramoota irratti hundaa’uudha. Yaadrimeewwan bu’uuraa ji'oomeetrii Yuukliidii keessatti qabxiiwwan, sararoonni, aksiimootaa fi poostuleetoota Yuukliidii, ragaa ji'oomeetrii fi poostuleetii shanaffaa Yuukliidii of keessatti qabata. Dameen kun bal’inaan dameewwan akka fiiziksii, qorannoo urjii, yabaluu fi ijaarsaa keessatti fayyadama.
Ji'oomeetrii Al-yukliidii
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Ji'oomeetrii Al-yukliidii kan uumame yeroo herregtoonni poostuleetii shanaffaa Yuukliidii (poostuleetii wal-fakkaataa) jijjiiranidha. Ji'oomeetriin duqunqulaa fi ji'oomeetriin Baal-bantaawaa gosoota ji'oomeetrii Al-yukliidii lamadha.
- Ji'oomeetrii duqunqulaa qorannoo ji'oomeetrii diriiraa duqunqula irratti gaggeeffamudha.
- Ji'oomeetrii Baal-bantaawaa immoo boca daban qorata.
Ji'oomeetrii Qaacceessoo
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Ji'oomeetrii qaacceessoo qorannoo ji'oomeetrii kan lakkoofsa ykn qindeessiiwwan hedduu fayyadamudha. Rene Descartes (1596–1650) kan jalqabe yoo ta’u, qindeessiiwwan afroggee fayyadamuun qabxiiwwan bakka buusuu fi sararoonnii fi bocoonni walqixxaattoo aljebraayikiitiin akka agarsiifaman taasise.
Ji'oomeetrii Addummaa
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Ji'oomeetrii addummaa damee ji'oomeetrii kan rakkoolee furuuf tooftaalee aljebraa fi kaalkulasii fayyadamudha. Ti’ooriin Einstein kan General Relativity ji'oomeetirii Riemanniin irratti kan hundaa’e yoo ta’u, kunis damee ji'oomeetrii addummaati.
Ji'oomeetrii Hamilataa
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Ji'oomeetrii hamilataa amala bocoota ji'oomeetrii kan hamila fi kutaa jala jijjiirama hin qabne qorata. Girard Desargues (1591–1661) kan jalqabe yoo ta'u, amaloota bocoota ji'oomeetrii kanneen fakkii isaanii ykn "gaaddidduu" isaanii fuula biraa irratti agarsiisuun hin jijjiiramne qorachuuf gargaara.
Xiiniddoo
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Xiiniddoon amala bocoota kan jijjiirama wal-irraa hin cinne, kan akka maruu ykn diriirsuu, jala jiran qorata. Dameewwan akka fiiziksii, baayoloojii ykn saayinsii kompiitaraa keessatti bal’inaan fayyadama.
Fayyadama Ji'oomeetrii
[gulaali | lakkaddaa gulaali]Ji'oomeetriin dameewwan hedduu keessatti fayyadama qaba. Fayyadamoota isaa keessaa muraasni:
- Ijaarsa: Ji'oomeetriin ijaarsa gamoo, daandii, riqicha fi kkf keessatti fayyadama. Diizaayinii fi boca ijaarsaa murteessuuf gargaara.
- Saayinsii Kompiitaraa: Giraafiksii kompiitaraa, moodeelii 3D, fi dizaayinii geemii viidiyoo keessatti barbaachisaadha.
- Qorannoo Urjii: Astronomaroonni ji'oomeetrii fayyadamuun urjiiwwan hordofu, oorbiitii fi fageenya pilaaneetotaa fi saatalaayitoota gidduu jiru safaru.
- Oga: Artistoonni wal-madaalii, hirmeemii fi bocoota ji'oomeetrii fayyadamuun hojiiwwan aartii uumu.
- Yabaluu: Kaartaa fi sirna yabaluu GPS keessatti fageenya shallaguu fi daandii gabaabaa murteessuuf fayyadama.
- Isportii: Dirreewwan ispoortii fi meeshaaleen ispoortii hedduun qajeeltoowwan ji'oomeetrii irratti hundaa’uun hojjetamu.